AMN- Muddee 18/2017
Rakkoo amma numadachaa jiruuf furmaanni waraana osoo hin taane marii ta’uu Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniiru.
Gumiin Balal marsaa 40ffaan qindoomina Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa fi Waajjira Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qophaa’e mata duree “Wal waraansa irraa gara nageenya waaraatti” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Obbo Hayiluun marii kanarratti haasawa taasisaniin rakkoo uumamaa jiruuf furmaanni waraana akka hin taane hunduu hubateera jedhanii, Oromiyaan bakka sagaleen rasaasaa keessatti hin dhaga’amne gochuuf hunduu tumsuu akka qaban eeran.
Itti dabaluun Humnoota hidhatanii turan haaromsaan hawaasatti deebisuu fi madaa ture fayyisuuf hojiin jalqabame itti fufas jedhan.
Daandiin nagaa jalqabame boqonnaa haaraa fiduun cehuumsa Itoophiyaa mirkaneessuufillee shoora olaanaa akka qabu Obbo Hayiluun himaniiru.
Cabiinsa hawaasummaa araaraan suphuu fi duudhaa ganamaatti deebi’uun tokkummaan fuula keenya misoomatti deebisuuf hunduu tumsuu akka qabus kaasaniiru.
Marii kanarratti Obbo Dabalaa Fiixumaa Waraqaa Qorannoo mata-duree “Wal Waraansa irraa gara nageenya waaraatti jedhu” Gumii kanarratti dhiyeessaniin, wal waraansa furanii tasgabbiif nageenya fiduudha jedhani.
Kana gochuuf immoo humnoota hidhatanii turan meeshaa karaa nagaan hiikkachiisuu haaromsa kennuun gara qaama hawaasaatti deebisuudhaa jedhan.
Akkasumas humna kana deebisanii dhaabuun gama nageenyaa, dinagdee fi hawaasummaatiin rakkoo isaan duraan qaban furuun murteessaadhas jedhaniiru qorannoo dhiyeessaniin.
Milkaa’ina kanaaf qaamoleen kunneen jaalalli biyyummaa fi saba isaanii isaanitti dhaga’amee fuula isaanii gara misoomatti deebisuu akka qabanis himameera.
Kana milkeessuu keessatti qoodni qaamolee hawaasaa murteessaa ta’uus eeraniiru.
Abdiisaa Fufaatu Gabaase