AMN – Sadaasa 23/ 2017
Nageenya naannoo Tigraayitti bu’een gammadoo ta’uufi waraanni yoomiyyuu irra deebi’amuu akka hin qabne Hidhattootni Naannoo Tigraayi leenjii haaromsaa fudhataa jiran dubbatan.
Rakkoo mudatu waraanaan furuuf yaaluun miidhaa hamaa dhaqqabsiisuu ibsan.
“Waraanni obbolaa keenya hedduu nu dhabsiiseera, miidhaa waraanaa hunda ijaan argineerra” jedhani.
Waraana irraa wanti buufanne du’aatiifi kasaara waan ta’eef rakkoo hunda mariin furuun aadaa ta’uu akka qabus hidhattoonni kunneen dubbataniiru.
Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa magaalaa Maqaleefi Idaagaa Hamusitti loltoota naannichaa duraanii leenjisuun gara jireenya idileetti akka deebi’an taasisaa jira.
Leenjii kanaan barnoonni jijjiirama amalaafi xiinsammuu fudhachuun gaafa xumuramus mallaqa ittiin bayyanataniifi hojii eegalan ni kennamaaf jedhameera.
Marsaa jalqababaan loltoota kuma 75 leenjisuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u bajata birrii biiliyoona 6 ol qabamuu eerameera.
All reactions:
7474