AMN- Sadaasa 12/2017
Hojiin deebsanii dhaabuu loltoota duraani hara’a ifatti hojii isaa yeroo eegalu nannoo Tigraayitti loltoota duranii gara wiirtuu haromsaatti galchuu eegaluu isaa Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa beeksiseera.
Loltoonni duraanii wiirtuuwwan deebisanii dhaabuu seenuuf meeshaa salphaa of harkaa qaban dabarsanii kennuu akka qaban akeekameera.
Haaluma kanaan meeshaa waraanaa dhuunfaa fi garee marsaa jalqabaa bakka bakka bu’oonni Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Awurooppaa argamanitti raawwatameera.