AMN PLUS- Mudde 26/ 2017
Itoophiyaan qormaatilee keessatti dameewwan garaagaraatiin guddina ajaa’ibaan olka’aa jirti jedhan Ministirri Mummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr).
Pirojektii qaama sagantaa Maaddii Biyyaafiitiin Naannoo Soomaaleetti ijaaramaa kan jiru Pirojektiin Shabalee lafa heektaara 380 kan uwwisuudha.
Pirojektichi gara fuulduraatti babal’achuudhaaf carraa guddaa kan qabuu dha.
MM Abiyyi akka jedhanitti “Naannoo biyya keenyaa eessayyuu yoo daawwannu carraa fi abdii lakkoofsa hin qabne waliin wal argina, kun immoo Itoophiyaan carraa gudachuu akka qabadu mul’isa”.
Itoophiyaan qormaata keessa jiraatuyyuu guddina ajaa’ibaa damee adda addaatiin ol ka’aa jirti.
Guddinni waloo keenya nagaa eeguu irratti kan hundaa’edha, kunis bu’uura misoomaa fi badhaadhina itti fufiinsa qabuudha jedhan MM Abiyyi.
Dhaloota dhufuuf carraa ifaa ta’e kaa’uuf nagaa keenya haa tikfannu jechuu isaaniis waajira Muummee Ministeeraa irraa odeeffane.