Waggoottan jijjiiramaatti sirna daldalaa si’eessuu fi dhiheessii guddisuun hanga qaala’iins gatii fooyyessuun danda’ameera Kaasaahuun Goofee (Dr.)

You are currently viewing Waggoottan jijjiiramaatti sirna daldalaa si’eessuu fi dhiheessii guddisuun hanga qaala’iins gatii fooyyessuun danda’ameera Kaasaahuun Goofee (Dr.)

AMN PLUS- Bitootessa 23/2017

Waggoottan jijjiiramaa sirna daldalaa si’eessuu fi dhiheessii guddisuun hanga qaal’aiinsa gatii fooyyessuun akka danda’ame Ministirri Daldalaa fi walitti Hidhamiinsa Naannowaa Kaasaahuun Goofee (Dr.) ibsan.

Kaasaahuun Goofee (Dr.) galiifi daldala al- ergii Itoophiyaa fi haala yeroo ilaalchisuun ibsa kennaniin adeemsi jijjiiramichaa dameewwan hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan kaleessa duuchaan ilaaluu osoo hin taane idaas, mindaas godhee kan hubatuudha jedhan.

Itoophiyaa badhaate dhugoomsuuf dogoggora sirreessuu fi cimina itti fufsiisuun bu’ura jijjiiramaa ta’uu ministirichi eeranii, baay’inaa fi dandeettii dorgommii fooyyessuun rakkoo furuurratti dandeettii gabbataa ijaaruun akka danda’ame ibsaniiru.

Sirna daldalaa Itoophiyaa ammayyeessuuf hojmaatileen fooyya’uu eeruun, haala eyyamni daldalaa itti kennamu gabaabsuun milkaa’uun akka danda’aame Kaasaahuun (Dr.) dubbataniiru.

Appilikeeshinii sirni galmee eyyama daldalaa onlaayinii hojjechuun tajaajilamtoonni mana isaaniitti keessummeeffamuu akka danda’an taasifamuu eeraniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuun oomishaalee bu’uuraa dabalatee dhiheessii fooyyessuuf hojjetamuu ibsaniiru.

Keessumaa sagantaan maaddii guutuu yaada ministirri muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) maddisiisaniin eegalame oomishaa fi oomishtummaa magaalatti guddisuun dhiheessii oomishaa fooyyessuun danda’ameera jedhaniiru.

Dhiheessii oomishaa guddisuurra darbee hawaasa daldalaa irratti sirna to’annoo cimaa diriirsuun daballii gatii hin malle to’achuuf tarkaanfiin fudhatamuu ibsuu isaani TOI irra odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply