Obbo Shimallis, Pirezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee waliin mari’atan

AMN PLUS- Amajjii 4/ 2017

Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Kiigaalitti Pireezidaantii Ruwaandaa Poolkaagaameen waliin mari’ataniiru.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan Ruwaandaa Masaraa Mootummaa biyyattiitti Pireezidaanti Pool Kaagaamee waliin mari’ataniiru.

Pireezidaantii Ruwaandaa, Pool Kaagamee waliin dhimmoota waloo irratti mari’anneerra. Turtii Magaalaa Kiigalitti waliin dabarsineen hariiroo armaan dura gidduu keenya ture caalmatti cimsuun dhimmoota waloo irratti baldhinaan waliin hojjachuuf waliigalleerra jedhan Pireezidaanti Shimallis.

Imala kanaan, hojiilee milkaa’ina olaanaa itti galmeessisan hedduu kan daawwanne yoo ta’u, muuxannoo gaggaariis irraa qoodanneera jedhan Pireezidaanti Shimallis fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu daawwannaa hojiif Ruwaandaa Magaalaa Kiigaalii dhaquun kan yaadatamuudha.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply