
AMN- Sadaasa 07/2017
Tajaajili Kominikeeshiinii Federaalaa dhimmoota nageenyaa, dinagdeefi hawaasummaa garagararratti Miidiyaaleef ibsa kenneera
Mootummaan rakkoo Nageenyaa Naannolee biyyattii tokko tokkotti muudatas jiru furuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjataa jiraachuu Ministirri Tajaajilaa Kominikeeshinii Federaalaa Dr. Laggasaa Tulluu beeksisaniiru.
Qaamolee hidhatanii bosona seenuun hawaasa shoororkeessaa jiraniif ammas balballii araaraa banaadha jedhan.
Waamicha Mootummaan Yeroo garagaraatti taasisaa jiruun qaamonni hidhatan hawaasa rakkisaa turan hammeenyummaa isaaniirra barachuun karaa nagaatiin namoonni kumaatamaan lakkawamanii harka kennachuu ibsaniiru.
Xiyyeeffannoo damee Turiiziimiif kennames akka barbaadametti akka hin sochoonneef rakkoon nageenyaa turuus kaasuun, kana furuufis Mootummaan hawaasa waliin hojjataa jira jedhan.
Dr. Laggasaan akka jedhanitti Xiyyeeffannoo Mootummaan damee Turiiziimii kenneen hojiilee Magaala Finfinneetti hojjataman Finfinnee waltajjii idil addunyaa fi Afrikaa hedduu keessummeessuun dande’uu himaniiru.
Hojiilee Misooma Koriidarii Finfinneetti hojjatame miidhagumaa Magaalaa dabaluun cinatti Misooma Namoomarratti kan xiyyeefateedha kan jedhan Dr Laggasaan Muuxannoon Finfinneetti eegalame sadarkaa biyyaarra darbuun biyyoota hedduutti babaldhateera jedhaniiru.
Itoophiyaan Miseensa Walqixxumaa dinagdeetti amanu BRICS tti dabalamuun dhageettii biyyaattiin naannawa Gaanfa Afrikaattii qabduu dabaluun danda’uus himaniiru.
Namoomsaa Baalliitu gabaase