Paartileen Siyaasaa adeemsa Marii biyyaalessaa irratti haala ho’aan hirmaataa jiru- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa

You are currently viewing Paartileen Siyaasaa adeemsa Marii biyyaalessaa irratti haala ho’aan hirmaataa jiru- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa

AMN PLUS – Sadaasa 5, 2018

Komishinii Marii Biyyaalessaa dhimma adeemsa marii biyyaalessaa fi hirmaannaa paartilee siyaasaa ilaalchisee paartilee siyaasaa waliin waltajjii marii guyyoota lamaaf turu gaggeessaa jira.

Komishinarri olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana, adeemsa marii komishinichi gaggeessaa jirurratti paartileen siyaasaa garaagaraa dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.

Bu’aa qabeessummaa adeemsa mariif hirmaannaan paartilee siyaasaa murteessaa ta’uu kaasanii, adeemsa marii kanarratti paartileen siyaasaa hedduun dammaqinaan hirmaachaa turuu yaadachiisaniiru.

Paartileen siyaasaa hanga ammaatti hin hirmaanne jiraachuu eeruun, paartileen kunneen yeroo itti aananitti akka hirmaatan waamicha dhiyeessuu Odeeffannoon Komishinicharraa arganne ni mul’isa.

Milkaa’ina kaayyoo komishinichaaf hirmaannaan paartilee siyaasaa murteessaa ta’uus hubachiisaniiru.

Hirmaannaan qaamolee hundaa rakkoolee biyyaalessaa harkifachaa dhufan waaraan furuuf kan dandeessisu ta’uus dubbataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply