Onkoloolessa 10, 2017
Pirimeerliigiin Ingilaandi torbee 8ffaa irra gaheera.
Tapha torbee 8ffaan taphni Liveerpuul vs Cheelsii walitti fidu tapha cimaa torbee kanaati.
Tapha kanaaf ayyaana kan ilaallatu kilaba Peep Gaardiyoollaa Maanchistar Siitiidha.
Siitiin morkii Wolveerhampteen Wandeerersi waliin qabuun milkaa’ee, Liveerpuul vs Cheelsiin qixa kan xumuran taanaan Peep Joseef Gaardiyoollaan daandii milkaa’inaa sana qabatu.
Peep jara lameen Arnee Islootiifi Eenzoo Maareskaa wal nyaachisan miliquu barbaadu.
Haata’uuti Liveerpuul qe’ee isaa Anfiildi Rooditti Cheelsiif beellama qabuun akka Maanchistar Siitiin barbaadu dhiisuu tahuu mala.
Ammoo Siitiin waa’ee Liveerpuul Cheelsii yaaduu caalaa dursee ofiis hojimanee of-harkaa qabu xumuruutu irraa eegama.
Arseenaal guyyaa kaleessaa tolchee adabamuun Maanchistar Siitiifi Liveerpuuliif carraa kenneera.
Dubbiin dubbii kubbaa miilaa tahuun isaanis faana Arseenaal kan hordofan taanaan garuu Cheelsiin milkii toluu mala.
Wolviis vs Maanchistar Siitiin sa’atii 10:00 tti yoo eegalu, Liveerpuul vs Cheelsiin ammoo 12:30 tti beellama jabaa qabu.
Iddoosaa Abdiin