AMN – Muddee 10/2017
Waltajjiin ajandaa marii walitti qabuu Naannoo Oromiyaatti gaggeeffame waltajjii aadaan wal dhaggeeffachuu fi wal kabajuu itti dagaagee ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.
Komishinichi hojiilee guyyoottan shanan darban akka Naannoo Oromiyaatti hojjataman irratti ibsa Miidiyaaleef kenneera.
Waltajjiin ajandaa marii walitti qabuu akka Naannoo Oromiyaatti guyyoottan shanan darban gaggeeffame karaa aadaa wal dhaggeeffannaa fi wal kabajuun keessatti mul’ateen adeemsifamaa turuu isaa Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Doktar Ambaayee Ogaatoo ibsaniiru.
Ajandaawwan gurguddoon biyyaaf bu’aa buusan, tokkummaa sabaa fi sablammootaa cimsan kan ka’an ta’uus himaniiru.
Hirmaannaan bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa yaada kennuurratti agarsiisan olaanaadha jedhan Komishinarichi.
Bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa 7020 aanaalee Oromiyaa 356 hirmaatan, namoota 320 filachuus eeraniiru.
Dhiyeessii Loojistika Geejjibaan wal-qabatee hanqinni muraasni muudatus, qooda fudhattoota waliin ta’uun furuun danda’ameera jedhaniiru.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase