Taphataan sarara fuulduraa garee biyyaalessa Itoophiyaa duraanii Mulugeetaa Kabbadaa du’aan boqote

You are currently viewing Taphataan sarara fuulduraa garee biyyaalessa Itoophiyaa duraanii Mulugeetaa Kabbadaa du’aan boqote

AMN PLUS Waxabajjii 04,2017

Taphataa seena qabeessi sarara fuulduraa garee biyyaalessa Itoophiyaafi kilaba Q/Giyoorgis duraanii Mulugeeta Kabbadaa du’aan addunyaa kana irraa du’aan boqote.

Taphattoota sarara fuulduraa ciccimoo Itoophiyaa keessaa tokko kan ture Mulugeetaa Kabbaa, dhukkuba isa muudateen yaala irra osoo jiruu lubbuun darbeera.

Bara 1970 fi Saddeettamoota keessa wayita Itoophiyaan waancaa Afrikaa Bahaafi Giddugaleessaa injifattu taphattoota sarara fuulduraan gooliiwwan lakkoofsisuun gahee leencaa bahatan keessaa tokko ture.

Magaalaa Daseetti dhalatee imala kubbaa miilaa kan eegale Mulugeetaa Kabbadaa, waggaa jalqabaa kilaba Walloo Peepsii waliin waancaa akkuma injifateen garee biyyaalessa Itoophiyaa irraa waamichi taasifameefi.

Kilaba akka biyyaatti maqaa gaarii qabu Q/Giyoorgisiif mallatteessuun bara 1977 hanga 1989 yeroo gaarii kan dabarse taphatichi,Kilabicha waliin waancaawwan 14 milkeesseera.

Dachaasaa Dhaabiitu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply