Tola ooltummaa waqtii gannaan Birrii biiliyoona 19 ol baraaruun danda’ameera

You are currently viewing Tola ooltummaa waqtii gannaan Birrii biiliyoona 19 ol baraaruun danda’ameera

AMN Onkololeessa 10, 2017

Sadarkaa biyyaalessaatti Tajaajilaa tolaa Waqtii gannaan qabeenya Birrii biiliyoona 19.3 baraaruun danda’amuu ibsameera.

Sagantaan cufiinsa Tajaajila Tola Ooltummaa Waqtii Gannaa bara 2016 mata duree Gaarummaa fi wakummaa olka’iinsa Itiyoophiyaaf jedhuun hojjetamaa ture sadarkaa biyyaa kessaatti magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera.

Tajaajila Tola Ooltummaa dargaggootaa waqtii Gannaa kanarraa kutaaleen hawaasaa miilyoona 52.7 fayyadamoo ta’uu Ministir Deetaan Damee Dargaggootaa Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Muunaa Ahimad ibsaniiru.

Hojii kanaan qabeenyi Birrii biiliyoona 19.3 ta’u baraaramuu dubbactaniiru.

Hojii tola ooltummaa ganna darbeen akka biyyaaleessatti dargaggootni miiliyoona 22.4 hirmaannaa taasiisuu ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply