Uummanni Somaaliilaand filannoo Pireezidaantummaa gaggeessaa jiru

You are currently viewing Uummanni Somaaliilaand filannoo Pireezidaantummaa gaggeessaa jiru

AMN- Sadaasa 04/ 2017

Somaaliilaand har’a yeroo 4ffaaf filannoo Pireezidaantumma gaggeessaa jirti.

Taajjabdoonni filannoo idil addunnyaa adeemsa filannichaa taajjabuuf biyyatiitti argamuu ibsameera.

Filattoonnii miiliyoonni tokkoo fi kumni 200 fi kumni 27 kan galmaa’aan yoo ta’u, raawwachiiftoonni filannoo kumni 13 fi buufataalee filannoo kumni 2 fi 648 sagaleen kennamaa jiraachuu Komishiniin filannoo biyyaalessaa Somaaliilaandi beeksiseera.

Filannoo naannolee 6 keessatti gaggeeffamu kanaan ummanni Pireezidaantii fi Paartiif sagalee ni kennu jedhame.

Filannoo Pireezidaantummaa har’a gaggeeffamu kanaan paartiileen Kuulimiiyyee Nageenyaaf, Waadaanii fi UCID jedhaman ni morkatan jedhame.

Buufataalee filannoo Kutaalee Baha biyyattii muraasatti rakkoo jiru hordofee filannoon kan hin gaggeeffamne ta’uu komishinichi ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply