Eebbaa warshichaarratti Pirezidaantin Itoophiyaa Taayyee Asqasillaasee, Pirezidaantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, angaa’ota Mootummaa Federaalaafi Naannoolee dabalatee hawaasni Godina Shawaa Lixaa argamaniiru.
Warshaan Dhugaatiiwwanii Keenyaa lafa heektaraa 110 irratti akka ijaarameefi Birrii Biiliyoona 22 ijaaramuu Hoji Gaggeessan Warshichaa Afawoorqi Laggasaa ibsaniiru.
Warshichi meeshaalee teeknolojii sadarkaa addunyaa eeggatan kan of keessatti hammate yoo ta’u,Waggaatti Dhugaatiiwwan heektooliitira miiliyoona sadii ol oomisha jedhameera.
Warshaan Dhugaatii Keenyaa ammaatti lammiilee 250’f carraa hojii uumuu kan ibsame yoo ta’u, Walii galaan namoota 1,000’f madda carraa hojii ni ta’a jedhameera.
Dura taa’aan Boordii Warshaa Dhugaatiiwwanii Keenyaa Obbo Nawaay Magarsaa Abbootii Aksiyoonaa Kuma 4 oliifi waldaalee hojii gamaltaan kan hudaa’e ta’uu kaasaniiru.
Warshaan Dhugaatiiwwanii Keenyaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii Magaalaa Ginciitti ijaarame.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase