Tajaajila seeraa si’ataafi loogii maleessa hawaasa biraan gahuuf abbootiin murtii kuttannoon hojjechuu akka qaban Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Aadde Lalisee Dassaalanyi ibsan.
Manni Murtiichaa tajaajila seeraa si’ataa fi qulqullina qabu fayyadamtoota biraan gahuuf qooda fudhattoota waliin marii taasisaa jira.
Uummata biraatti amanamummaa manneen murtii guddisuuf abbootiin murtii kutannoon hojjachuu akka qaban Aadde Lalisee Dassaalanyi ibsaniiru.

Amanamummaa kanas mirkaneessuuf adeemsa seeraa loogii irraa bilisaa, bu’a qabeessa, saffisaafi itti gaafatamummaa qabu hawaasa biraan gahuun barbaachisaa akka ta’es dubbataniiru.
Hanqinoota manneen murtii keessa jiran furuufis qaamolee qooda fudhattoota waliin hojjechaa akka jiranis kaasaniiru.
Manni Murtichaa teeknooloojii “Smart Court moment” jedhamu fayyadamuun tajaajila si’ataa kennaa jiraachuus Aadde Laliseen ibsaniiru.
Waltajjii marii kana irrattis raawwiin hojii Mana Murtichaa kan bara 2017 fi kan kurmaana tokkoffaa bara 2018 dhiyaateera.
Bayyanaa Taaddasaatu Gabaase