AMN PLUS, Guraandhala 19, 2017
Goolii Mohaammad Saalaan baatii Guraandhalaa kana keessa Liivarpuuliif lakkoofsise kan Cheelsii fi Maanchistar Yuunayitid taphoota 4 irratti lakkoofsisanis ni caala.
Saalaan hirmaannaa gareen isaa gara gooliitti jijjiiru keessatti taasisuun dabalata baatii kana gooliiwwan 6 lakkoofsise.
Faallaa kanaa ta’ee tibbana injifannoon kan irraa fagaate Maanchistar Yuunaayitidii fi Cheelsiin ammoo walumattuu baatii kana taphoota 4 irratti hirmaataniin galchii shan(5)lakkoofsisan.
Galchii Saalaan bara kana lakkoofsise ammoo kan kilaboonni kanneen akka Saawuzaambitaniifi Ipsiwuch Taawon bara morkii kana lakkoofsisanii oli.
Urjiin Ijipti Mahaammad Saalan Pirimeerliigii Ingilaandi keessatti seenaa hojjechuu kan itti fufe yoo ta’u baroota lama walitti aansee galchiiwwaan 40 ol kilaba isaaf taphataa lakkoofsiseedha.
Bara kana galchiiwwaan Pirimeerliigii 25 lakkoofsisuun imala waancaa Liivarpuul miidhaksuun cinaatti ofiifis badhaasa kophee warqeef haala mijeeffachaa jira.
Misikkir Alamaayyootiin