AMN Plus- Onkoloolessa 22/2018
Tuutni Ogeeyyii fayyaa biyya Siwiidin qindeesummaa dhabbata Ogeeyyota fayyaa lammilee Itoophiyaa biyya alaa jiraataniin hundaa’ee ENT PLUS fi Waldaa Daayaspooraa Itoophiyaan tajaajila fayyaa bilisaa kennuuf Itoophiyaa dhufan.
Turtii isaanii torbee lamaa keessatti Hospitaalota Xiqur Ambassaa fi Yekkaatit 12tti dhukkubsattoota mormaa olii kan tajaajilan ta’u jedhameera.
Pireezidaantii Itti Aanaa Waldaa Daayaspooraa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Nagaasaa addatti AMN Plusf yaada kennaniin, Ogeeyyiin fayyaa kunniin namoota harka qalleeyyii biyya alaatti deemanii waldhaanamuu hin dandeenyeef tajaajila tolaa kennuu akka dhufan himan.
Ammaaf namoonni kuma Afur ta’an waldhaansa kanaaf galma’anii akka jiran dubataniiru.
Obbo Dammaqaan itti dabaluun Tuutni Ogeeyyii fayyaa soddomii shan ta’anis torbee tokko booda tajaajila walfakkaataaf gara biyya akka seenan himaniiru.
Dursaan Tuuta Ogeeyyii fayyaa Biyya Siwiidiin tola ooltummaaf dhufan kanaa fi Hundeessaa fi Perezidaantiin dhabbata ENT plus Doktar Zawuduu Malaakuu gama isaaniin Ogeeyyonni fayyaa kun dhukkubsattoota tola waldhaanuu qofa osoo hin taane meeshaa waldhaansaa fuudhanii dhufan hunda Hospitaalota itti waldhaansa Kennan kanaaf kennannii akka deeman dubbataniiru.
Ogummaa isaanii kana barsiisuunii fi itti fayyadama meeshalee waldhaansaa kunneenillee ogeessota fayyaa biyya keenyaa barsiisanii akka deeman dubbataniiru.
Akka Doktar Zawuduun jedhanitti, ogeeyyonni tajaajila tola oltummaaf dhufan kunniin, marsaa duraa kanatti namoota sagal yoo ta’an, torbee tokko boodas tuutni biraa biyya keessa akka seenuu fi guyyaa guutuu kan tajaajilan ta’u himaniiru.
Dhaabbanii isaani ENT PLUS tajaajila tola Ooltummaaf Ogeeyyota fayyaa fiduun biyya isaa waggoottan kudha sadan darbaniif tajaajilaa turuus Dr. Zawuduun kaasaniiru.
Bayyanaa Taaddasaatu Gabaase