Shaakalli Waraanaa Raashiyaafi Belaarus NATO yaaddesse

You are currently viewing Shaakalli Waraanaa Raashiyaafi Belaarus NATO yaaddesse

‎AMN PLUS- Fulbaana 2/2018

‎Shaakalli waraanaa Raashiyaafi Belaarus waliin taasisan Waadaa Waraanaa Atilaantik Kaabaa (NATO) yaaddesseera.

‎Shaakalli waraanaa “Zapad 2025” jedhamuun beekamu kun daangaa biyyoota miseensaa NATO’tti siqee taasisamuun isaa ammoo waan NATO’n akka of eeggannoo cimsu akeekkachiise ta’uu himameera.

‎Poolaand, yaaddoo qabdurraa kan ka’e daangaa ishee yeroo cufattu, daangaa qilleensaa NATO cabsuufi diroonota lakkaa’uuf ulfaatu erguun yaaddoo guddaa Uumaa jirti jechuun Raashiyaa himatteetti.

‎Shaakalli waraanaa kun har’a irraa eegalee hamma Wiixata torban dhufuutti yoo adeemsifamu, haleellaan Xiyyaaraa magaalota Yuukireen irratti taasifamus akkasuma cimee itti fufuuf isaa dhaga’ameera.

‎Dubbi Himaan Kreemiliin Dimitrii Peeskoov, “shaakalli waraanaa kun haleellaa biyyoota biroo irratti raawwachuun kan karoorfame miti” haa jedhan iyyuu malee, NATO’f akeekkachiisa guddaa ta’ee itti fufeera.

‎Muummichi Ministiraa Poolaand, erga Waraana Addunyaa 2ffaatii as guyyootni rakkisoo ta’an Poolaanditti waan dhufaa jiraniif lammiileen hunduu of eeggannoo cimsadhaa” jechuun humna waraanaa isaanii dursanii hiriirsaniiru.

‎Ministirootni dhimma Alaa Poolaandiifi Yuukireen haala itti qolachuun danda’amurratti mari’ataniiru.

‎Dabalataanis, Miseensotni NATO, Lituuniyaafi Laativiyaan daangaa qilleensaa isaanii cufuun humna waraanaa isaanii of eeggannoon dhaabaniiru

‎Pireezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleniskiin, “Kaayyoon Mooskoo Yuukireeniin waraanuu irra kan darbedha ” jechuun biyyoota miseensaa NATO’tti illee yaaddoo tahuu beeksisaniiru.

‎Haa ta’u malee, shaakalli Waraanaa Zapad jedhamu kun waggaa 4tti yeroo tokko akka adeemsifamu ta’uu kan eere Al-Jazeera’n Bara 2021’tti taasifamuu isaa yaadachiisa.

‎Mooskoon loltoota 200,000 hiriirsite shaakala waraanaa kana dursuun, Yuukireeniin weeraruuf daandiishee qulqulleeffachuun ammas “maaltu beeka”nama jechisiisa.

‎Faransaay humna waraanaan deggeruun ammumaa daangaa qilleensaa Poolaand seenteetti, biyyootni miseensa NATO biroos qophii taasisaa akka jiran himameera.

Madda: Al-Jazeera fi AP

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply