Poolisiin Federaalaa humna gahumsaafi ogummaa gonfatee guddummaa Itoophiyaa mirkaneessu ijaareera- Komishinar Jeneraal Dammallash G/Mikaa’eel

You are currently viewing Poolisiin Federaalaa humna gahumsaafi ogummaa gonfatee guddummaa Itoophiyaa mirkaneessu ijaareera- Komishinar Jeneraal Dammallash G/Mikaa’eel

AMN Onkololeessa 10, 2017

Poolisiin Federaalaa humna poolisii gahumsaafi ogummaa gonfatee guddummaa Itoophiyaa mirkaneessuu danda’u ijaaruu Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash G/Mikaa’el himan.

Komishiniin Poolisii Federaalaa raawwii hojii bara 2016 keessatti biyya tiksuufi nageenya hawaasaa kabachiisuuf gootota miseensota poolisii federaalaafi hoggansa isaa aarsaa garaagaraa kaffalaniif sagantaa galateeffannaa qooheessuun beekamtiis kennera.

Komishinarri itti Aanaan komishinii Poolisii Federaalaa Malaakuu Faantaa jijjiirama akka biyyaatti dhufe hordofee Poolisiin Federaalaa beekumsaafi teekinooloojii yeroon gaafatu hidhachuun hawaasa yakka jibbu uumuu keessatti hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu himan.

Poolisiin federaalaa waltajjiiwwan gurguddoon biyyaalessaafi Afrikaa Finfinneetti kabajamanii fi magaalattiitti ayyaanonni uummataa dirree irratti kabajaman karaa naga qabeessa ta’een akka kabajamaniif dirqama itti kenname sirnaan bahaa turuu dubbataniiru.

Nageenyummaa uummataa mirkaneessuufi birmadummaa biyyaa kabachiisuun Afrikaanotaaf fakeenya ta’aa Itoophiyaa guddoo yaaddoo nageenyaa hin qabne ijaaruuf hojiin amma eegalame cimee kan itti fufu ta’uu Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash G/Mikaa’el dubbataniiru.

Dhumarrattis Komishiner Dammallaash ergama Fi kallatti hojii itti kennuun sagantichi xummuurameera.

Miseensota Poolisii federaalaa sadarkaa adda addaa, hoggansaafi dhaabbilee mootummaa milkaa’ina hojii komishinichaa bara 2016’f gumaacha ol’aanaa taasisaniif beekkamtiifi badhaasni kennameera.

Sisaay Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply