Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti sosochii guyyaa tokkotti dargaggoota kuma lamaaf carraa hojii uumuu jedhuun dargaggoota Kuma lamaaf carraan hojii dameelee garagaraan guyyaa tokkotti uumamuufi ibsame.
Dargaggoonni Carraan hojii Uumameef kunneen, damee Qonna Magaalaa, Maanufaakcheriingii, Ijaarsa, Daldalaafi Tajaajiloota garagaraatti bobba’anii kan hojjatan ta’uun himameera.
Itti aantuu hoji raawwachiistuufi itti gaafatamtuun Waajjira Hojiifi Ogummaa kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aadde Wubiit Yohaannis, akka kutaa magaalichaatti lammiilee hoji dhabeeyyiin Kuma 21 galmaa’anii leenjii Ogummaa garaagaraa fudhatanii kan jiran ta’uu himanii kanneen keessassas abbootii qabeenyaa waliin qindoominaan hojjechuun guyyaa tokkotti dargaggoota 2000f carraan hojii uumamuu ibsaniiru.
Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Obbo Alamaayyoo Miijanaa, rakkoo hoji dhabdummaa furuuf dhaabbilee dhuunfaafi mootummaan waliin qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu himan.
Hojii qindoominaan hojjetameenis bu’aa qabatamaan argamaa jira jechuun, akka kutaa magaalichaattis damee carraa uumuu irratti xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Lammiileen carraan hojii uumameefis ilaalcha hojii tuffachuufi filachuu keessaa ba’uun carraa hojii argatan kanatti fayyadamanii ofiifi biyya isaanii jijjiiruuf hojjechuu akka qabanis dhaamameera.
Jiraataa Biyyanaatu Gabaase.