Barri 2024 seenawwan gurguddoo kan hin irraanfatame hanbisee darbuufi. Kanneen keessaa muraasa isaanii haa ilaallu:-
Akka biyyaatti
• Gaaffiin Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ taa’uuf kaaste bara 2023 yoo ta’u miseensummaa guutuu ifatti kan argattee fi garee kanatti kan makamte jalqaba bara 2024 ture.
• Hojiin koridarii Magaalaa Finfinnetti eegales bara 2024 keessa. Hojiin koridarii Magaalaa Finfinneetti eegalame kun simboo dabalataa fiduun hawwata dabalataa umuun Magaalattii giddu-gala tuurizimii taasiseera. Hojiin kun yeroo ammaa muuxannoo gaarii ta’uun magaalota biyyattii gara garaa keessatti adeemsifamaa jira.
• Faajjii Injifannoo biyya keenyaa kan ta’e Yaaddannoon Injifannoo Aduwaa dabalatee Haaromsi Masaraa guddicha Biyyalessaa, Mandara Eco-tourism Beynunaa ijaarsii isaanii xumuramee kan eebiffaman bara xumuramaa jiru 2024 keessa.
• Magaalaan Finfinnee konfarasiiwwan Idil-Addunyaa 20 ol yeroo jalqabaaf kan qopheessite baruma darbaa jiru kan keessa.
• Hojiin ashaaraa magariisa waggota ja’an darbaniif kan itti fufe yoo ta’u bara 2024ttis biqiltuu biliyoonaan lakaa’amu dhaabuun kan itti danda’amedha. Guyyaa tokko keessatti qofa biqiltuu miiliyoona 615.7 dhaabuun seenaa guddaan kan itti hojjatame bara faranjoota xumuramaa jiru kana keessa.
• Sigigaachuu lafaa naannoo Kibba Itoophiyaa dabalatee naannolee biyyatti garaa garaatti mudateen lubbuu namoota hedduu galaafatee kan darbe baruma faranjoota xumara irra jiru kan keessa. Balaan kun gadda guddaa akka biyyaatti uumus uummatini biyyattii aadaa walgargaarsa baroota dheeraf guddifateen rakkoo mudate dandamachuun danda’ameera.
• Balaa abiddaa Magaalaa Finfinnee bakka adda addaa keessatti mudateen qabeenyi hedduun kan manca’e bara xumurame kan keessa ture. Haata’u malee namoota sababa balaa abiddaa uumameen miidhamiif bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qarshii miliyoona 20 ol baasii gochuun deebisee ijaaruuf carraaqqii taasiseera.
• Kirkirri lafaa Naannoo Afaar Awaash Fantaalleetti eegalee irra deddeebi’uun kan mudate bara faranjootaa xumuraa jirru kana keessa. Hanga ammaa rakkoo hamaan lubbuu namaarratti uumame jiraachuu baatus seenaa bara 2024 ta’ee ni yaadatama.
• Gaaffii waggoota soddomaa olii kan ta’e fedhiin karra galaanaa argachuu Itoophiyaa kan itti ka’e baruma faranjootaa 2024 yoo ta’u, gaaffiin kun beekkamtii Idil-Addunyaa argateera.
• Maagalli Finfinnee badhaasa adda addaa kan argattes bara xumuraa 2024 kana keessa. Haaluma kanaan ‘Best Africa Smart Cities’ Award fi ‘2024 Seoul Smart City Leadership Award’ fi kkf ni caqafamu.
• Fooyya’insi Dinagdee Gooroo Itoophiyaa kan itti hojii irra ooles bara 2024 keessa ture. Tarkaanfiiwwan imaammataa sagantaa fooyya’iinsa dinagdee gooroo kanaan faayidaalee guguddoo argaman keessa sirna sharafa alaa gabaarratti hundaa’e akka tilmaamamu taasisuun isa tokko ture.
• Ambaasaaddar Taayyee Atsqa Sillaasee Pireezidaantii Mootummaa Federaalawaa Diimookraatawaa Itoophiyaa ta’uun kan muudaman bara faranjootaa xumuramaa jiru kana keessa ture.
• Sagalee Uummataa kan ta’e AMN chaanaalii dabalataa ‘AMN PLUS’ tamsa’in yaalii xumuree gara sagantaa idilee eegaluutti kan gale bara xumura faranjoota kan keessa dha.
Akka Addunyaatti
• Warranni Israa’elii fi Haamaas gidduutti Onkololessa 2023 eegalullee hanga 2024 kan itti fufee dha. Gara dhumaatti gara nagaa buusuutti yoo dhufaniyyuu lubbuu namoota hedduu gaaga’ee kan darbeedha.
• Warraanni Raashiyaa fi Ukireen gidduu jiru ammayyuu kan itti fufe yoo ta’u, sodaa waraana addunyaa sadaffaa kaasa jedhu uumeera.
• Bara 2024 Filannoon biyyoota hedduus kan itti gaggeefameedha. Filannoo biyya Ameerikaa qalbii addunyaa bituun kan beekamu, morkii guddaan kan itti taasifamuudha. Filannoo kana Pireezidaatiin Itti Aantuu Kaamalaa Haariis ni mo’atti jedhamee eegamus Pireezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp yeroo lammaaffaaf injifataniiru.
• Mootummaa Sooriyaa garee humnoota finciltootaan fonqolchamuunis taatee bara 2024 addunyaan keessummeessiteedha. Pireezidaantiin Sooriyaa duraani Bashir Al-Asaad turtii waggaa 14’n booda masaraa mootummaa abbasanii gadi dhiisanii kan baqatan baruma kana keessa dha.
• Barri 2024 kan itti balaa xiyyaara biyyoota addunyaa adda addaa keessatti mudatee fi lubbuu namoota hedduu kan itti darbeedha. Sababa kanaan qabeenyi hedduun kan itti manca’e ta’uun galmee seenaa gurraacha keessatti galmeeffamee darbeera.
Qopheessaan Tolasaa Mabraateeti
AMN – Muddee 22/2024