AMN Onkololeessa 9, 2017

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laaviroov Ministira Dhimma Alaa FDRI haaraa muudaman Dr. Geediyoon Xiimootiwoosiif ergaa baga gammaddee dabarsaniiru.
Sargee Laavroov Dooktar Gediyoon waliin ta’uun tumsa yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Raashiyaa gama siyaasaan diinagdee, daldala, dhimma namoomaa fi dameewwan birootiin daran cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Tumsi kun fayyadamummaa ummata biyyoota lamaanii fi nagaa fi tasgabbii naanniwwicha mirkaneesuu bu’uura kan godhatu ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Doktar Gediyoon Ximotewoos hojiin isaanii akka milkaa’uuf hawwii guddaa akka qaban ibsuu isaanii odeeffannoon Itoophiyaatti Imbaasii Raashiyaa irraa argame ni mul’isa.