Tapha Guutuu Itoophiyaa 6ffaaf qophiin xumuramaa jira

You are currently viewing Tapha Guutuu Itoophiyaa 6ffaaf qophiin xumuramaa jira

AMN Plus Waxabajjii 05/2017

Tapha Guutuu Itoophiyaa 6ffaa qopheessummaa Naannoo Oromiyaatiin Waxabajjii 10/2017 irraa eegalee Magaalaa Jimmaatti adeemsifamu ilaalchisuun Ministeerri Aadaafi Ispoortii miidiyaaleef ibsa kenne.

Ibsicha kan kennan Ministir Deetaa Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad jijjiirama akka biyyaatti dhufe keessatti dameen ispoortii xiyyeeffannaa guddaa argachuu eeranii, guutummaa biyyattii keessatti bu’uuraaleen misoomaa ispoortii kuma 11 ol hojjetamaniiru jedhan .

Dabalataanis ispoortii aadaa taasisuuf cabiinsa damee kana muudatan adda ba’an sadan seeraan hoogganamuu dhabuu, rakkoo bulchiinsa gaariifi dorgommiiwwan sadarkaa biyyaalessaatti adda cituu adda baasuun rakkoowwan kanneen furuuf hojjetamaa jira jedhan.

Taphni Guutuu Itoophiyaa waggaa sagaliif adda citee ture bara kana deebi’uun isaas cabiinsa kana fayyisuuf tarkaanfii fudhatameedha jedhan.

Dorgommicharratti hirmaachuudhaaf ispoorteessitoonni kuma 14 fi 500 ol kan galmaa’an yoo ta’u, gosoota ispoortii 26n kan dorgomamu ta’a.

Ibsaa Xurunaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply