Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa fi Obbo Masfin Xaasew Tarminaala Buufata Xiyyaaraa Jeneraal Waaqoo Guutuu eebbisan

You are currently viewing Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa fi Obbo Masfin Xaasew Tarminaala Buufata Xiyyaaraa Jeneraal Waaqoo Guutuu eebbisan

AMN PLUS- Mudde 27, 2017

Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Hojii Raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw Tarminaal Keessummeessa Maamiltootaa Buufata Xiyyaaraa Jeneraal Waaqoo Guutuu eebbisisaniiru.

Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Hojii Raawwachiisaa olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi Naannolee Tarminaal Magaalaa Roobeetti ijaarame kana eebbisiisaniiru.

Tarminaalli kun Birrii biiliyoona 1.1 oliin ijaaramuu ibsameera.

Ijaarsi bu’uuraaleen misoomaa daldalaa fi Invastimantii naannichaa guddisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Pireezidaanti Shimallis sagantaa eebbicharraatti haasawa taasisaniin eeraniiru.

Buufanni kun Baalee dachee misooma qonnaa fi qabeenya Tuuriziimiin badhaateetti ijaaramuun adda isa taasiisa jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply