Morkiin Xumuraa Waancaa Kooppaa Itilii 78ffaan galgala ni eegama

You are currently viewing Morkiin Xumuraa Waancaa Kooppaa Itilii 78ffaan galgala ni eegama

AMN PLUS Caamsaa 06/2017

Taphni xumuraa Kooppaa Itilii har’a galgala sa’aatii 4 Irratti AC Miilaani fi Boolonyaa gidduuti taasifamu si’oominaan eegama.

Bara kana dorgommii Seriyaa Itilii Irratti rakkachaa kan jiru AC Miilaan galgala kana istaadiyyeemii Room Olomikoo Irratti falmii Boolonyaa waliin taasisaniif qophii gahaa gochuu Isaani ibsuurratti argamu.

AC Miilaan keessa turuu kan hin mirkaneeffane leenjisaan Serjiyoo Koonseesa’oon torbeewwan muraasaa kilabicha morkataa taasiise jira.

Gama biraatiin leenjisaa Tiyyaagoo Mootaa dabalate taphattootaa murteessoo Jijjiirraa ganna darbeetiin kan dhabe Boolonyaan Viseenzoo Itaaliyaanoon durfamaati bara dorgommii gaarii dabarsaa kan jiru yoo ta’uu hirmaannaa Shaampiyoonis Liigii Awuroppaa argachuuf carraa bal’iffate jira.

AC Miilaan Waancaa Kooppaa Itilii erga injifate waggaa 22 kan lakkofsiise yoo ta’uu, Boolonyaan tapha kana kan injifatu yoo ta’ee waancaa Koppaa Itilii yeroo 51ffaaf ta’uun kan galmaa’uu ta’a.

Tapha torbee 36ffaa Seriyaa Itilii guyyoota muraasa dura waliin kan taphatan yoo ta’uu AC Miilaan goolii 3:1’n Boolonyaa injiffachuun isaa ni yaadatama.

Darajjee Adunyaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply