Pirojektiin misooma qarqara laggeenii Inxooxxoo haga ammaatti lafa hektaara 300 misoomseera

You are currently viewing Pirojektiin misooma qarqara laggeenii Inxooxxoo haga ammaatti lafa hektaara 300 misoomseera

AMN PLUS- Guraandhala 10, 2017

Jiilli Miseensota Mana Maree Magaalaa Finfinnee Af-Yaa’ii Mana Marichaa Aadde Buzeenaa Alkadiriin duurfamu Hojiilee Misoomaa Magaalichatti hojjatamaa jiran daawwate.

Miseensonni Mana Marichaa Piroojaktii Misooma Qarqara laggenii Inxooxxoo, Misooma Koridariifi kanneen biroo daawwachaa jiru.

Lafa Heektaara 438 fi kiilomeetira 21 kan haguugu Pirojektiin misooma qarqara laggeenii Inxooxxoo hanga ammatti lafa heektaara 300 ol misoomee jiraachuu daawwannaa kanarratti ibsameera.

Piroojaktichi Walumaa galatti Birrii Biliyoona 32’n hojjatamaa jiraachuun ibsameera.

Piroojaktiin kun Magaalaan Finfinnee Miidhagduu, Hawwattuufi Jiraattotaafi keessummootaaf mijattuu akka taatuuf abdatameera.

Piroojaktichi hojjattoota hawaasa Koonsoo irraa dhufaniifi Muuxannoo Daaga hidhuu qaban 300 caalantu irratti bobba’ee jira.

Gama Biraatiin Mandara Piroojaktii qindaawaan Gullallee Miseensota Mana Maree Magaalaa Finfinneetiin daawwatameera.

Haadhooliin Gaara Inxooxxoo irratti Qoraan funaanuufi ba’aa gurguddaa Duugdatti baachuun rakkachaa turan 537 Gurmaa’anii carraa hojii kan argatan yommuu tahu, Haadholiin kunneen guyyaatti Buddeena Kuma 129 buusuun Hoteelota, Koollejjii Barsiisota Kotobeefi Dhaabbilee biroof dhiheessaa jiraachuu Miseensota Mana Marichaa Daawwannaa kanarratti argamaniif ibsameera.

Mahaammad Toofiqitu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply