Pirojektiwwan gurguddaan cabinsa diinagdee biyyaa suphu- Ogeessa Diinagdee

You are currently viewing Pirojektiwwan gurguddaan cabinsa diinagdee biyyaa suphu- Ogeessa Diinagdee

‎AMN PLUS – Onkoloolessa 21/2018

‎Ijaarsi pirojektiiwwan gurguddoo cabinsa diinagdeefi wal-madaaluu dhabuu diinagdee gooroo biyyatti sirreessuun misooma itti fufiinsa qabu akka mirkaneessan Ogeessi Diinagdee Yohaannis Baqqalaa himan.

‎Obbo Yohaannis AMN waliin turtii taasisan Itoophiyaan yeroo jijjiiramaatti seente qala’iinsa jireenyaafi wal madaaluu dhabuu diinagdee gooroo keessa galtee akka turte yaadachiisan.

‎Kunis dhiibba idaa, hanqina kuufama sharafa alaa, carraa hojii dhabamuu, rakkoo oomishtummaafi qalaa’iinsa gatii wajjiin wal qabatee biyyatti rakkoo cimaa keessa galchee akka ture dubbatan.

‎Mootummaanis jijjiirama hordofuun cabinsa diinagdee wal’aanuuf diinagdee gooroo cimaafi itti fufiinsa qabuu ijaaruu kan dandeessisu imaammata tarkaanfachiisaa fudhachaa akka jiru Obbo Yohaannis eeran.

‎Hidha haaromsaa xumurame dabalatee, warshaa gaazii, qulqulleessituu boba’aa, warshaa xaa’oo, buufata Xiyyaaraa Bishooftuu fi kanneen biroo ijaarsi isaanii kan eegalame pirojektiwwan meeggaa bu’aa imaammata kanaa yoo ta’an misooma itti fufsiisuun akka biyyattii olka’insa kan mirkaneessadhas jedhaniiru.

‎Pirojiktiwwan kunneen galtee walii ta’uun sharafa biyya alaa hambisuun oomishawwan biyya alaatti oomishamu biyya keessatti bakka buusuun carraa hojii uumuufi ce’umsa teeknooloojii mirkaneessuu keessatti gaheen isaa guddaa akka ta’e Obbo Yohaannis ibsaniiru.

‎Pirojektiwwan kunneen yoo xumuraman Ardii Afrikaa misoomaan walitti hidhuun tasgabbii dhabuu diinagdee addunyaa dandamachuuf gargaaruu keessatti gaheen isaanii olaanaa akka ta’es ibsaniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply