Ulaa galaanaarraa faayidaa dhabnus balaan isaa nu hin hanqatu – Caalchisaa Amantee (PhD)

You are currently viewing Ulaa galaanaarraa faayidaa dhabnus balaan isaa nu hin hanqatu – Caalchisaa Amantee (PhD)

‎AMN PLUS – Sadaasa 02/2018

Baroota Ulaa Galaanaa dhabnetti Itoophiyaan faayidaa Qarqara Galaanaa dhabdus balaan isaa garuu nu hin hanqatu jedhan Yunivarsiitii Paabilik Sarvisii Itoophiyaatti Barsiisaafi Qorataan Biizinasiifi Tarsiimoo Caalchisaa Amantee (PhD).

Dooktar Caalchisaan ‎turtii AMN PLUS qophii Roga Dubbii waliin taasisaniin, ‎”Qarqarri Galaana Diimaa Itoophiyaa irraa Kiiloo Meetira 60 hin caalle waan ta’eef osoo bishaanni guutee dhufee Itoophiyaa dhaqqabuun hin oolu” jedhan.

‎Ulaa galaanaa malee jiraachuun akka nama mana kiraa keessa jiraatuuti kan jedhan Dooktar Caalchisaan, biyyoonni Itoophiyaan ulaa galaanaa akka hin arganne barbaadan Eertiraadhaaf, Jibuutiidhaaf ykn akka waliigalaatti Afriikaaf yaadanii miti” jedhaniiru.

Biyyoonni guddatan qabeenyaa ormaa akka qabeenya isaaniitti waan lakkaa’ataniifi diinagdee ofii isaaniitiif yaadanii qabeenya Itoophiyaan uumamaan qabdu ofii fayyadamuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

‎Itoophiyaan ulaa galaanaa ofii dhabuu isheetiin qabeenya ofii argattu biyyoota ollaatiif akka kaffaltu kaasuun, biyyoonni buufata doonii ofiif qabaatanii kireessan yoo barbaadan gatii dabaluufi qabeenyaa isaa akka hojiirra hin oolchine gochuu danda’u jechuun kaasaniiru.

‎Dhimmi ulaa galaanaa dhimma geejjiba al-ergii fi alaa galchuu qofaa akka hin taane eeruun, “birmadummaa biyyaa eegsisuun nageenya amansiisaa fidee wal dorgommii gabaa yeroo ammaa jiru kanatti qaamni sadaffaan akka barbaade si gochuu akka hin dandeenye kan taasisuudha” jechuun dubbataniiru.

‎”Yeroo seeronni Mootummoota Gamtoomanii ittiin bulan biyyoota guddataniif hojjetee warra guddinarra jiraniif immoo hojiirra hin oolle jira” kan jedhan hayyuun kun haqaan taanaan garuu seeruma Addunyaatiin waliigalteedhaan kan raawwatamuu danda’u akka ta’e ibsaniiru.

‎Itoophiyaan karaa dippiloomaasii Ministeerri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) biyyoota Addunyaa waliin uumaa jiraniin gama nagaan ulaa galaanaa karra bahumsaafi seensaa ta’u argachuu akka dandeessu ibsuun, ta’us humnaan waan fudhatame humnaan deebisuun akka filannoo dhumaatti kan ilaalamu ta’uu hubachiisaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply