Mootummaan lammiilee naannawa kirkira lafaa itti mudatu jiraatan kuma 80 kaasee yeroof qubsoisuuf sochii taasisaa jira- TKM

AMN PLUS- Mudde 26/ 2017

Mootummaan naannawaalee kirkirri lafaa mudateetti miidhaa qaqqabe hojjettoota yeroo balaa ogummaa garaagaraarra walitti babba’an bakkichatti bobbaasuun qorannoo taasisaa jiraachuu ibse.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa dhimmicha ilaalchisee ibsa waqtaawaa baaseen akka ibsetti, Naannawaalee daangaa Oromiyaa, Afaari fi Amaaraatti kirkirrii lafaa hammaan gargaar ta’ee irra deddeebiin mul’achuun ni yaadatama.

Taateen kun yeroo gara yerootti irra deddeebiin guddachaa jiraachuu ibsuun, keessattuu torbee kana kirkirri lafaa hanga Reektar Iskeeliin 5.8 galmaa’uu ibseera.

Mootummaan ogeeyyiin dhiyeenyaatti hordofaa jiraachuu ibsuun, bakkawwan kirkirri lafaa mudatee gandoota 12 adda baasuun hojjettoota yeroo balaa ogummaa garaagaraarra walitti babba’aan bakkichatti bobbaasuun hanga miidhaa qaqqabee qorachaa jiraachuun eerameera.

Lammiilee gandoota kanneen keessa jiraatan kuma 80 ol naannawicharraa faggeessuuf tattaffiin olaanaan taasifamaa jiraachuu ibsichaan eerameera.

Dhiibbaa dhaabbiilee tajaajila hawaasummaa,Diinagdee fi Bu’uuraalee misoomaarra qaqqabsiisu maluf hordoffiin taasifamaa jiraachuus kaaseera.

Hanga ammaatti magaaloota guguddoo keessa dhiibaa guddaa geessisuu baatuus, lammiileen ergaa of eggannoo ogeeyyiin kennaman hordofuu fi hojirra oolchuu akka qaban dhaameera.

Mootummaan dhimmicha itti dhiheenyaan kan hordofuu ta’uu fi odeeffannoo barbaachiisuu dhaabbiiilee dhimmichi ilaallatuun kan kennamu ta’uu akeekeera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply