Traamp Raashiyaan gara G-7 akka deebitu yaada dhiheessan

You are currently viewing Traamp Raashiyaan gara G-7 akka deebitu yaada dhiheessan

AMN PLUS- Guraandhala 7, 2017

Pirezidaantiin U.S Doonaald Traamp Raashiyaan gara biyyoota Garee 7tti deebi’uun G-8 akka irra deebiin milkaa’u taasisuuf yaafa dhiheessan.

Raashiyaan bara 2014 Bulchiinsa Yuukreen kan turte Kireemiyaa weeraruu ishee hordofee G-8 keessaa baafamtee turte.

Traamp yaada kennaniin “Raashiyaan akka G-7tti deebitu nan barbaada. Kana duras ba’uunshee sirrii miti. Puutiin deebi’uuf fedhii qaba jedheen yaada” jedhan.

G-7 biyyoota akka US, Fraans, Jarmanii, Itaalii, Jaappaan, Kanaadaafi UK kan hammatedha.

Maddi: Rooyitarsi

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply