AMN – Sadaasa 29/2017
Prezdaantiin Siiriyaa Bashar Al-Asad erga humnoonni finciltootaa magaalaa guddoo Damaasqoo to’atanii booda biyyaa baqachuun isaanii beekkameera.
Bashar al-Asad Damaasqoorraa ka’ee bakka hin beekkamneetti akka baqatan gabaasame.
Ajajaan Hayat Tahriir Al-Sham Abu Mohammad Al-Julaani dhaabbileen mootummaa hundi yeroodhaaf akka muummicha ministeeraatiin hoogganaman ajaja dabarsaniiru.
Bashaar Al-Asaad aangoo kan qabatan bara 2000tti sababaa du’a abbaa isaanii Hafeez Al-Assad hordofee akka ta’e fi ergasii biyyattii hoogganaa kan turan yoo ta’u umrii 59tti aangoorra ka’uu isaanii Aljeziiraattu gabaase.