Seenaa dabe sirreessuufi guddina aadaafi duudhaa uummnataaf qorannoon murteessaa ta’uu himame

You are currently viewing Seenaa dabe sirreessuufi guddina aadaafi duudhaa uummnataaf qorannoon murteessaa ta’uu himame
  • Post category:Aadaa
  • Post comments:0 Comments

AMN Plus- Onkoloolessa 22/2018

Leenjiin Dandeettii ogeeyyiifi qorattoota Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Giddu Galaa Aadaa Oromoofi Inistitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo cimsuu Giddu Gala Aadaa Oromootti kennama jira.

Seenaa dabee sirreessuu, kan dhokate ifa baasuun dhaloota dhufutti darbarsuuf dandeettii qorattootaa cimsuun barbaachisa ta’u Daayirektarri itti aanaa Inistitiyuutii Qo’annofi Qorannoo Oromoo Obbo Zinaabuu Asraat himaniru.

Hoogganaan Itti aanaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Gargaaraan piroofeesera Daraaraa Kataamaa, qorattoonni beekumsaafi dandeettii qorannoo horachuun qorannoo gaggeessuun murteessaa ta’uu himaniru.

Kanaaf ammoo haala qabatama addunyaa irra geesseen beekumsaafi dandeettii qorannoo irratti qabaachuun xiyyeeffannoon hojjechuu qabnas jedhan.

Qorannoon hojji Invaastimaantii guddaa ta’u kan himan Yuunivarsitii Finfinneetti barsiisaafi qorataa Afaaniifi aadaa Dr Taaddasaa Jaalataa, qorannoowwan qorataman qindaawaafi saayinsaawa, bu’aa qabatamaa akka buusuuf taasisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’u himaniru.

Dirribaa Yaadataatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply