{"id":11202,"date":"2025-12-02T17:21:29","date_gmt":"2025-12-02T17:21:29","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=11202"},"modified":"2025-12-02T17:21:33","modified_gmt":"2025-12-02T17:21:33","slug":"paarkonni-24-fi-iddoowwan-ikoo-turizimii-haaraan-18-waggoota-sadan-darbanitti-hundaaaniiru-obbo-shimallis-abdiisaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/","title":{"rendered":"Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa"},"content":{"rendered":"\n<p><a><\/a>AMN PLUS- Sadaasa 23\/2018<\/p>\n\n\n\n<p>Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan waggoottan sadan darbanitti paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 hundaa\u2019aniiru jedhan.<\/p>\n\n\n\n<p>Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa fedhii misooma dinagdeefi fulla\u2019iinsa naannawaa gidduutti madaallii eeguun socho\u2019aa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.<\/p>\n\n\n\n<p><strong><em>Ikoo-Turizimii Oromiyaa: Imala Hawwata Turizimii Keenya Rog-daneessuu<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa fedhii misooma dinagdeefi fulla\u2019iinsa naannawaa (environmental sustainability) gidduutti madaallii eeguun socho\u2019aa jira. Rifoormii sektaraalee dinagdee damdaneessuf gaggeessen, turizimii akka toora xiyyeeffannootti fudhachuun baldhinaan misoomsuu irratti argama.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"683\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/6-1-1024x683.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-11204\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/6-1-1024x683.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/6-1-300x200.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/6-1-768x512.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/6-1.jpg 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Adeemsa turizimii baramaa, hawwata dhaala seenaafi aadaa\/amantaa qofa irratti daanga\u2019ee ture, yaadama ikoo-turizimii beeksisuufi misoomsuun, naannawa umamaa (teessuma lafaa, bosona, yaa\u2019awwan, bineensota, \u2026) gara hawwata turizimiitti fiduu danda\u2019eera. Kanaanis, galma sektaricha rog-daneessuuf qabate gulantaa tokko olguddisuu danda\u2019eera.<\/p>\n\n\n\n<p>Naannichi, inisheetivii misooma paarkiifi ikoo-turizimii karoora ittifayyadama lafaa naannichaatiin walsimu, akkasumas hirmaachisummaafi fayyadamummaa hawaasa naannawaa (local community) mirkaneessuu danda\u2019an bocee, baldhinaan misoomsuu irratti argama.<\/p>\n\n\n\n<p>Bu\u2019uuruma kanaan, waggoottan sadan darban qofa paarkota 24\u2019fi iddoowwan ikoo-turizimii 18 haaraa hundaa\u2019aniiru. Paarkonni kunniin godinaalee 14 keessatti kan argaman yoota\u2019u, lafa hekt. kuma 534 ol uwwisu. Tarkaanfiin kun, paarkota buleeyyii sadan (Paarkii Biyyoolessaa Gaarreen Arsii, Paarkii Biyyoolessaa Booranaafi Paarkii Biyyoolessaa Dhaatii Walal) dabalatee, paarkota naannoo keenyaan bulaan gara 27\u2019tti kan guddisedha.<\/p>\n\n\n\n<p>Iddoowwan ikoo-turizimii haaraa 18\u2019ttan, lafa hekt. kuma 117 ol uwwisu. Inisheetiviin babaldhina ikoo-turizimii kun, fulla\u2019iinsa naannawaa mirkaneessuu cinaatti, hawaasa naannawaatiif carraa hojii qonnaan alaafi filannoo galii dabalataa kan umudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Dabalataanis, hawaasni fayidaa dinagdee argachuun isaa, eegumsaafi kunuunsa naannawaaf taasisu cimsee akka ittifufu kan jajjabeessudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Ikoo-turizimiin, malli jireenyaa, dhaalli aadaafi duudhaan hawaasa naannawaa, daawwattoota seen-duubee garagaraa qaban biratti akka hubatamu kan taasisudha. Akkasumas, hubannoo, ilaalchafi beekumsa haaraan akka walqunnamu carraa kan banudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Qabeenya naannawaafi eegumsa taasifamuu malu ilaalchisee, hubannoo daawwattootaas ta\u2019ee hawaasa naannawaa guddisuuf waltajii ta\u2019ee kan tajaajiludha.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"576\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/8-1024x576.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-11205\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/8-1024x576.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/8-300x169.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/8-768x432.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/8-800x450.jpg 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/8.jpg 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Hunda caalaa, dhiibbaa hi\u2019intaa turizimii baramaan hawaasummaa, ilaal-qalbii, qaama ykn amala naannawaafi hawaasa qe\u2019ee irraan gahu daran kan hirdhisudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Mootummaan Naannichaa, fayidaalee gama naannawaa, dinagdeefi hawaasummaatiin argamuu qaban kunneen mirkaneessuuf, Karoora Tarsiima\u2019aa Ikoo-turizimii Oromiyaa qopheessee hojjechaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Iddoowwan ikoo-turizimii haaraa hundaa\u2019an keessaa, marsaa duraatiin saddeet (08) filatee dhaqqabummaafi mijatummaa isaanii misoomsuu irratti argama.<\/p>\n\n\n\n<p>Gama bu\u2019uuraalee misoomaatiin, waggoota muraasa darban, buufataalee xayyaaraa ikoo-turizimii dabalatee, dhaqqabummaa hawwata turizimii naannichaa giddugaleeffatan jaha (06) misoomsuun afur (04) hojiitti galcheera. Gama hidhamiinsa daandiifi \u2018telecom\u2019 mirkaneessutiinis hojiilee gurguddaa raawwachaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Saddeettan duursa argatan keessatti, hojiin \u201cfaasiliitiwwan\u201d toora qunnamtii dhaqqabummaafi mijatummaa misoomsuu gaggeeffamaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Gama tokkoon agarsiiftuwwan (signage) garagaraa, giddugala odeeffannoo dawwattootaa, qubsuma kaampii (campsite)\u2019fi kkf guutuu irratti argama. Gama birootiin barroo gorsaa (manual) duudhaalee ikoo-turizimii, qabiinsa daawwattootaafi sirna sagaleen hawaasa naannawaa ittiin dhaggeeffatamu qopheessuufi diriirsuun ittifufee jira. Akkasumas, qacarriin hojjettootaafi hooggantootaa gaggeeffamaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Waldaalee ikoo-turizimii hawaasaa hundeessuun, hawaasa daldala turizimii keessa galchuuf sochii baldhaan taasifamaa jira.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"576\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/9-1024x576.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-11206\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/9-1024x576.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/9-300x169.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/9-768x432.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/9-800x450.jpg 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/9.jpg 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Hawaasi naannawaa carraalee hojii qajeelcha turistii, gabaa meeshaalee hojii harkaafi aadaa, tajaajila dhiyeessii nyaataa, geejjibaafi bultii irratti hirmaachuun galii ittifufiinsa qabu akka argatu hojiin hubannoo umuufi deeggarsa ogummaa kennuu raawwatamaa jiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Hojiilee beeksisaafi dhaadhessa gabaa turizimii raawwatamaa jiraniin, hoteelonniifi loojiiwwan hawaasaa babaldhachuu irratti argamu.<\/p>\n\n\n\n<p>Iddoowwan saddeettan marsaa kanaan duursa argatan cinaatti, piroojektoonni toora gandoota turizimii hawaasaan durfaman hojiirra oolaniiru. Gama kanaan, piroojektoota Ikoo-turizimii Wancii\u2014Daandiifi mandara ikoo-turizimii filatamtuu Leephis kaasuu dandeenya.<\/p>\n\n\n\n<p>Uwwisni lafa paarkileefi iddoowwan ikoo-turizimii waggoottan sadan darban hundeeffaman hekt. kuma 650 gaheera.<\/p>\n\n\n\n<p>Dabalataanis, paarkota buleeyyii naannodhaan bulan sadi, mootummaa federaalaatiin bulanifi naannolee ollaa waliin daangaa qooddatan shanifi dawoo bineensota bosonaa (santuary) naannodhaan bulan lama kaasuun nidanda\u2019ama.<\/p>\n\n\n\n<p>Mootummaan Naannoo keenyaa, dilbiiwwan hawwata turizimii naannichaa duguugee fayyadamuuf karoora tarsiima\u2019aa bocee socho\u2019uu irratti argama.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"576\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/10-1024x576.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-11207\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/10-1024x576.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/10-300x169.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/10-768x432.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/10-800x450.jpg 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/10.jpg 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Fakkeenyaaf, labsii invastimantii dhuunfaa &#8220;medical tourism&#8221;fi keessummeessa (hospitality) jajjabeessu baasera. Bu\u2019uuruma kanaan, fageenya giddugala biyyaa irraa qabaniin, invastimantii fayyaaf waggoota 10-15, keessummeessaf hanga waggoota 5\u2019tti, lafti liizii irraa bilisa kan dhiyaatu ta&#8217;a.<\/p>\n\n\n\n<p>Dabalataanis, magaalaa Bishooftuu, karoora mummee (master plan) haaraa qopheessuun, akka magaalaa turizimiitti caasesseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Karoorichi qooddattoota danuu kan walsimsiisedha.<\/p>\n\n\n\n<p>Gama tokkoon naannawa umamaa (harawwan, gaarren, bosona), dhaala seenaafi aadaa (Irreechaa, qe&#8217;ee Harsadee, Odaa Nabee) kan ka\u2019anidha.<\/p>\n\n\n\n<p>Gama birootiin buufata xayyaaraa magaalichatti misoomu yaa\u2019iinsa &#8220;medical tourism&#8221;fi daawwannaa idileetif oolchuun akka danda\u2019amu, haala addaatiin kan qophaa\u2019edha.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaagalatti, sirnakkoo dandeessisoon gama maraan umamaa jiru, hundaa&#8217;ol ammoo, inisheetivoonni Looreeta Nagaa Addunyaa, Muummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD) kanneen akka Wancii-Dandii, Beenunaa, Soof-Umar, Loojiiwwan Diinshoofi Sannaatee, invastimantii sektarri dhuunfaa gama turizimiitiin taasisu daran dadamaqsaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Mootummaan Naannoo Oromiyaa, tarkaanfii gama misooma turizimiitiin eegale humna guutuufi invastimantii fulla\u2019iinsa qabuun cimsee kan ittifufu ta\u2019a.<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"11202\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"ed1925c676\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/11202\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS- Sadaasa 23\/2018 Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan waggoottan sadan darbanitti paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 hundaa\u2019aniiru jedhan. Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa fedhii misooma dinagdeefi fulla\u2019iinsa naannawaa gidduutti madaallii eeguun socho\u2019aa jiraachuu ibsaniiru. Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera. Ikoo-Turizimii Oromiyaa: [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":11203,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[16,31],"tags":[],"class_list":["post-11202","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-editors-pick","category-tuurizimii","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.4 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS- Sadaasa 23\/2018 Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan waggoottan sadan darbanitti paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 hundaa\u2019aniiru jedhan. Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa fedhii misooma dinagdeefi fulla\u2019iinsa naannawaa gidduutti madaallii eeguun socho\u2019aa jiraachuu ibsaniiru. Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera. Ikoo-Turizimii Oromiyaa: [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2025-12-02T17:21:29+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2025-12-02T17:21:33+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/7.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"960\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"491\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"5 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa\",\"datePublished\":\"2025-12-02T17:21:29+00:00\",\"dateModified\":\"2025-12-02T17:21:33+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/\"},\"wordCount\":740,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/12\\\/7.jpg\",\"articleSection\":[\"Editor's Pick\",\"Tuurizimii\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/\",\"name\":\"Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/12\\\/7.jpg\",\"datePublished\":\"2025-12-02T17:21:29+00:00\",\"dateModified\":\"2025-12-02T17:21:33+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/12\\\/7.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/12\\\/7.jpg\",\"width\":960,\"height\":491},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/11202\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS- Sadaasa 23\/2018 Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan waggoottan sadan darbanitti paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 hundaa\u2019aniiru jedhan. Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa fedhii misooma dinagdeefi fulla\u2019iinsa naannawaa gidduutti madaallii eeguun socho\u2019aa jiraachuu ibsaniiru. Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera. Ikoo-Turizimii Oromiyaa: [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2025-12-02T17:21:29+00:00","article_modified_time":"2025-12-02T17:21:33+00:00","og_image":[{"width":960,"height":491,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/7.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"5 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa","datePublished":"2025-12-02T17:21:29+00:00","dateModified":"2025-12-02T17:21:33+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/"},"wordCount":740,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/7.jpg","articleSection":["Editor's Pick","Tuurizimii"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/","name":"Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/7.jpg","datePublished":"2025-12-02T17:21:29+00:00","dateModified":"2025-12-02T17:21:33+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/7.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/12\/7.jpg","width":960,"height":491},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/11202\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 Waggoota sadan darbanitti hundaa\u2019aniiru- Obbo Shimallis Abdiisaa"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/11202","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=11202"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/11202\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":11208,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/11202\/revisions\/11208"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/11203"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=11202"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=11202"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=11202"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}