{"id":12686,"date":"2026-01-09T08:36:49","date_gmt":"2026-01-09T08:36:49","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=12686"},"modified":"2026-01-09T09:04:04","modified_gmt":"2026-01-09T09:04:04","slug":"mootummaan-naannoo-oromiyaa-magaalota-gara-wiirtuu-dinagdeetti-ceesisuuf-hojjechaa-jira-obbo-shimallis-abdiisaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/","title":{"rendered":"Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa"},"content":{"rendered":"\n<p><a><\/a>AMN PLUS &#8211; Mudde 30\/ 2018<\/p>\n\n\n\n<p>Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.<\/p>\n\n\n\n<p>Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, magaalonni keenya yaadama, caaseffamaafi hoggansa akka motora dinagdeetti hubatan dhabuurraa kan ka\u2019e, abbaa dinagdee laamsha\u2019oo ta\u2019anii turaniiru jedhan.<\/p>\n\n\n\n<p>Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa kana hundeerraa jijjiiruun magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"682\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612541544_1338227068326066_2529532198206691200_n-1024x682.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12688\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612541544_1338227068326066_2529532198206691200_n-1024x682.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612541544_1338227068326066_2529532198206691200_n-300x200.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612541544_1338227068326066_2529532198206691200_n-768x512.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612541544_1338227068326066_2529532198206691200_n.jpg 1280w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Akka Motora Dinagdeetti \u2014 Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa<\/p>\n\n\n\n<p>1. Lafjalee Ijaarsa Mootummaa Dinagdee Magaalaa<\/p>\n\n\n\n<p>Masaanummaan magaalonni ummata keenya waliin qabaachaa turan hirdhisaa haadhufu malee, sadarkaa galmoota qabsoo isaa milkeessuuf isaan dandeessisuun hinhaaromne. Magaalonni keenya yaadama, caaseffamaafi hoggansa akka motora dinagdeetti hubatan dhabuurraa kan ka\u2019e, abbaa dinagdee laamsha\u2019oo ta\u2019anii turaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa kana hundeerraa jijjiiruun magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira. Bifti magaala tokkoo, hundaa\u2019ol hoggansa dinagdee isaatiin murtaa\u2019a. Kanaaf, mootummaafi hoggansa magaalaa dinagdee dhimma ijoo taasisee socho\u2019u umuuf qophii gahaa taasisneerra.<\/p>\n\n\n\n<p>Pilaanonni haaraan babaldhina ammayyummaa, diriirfama seerota\/qajeelfamoota\/hojimaatota dandeessisoo, ijaarsa sirnakkoo lammiilee tattaaffiif kakaasu akkasumas qaamolee dinagdee dorgomummaa qaban hawwatuufi tajaajila qulqulluu, ariifataafi si\u2019oomaa akka bu\u2019uura dinagdee magaalaatti kaa\u2019aniiru. Babaldhina digiitaalomsaa, toorarroomsaa (IOT), kalaqaafi dammaqina dhaweessummaa akka bu\u2019uura ijaarsa dinagdee dijitaalaatti fudhataniiru. Tarkaanfiin kun, carraalee, dilbiifi hudhaalee dinagdee magaalaatiif, hoggansa dhaweessawaa kennuun gamanumaa akka baratamu jajjabeessaa jira. Gama birootiin ce\u2019uumsa diinagdee magaalaa akeekaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Pilaanonni mummee haaraan magaalota Shaggar, Bishooftuu, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (ZDAG)\u2019fi Adaamaa indastirii, turizimii, qonnaafi dinagdee dijiitaalaa akka toora xiyyeeffannoo dinagdee ijootti kaa\u2019u. Kanaafis, koriidoroota misoomaafi funyoowwan sochii dinagdee adda baasuu qofa osoo hintaane gidduu isaanitti hidhamiinsa qindaa\u2019aa sochii dinagdee onnachiisan abuuraniiru. Caasaa nafoo yoofudhanne, saaphanni daandiifi buuraajoo (sarara bishaanii, anniisaa, \u201cnetwork\u201d) walsimaan karoorfamaniiru. Gama kaaniin, misoomni caasaa nafoo \u201cICT\u201dfi hojimaatafi tajaajila dijiitaalomsuufi toorarroomsuun baldhinaan karoorfamaniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img decoding=\"async\" width=\"1006\" height=\"656\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612509434_1338227298326043_7373400514048059914_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12690\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612509434_1338227298326043_7373400514048059914_n.jpg 1006w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612509434_1338227298326043_7373400514048059914_n-300x196.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612509434_1338227298326043_7373400514048059914_n-768x501.jpg 768w\" sizes=\"(max-width: 1006px) 100vw, 1006px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Bishooftufii Shaggar akka toora xiyyeeffannoo dinagdeetti haaqabatan malee, magaalonni hundi gahee turizimiin damee mara keessatti dinagdee baay\u2019isuuf qabu sirnaan hubatameera. Bu\u2019aan gama kanaan argamuu malu akka dhugoomu, gama tokkoon labsiiwwan damicha jajjabeessan lallabamaniiru; gama birootiin bu\u2019uuraalee ijoon karoora bira taranii misoomaa jiru. Tajaajilli (transportation tickets, hotel booking)\u2019fi beeksisni turizimii dijiitaala\u2019aafi toorarroomaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaa galatti, galii maddisiisu cinaatti, gahee turizimiin fulla\u2019iinsa naannawaa, hawwata invastimantii alaa (FDI), babaldhina bu\u2019uuraalee misoomaa, sochii daldalaa, bittaaf gurgurtaa, ijaarsa godambaafi hoteelotaa onnachiisufi dinagdee damdanuu karaa qabsiisuu keessatti qabu xiinxalameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Shaggar, Bishooftufi Adaamaan \u201cSovereign Fund\u201d mataa isaanii hundeessuun, horataalee tarsiima\u2019aa qaban irratti invastimantii tarsiima\u2019aa garagaraa taasisaa jiru. Kanaanis haalli furguuga dinagdee umuuf tolu gamanumaa mijataa jira. Gama birootiin carraalee dinagdee jiran hunda duguuganii fayyadamuuf inisheetivoota magaalaa torbaa (07) ol bocanii raawwataa jiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img decoding=\"async\" width=\"590\" height=\"384\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612202620_1338227091659397_7992816004905462138_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12691\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612202620_1338227091659397_7992816004905462138_n.jpg 590w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612202620_1338227091659397_7992816004905462138_n-300x195.jpg 300w\" sizes=\"(max-width: 590px) 100vw, 590px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Walumaagalatti, tokkoon tokkoon isaanii, dilbii caalmaa qaban irratti hundaa\u2019uun, toora xiyyeeffannoo dinagdee ijoo isaanii adda baafataniiru. Akkasumas, toora xiyyeeffannoo ijootti aansee, sochiilee dinagdee dabalataafi koriidoroota misoomaa adda baasaniiru. Haa\u2019ilaallu:<\/p>\n\n\n\n<p>2. Xiyyeeffannoo Dinagdee Ijoofi Koriidoroota Misoomaa<\/p>\n\n\n\n<p>SHAGGAR \u2014 Akka Mandhee Dinagdee Afrikaatti<\/p>\n\n\n\n<p>Shaggar muldhata bara 2042\u2019tti mandhee dinagdee Afrikaa ta\u2019uu qabachuun hundaa\u2019e. Xiyyeeffannoo dinagdee ijoo isaatiin, Shaggar magaalota buleeyyii hafanirraa addadha. Shaggar hunda caalaa carraa baldhaafi dilbii caalmaa damdanuu qaba. Akkasumas, caaseffamni bulchiinsaa isaa, mootummaa magaalaa ofdanda\u2019aa kan isa jechisiisudha. Kanaaf, Bishooftufi Adaamaan toora ijoo dinagdee tokko irratti yemmuu xiyyeeffatan Shaggar damdanuu karoorse. Isaanis: indastirii, turizimii, qonna magaalaafi dinagdee dijiitaalaa\/daldaladha.<\/p>\n\n\n\n<p>Koriidoroonnifi funyoowwan dinagdee magaalaa Shaggar, daandiiwwan karra jahaniin jiran, sararootaa baaburaa magaalicha qaxxaamuran, qarqara lageenii, sabbata magariisaa isa marseefi cancala gaarrenii irratti hundaa\u2019uun kan karoorfamanidha. Daandiin marfataafi godaanaa hangafaa, buufataaleen konkolaataa, wiirtuuleen fe\u2019umsa konkolaatafi baaburaa, wiirtuuleen leecalloo, giddugalawwan gabaa, daldalaa, indastirii, manneen kuusaafi bulchiinsaa, toorawwan mandarootaa, qe\u2019eewwaniifi giddugalawwan magaalichaa bu\u2019uuruma kanaan abuuramaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Kooyyee Faccee koriidora daldalaa, Furii koriidora gabaa, Galaanifi Galaan Guddaa koriidora indastiriifi leecalloo, darbees turizimii indastiriyaalaa, Malkaa Noonnoofi Burraayyuu koriidora fayyadama walkeessoo, Laga Xaafoo Laga Daadhii koriidora misooma \u201creal-estate\u201d, Sabbataa koriidora kurfeessa omesha qonnaa (agro-processing), Gafarsaa Gujee koriidora ikoo-turizimii, Mana Abbichuufi Sulultaa koriidora ispoortifi bashannanaa, Kuraa Jiddaa koriidora qonnaatiif adda bahaniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"576\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612480797_1338227218326051_9140448544981454659_n-1024x576.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12692\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612480797_1338227218326051_9140448544981454659_n-1024x576.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612480797_1338227218326051_9140448544981454659_n-300x169.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612480797_1338227218326051_9140448544981454659_n-768x432.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612480797_1338227218326051_9140448544981454659_n-800x450.jpg 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612480797_1338227218326051_9140448544981454659_n.jpg 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Ittaansuun koridoroota kanniin pilaanii misooma qe\u2019ee (local development plan) magaalichaatiin haa\u2019ilaallu. Kooyyee Facceetti, Paarkii Giddugaleessaa Kooyyee, Giddugala Qorannoo Saayinsiifi Teknoolojii Shaggar, paarkii bishaanifi hara nam-tolchee karoorfamaniiru. Kooyyee Facceefi Furiitti, giddugalawwan shamataa (malls), konveenshinifi gabaa, waajjiraalee dhaabbilee daldalaafi faayinaansii samii hooqan nimisoomu. Galaan, sarara baaburaa naannawa Kondominiyeemii Galaanitti, giddugalli gabaa konkolaataa idil-addunyaafi wiirtuun leecalloo karoorfamee ture ijaarsa keessa galeera.<\/p>\n\n\n\n<p>Galaan, Galaan Guddaa, Furiifi Sabbataatti, sarara baaburaa isaan qaxxamuru hordofuun funyoowwan sadi karoorfamaniiru. Buufata Andoodeetti \u2014 zoonii daldala bilisaa, guddugala kurfeessa al-ergiifi al-galchii, guddugalawwan leecalloo fe\u2019umsaafi bu\u2019umsaa karoorfamaniiru. Buufata Furiitti \u2014 buufata geejjiba namaafi giddugalawwan gabaa; Buufata Diimaatti \u2014 paarkiilee indastirii kurfeessa omesha qonnaa, indastirii maanifaakchariingii, zoonii daldala bilisaafi guddugala kurfeessa al-ergiifi al-galchii abuuramaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Mana Abbichuu fuulleffata Finfinneetti, Malkaa Noonnoo naannawa Tulluu Jamootti, Kooyyee Faccee naannawa Tulluu Eeraritti, Laga Xaafoo hirkata gaaratti \u201creal-estate\u201d sadarkaa olaanaan kan misoomu ta\u2019au. Gafarsaa Gujee, Malkaa Noonnoofi Burraayyuutti giddugalawwan aadaafi \u2018sport\u2019; Kuraa Jiddaa, Laga Xaafoo Laga Daadhitti giddugalawwan qorannoofi leenjii niqubatu.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"576\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611375219_810262035364713_3401365488548232777_n-1024x576.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12701\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611375219_810262035364713_3401365488548232777_n-1024x576.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611375219_810262035364713_3401365488548232777_n-300x169.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611375219_810262035364713_3401365488548232777_n-768x432.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611375219_810262035364713_3401365488548232777_n-800x450.jpg 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611375219_810262035364713_3401365488548232777_n.jpg 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Bosonni Subbaa, Tulluuwwan Mogolee, Wacacaa, Koloboo, Inxooxxoofi Erar, akkasumas Hidhi Gafarsaafi Laga Daadhii haala teessumaa, qilleensaafi bosona ajaa\u2019ibsiisaa qabu. Kanaaf, qabiyyeen umamaa isaanii eegamee ikoo-turizimiif kan misooman ta\u2019a. Dabalataanis, sarara geejjiba wadaroo (cable car) irra caala faayidaa bashannanaatiif oolu, sirna geejjiba qe\u2019eetiin walsimsiisuun misoomsuuf karoorfameera. Innis, Tulluuwwan Inxooxxoo I fi II, Tulluuwwan Furiifi Galaan Guddaa akkasumas Tulluuwwan Eegduu, Subbaa, Wacacaafi Mogolee gidduutti misooma. Akka waliigalaatti iddoowwan naannawa magariisaafi bashannanaaf abuuraman uwwis magaalichaa %36.5 kan uwwisanidha.<\/p>\n\n\n\n<p>Qe\u2019ee Sulultaatti riisortiiwwan, loojiiwwan, dirree gulufsiisa fardaa, mandara atileetiksii, dirree golfii, istaadiyoomota idil-addunyaa tapha kubbaa miilaa, raagbiifi kiriikeetii, tiraakii atileetiksii, iddoo dorgommii konkolaataa, biskileettiifi kkf keessummeessan abuuramaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Shaggar \u2014 tarkaanfii mara, muldhata bara 2042 hordofuun, mandhee dinagdee Afrikaa nitaasisna.<\/p>\n\n\n\n<p>BISHOOFTUU \u2014 Akka Magaalaa Turizimii Afrikaatti<\/p>\n\n\n\n<p>Bishooftuun muldhata bara 2040\u2019tti, giddugala turizimii Afrikaa ta\u2019uuf qabate dhugoomsuuf, magaalicha gama maraan gabeessuutti (marketing the city) galeera. Dameewwan turizimii baramaa cinaatti, gosoota haaraa beeksisuun sektaricha rog-daneessuuf socho\u2019aa jira. Muraasa haa\u2019ilaallu.<\/p>\n\n\n\n<p>QABEENYA UMAMAA isaa pilaanii qe\u2019eetiin (local plan) masakamee misoomsuu jalqabeera. Fknf, haroowwan magaalichaa torba keessaa afur irratti riizortiifi hoteelonni sadarkaa isaanii eeggatan 24 misoomaniiru. Daandii marfataa afran irratti karoorfame keessaa kan isa tokkoo raawwatameera. Olka\u2019iinsa walfakkaatu irratti waan argamaniif, lafa jalaan (tunnel) walqunnamsiisuufis karoorfameera. Akkasumas, lafti gidduu isaanitti argamu marti gara giddugala turizimiitti kan ceesifamu ta\u2019a.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"794\" height=\"607\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/613179468_1338226808326092_8369022679254412379_n-1.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12695\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/613179468_1338226808326092_8369022679254412379_n-1.jpg 794w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/613179468_1338226808326092_8369022679254412379_n-1-300x229.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/613179468_1338226808326092_8369022679254412379_n-1-768x587.jpg 768w\" sizes=\"(max-width: 794px) 100vw, 794px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Gaarren naannawichatti argaman geejjiba wadarootiin (cable car) walqunnamsiisuuf karoorfameera. Wadaroon kun Tulluu Dabbasoofi Erar, Tulluu Dabbasoofi Barruu akkasumas Tulluu Barruufi Bubbee gidduutti kan diriiru yoota\u2019u daandiiwwan fiigichaas nimisoomu. Akkasumas, istaadiyeemiin idil-addunyaa kan hojjetamu ta\u2019a. Tarkaanfileen kunneen hawwata magaalichaa daneessuu keessatti gahee olaanaa qabu.<\/p>\n\n\n\n<p>DHAALA AADAAfi SEENAAtiin walqabatee hojii baldhaatu raawwatamaa jira. Fknf, Qe\u2019ee Arsadee wiirtuu simannaa Irreecha waggaatti yeroo tokko dhufu ture, gara hawwata wagaa guututti jijjiiruun danda\u2019ameera. Naannawa harichaatti, galmi sadarkaa isaa eegefi daandiin marfataa hojjetameera. Hoteelonniifi riizortiiwwan 53 sirna nyaata aadaa Oromiyaa guutuu hammatan banamaniiru. Walumaagalatti Qe&#8217;een Arsadee guutumatti gabeeffameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Akkasumas odaawwan shanan Oromoo keessaa isa tokko kan ta\u2019e Odaan Nabee, gahiitii jila ykn yaa\u2019ii waggootatti yeroo tokko dhufu ta\u2019ee tureera. Pilaanii haaraan, karoora bu\u2019uuraalee misoomaa, buraajoo, ijaarsaalee galmootaa, hoteelotaa, restoraantotaafi kkf gara giddugala koonfiransii waggaa guutuutti isa ceesisu hammateera.<\/p>\n\n\n\n<p>CARRAA EGEREE \u2014 pilaanii haaraan carraalee buufata xayyaaraa magaalichatti hojjetamu waliin dhufuu malan xiinxaleera. Buufanni kun, waggaatti namoota mil. 110 ol kan tajaajilu ta\u2019uun isaa, carraa turizimii fayyaafi keessummeessaa (medical and hospitality tourism) olaanaa kan fidee dhufudha. Bu\u2019uuruma kanaan, magaalonni kunniin, addatti Bishooftuun qophii barbaachisu gochuu irratti argamu. Gama birootiin, koriidoroota magaalichi yeroo ammaa qabu cinaatti, sararoota geejjibaa (daandii godaanaa tokkoofi sarara baaburaa buufataalee Bishooftufi Finfinnee walqunnamsiisuuf karoorfaman akka koriidora misoomaa (wiirtuu leecaalloo, giddugala indastirii) dabalataatti adda bahaniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"576\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612230637_1338227131659393_7133668225304326369_n-1024x576.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12696\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612230637_1338227131659393_7133668225304326369_n-1024x576.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612230637_1338227131659393_7133668225304326369_n-300x169.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612230637_1338227131659393_7133668225304326369_n-768x432.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612230637_1338227131659393_7133668225304326369_n-800x450.jpg 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612230637_1338227131659393_7133668225304326369_n.jpg 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Pilaanii haaraan argama magaalichaa roga lamaan ilaalera. Gama tokkoon argamni (location) magaalichaa handhuura Oromiyaafi biyyaatti; akkasumas magaalota Shaggariifi Finfinneetti kan dhiyaatudha. Gama birootiin argama (hosting) dhaabbilee gurguddoo (fkn Humna Qilleensa RFDI\/FDRE) ta\u2019uu isaa akka carraatti ilaala. Misoomni koriidorii magaalichaas, hawwattummaa turizimii daran kan olkaasedha. Bishooftun hanga ammaatti paarkii magariisaa banaa hekt. 30&#8217;tti dhiyaatu misoomsera. Daandii asphaaltii marsaa kanaan qabate keessaa %55 ol kan xumure yoota\u2019u, kan hafes hanga Amajjiitti nigoolaba.<\/p>\n\n\n\n<p>Dabalataanis, Bishooftuun misooma dinagdee qonna teknoolojii olaanaa, indastirii, leecalloo, daldalaafi kkf irratti sochii taasisuuf koriidoroota adda baasera. Koriidoroonni kunniin, sarara geejjibaa gosa lama (sararoota baaburaafi daandiiwwan Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Booleefi haaraa Bishooftuu walqunnamsiisanifi Itiyoo-Jibuutii\/Finfinnee-Awash\/Asallaa\/Awaasaa irratti kan hundaa\u2019anidha. Bu\u2019uuruma kanaan, Calalaqaa koriidora daldalaa, Duukam koriidora indaastiriifi leecalloo akkasumas Dhibaayyuu \u2014 koriidora qonna ammayyaa gochuun adda baasera.<\/p>\n\n\n\n<p>Magaalaa GADAA \u2014 Akka Wiirtuu Dinagdee Sektar-danuu Afrikaatti<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1012\" height=\"707\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612526775_810261642031419_5826127105180425381_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12703\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612526775_810261642031419_5826127105180425381_n.jpg 1012w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612526775_810261642031419_5826127105180425381_n-300x210.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/612526775_810261642031419_5826127105180425381_n-768x537.jpg 768w\" sizes=\"(max-width: 1012px) 100vw, 1012px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Magaalan Gadaa (Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa\/ZDAG) muldhata bara 2060\u2019tti modeela wiirtuu dinagdee Afrikaa ta\u2019uu qabachuun hundaa\u2019e. Zooniin akka mandhee sektara dinagdee damdanuutti (multi-sectoral) abuurame kun, seeraa hundeeffamaafi daldalaa, hojimaatafi kenniinsa tajaajilaa adda ta\u2019en kan hundeeffameefi gajeelfamudha. Dabalataanis, bu\u2019uuraalee misoomaa ijoo (daandii), buraajoo (anniisaa, bishaan)\u2019fi kkf guutuun lafa misoomse qopheessera.<\/p>\n\n\n\n<p>Zoonichi carraalee invastimantii, daldalaafi manifaakchariingii uwwisa baldhaafi egereen fiduu malu adamsuuf kan qophaa\u2019edha. Bu\u2019uuruma kanaan, hidhamiinsa \u201cRoad and Belt Initiative\u201d keessatti iddoo waan argateef kiyyoo carraalee uwwisa baldhaa ta\u2019aa jira. Akkasumas invastimantii keessootiif qubsuma ta\u2019uu irratti argama.<\/p>\n\n\n\n<p>ZDAG koriidora daldala bilisaa, koriidora indastirii manifaakchariingii kilaastaroota indastirii manifaakchariingii 13 ofkeessaa qabu, koriidora kurfeessa qonnaa, kodiidora \u201creal-estate\u201d, koriidora turizimii, wiirtuulee tajaajila garagaraa (leecalloo)\u2019fi paarkii \u2018ICT\u2019 adda baasuun misoomsuu irratti argama.<\/p>\n\n\n\n<p>Magaalaan Gadaa, galma Invastimantii alaa hawwachuu, dargaggoota aangomsuu, al-ergii damdaneessuu, al-galchii bakka buusufi indastiriyaalomsuu (ce\u2019uumsa caasawaa dinagdee) qabame fiixaan baasuu keessatti shoora olaanaa kan taphatuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaagalatti, Gadaan karoora tarsiima\u2019oo, galmoota qabatamaa, qajeeltoo bulchiinsa lafaafi qabeenyaa ifa, ittifayyadama carraaleefi dilbii qindaa\u2019aa qabachuun magaalaa \u201cxumuramee jalqabameedha\u201d.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full is-resized\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"542\" height=\"801\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/613051541_1338226671659439_3231799552865671319_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12697\" style=\"aspect-ratio:0.6766610744801217;width:840px;height:auto\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/613051541_1338226671659439_3231799552865671319_n.jpg 542w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/613051541_1338226671659439_3231799552865671319_n-203x300.jpg 203w\" sizes=\"(max-width: 542px) 100vw, 542px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>ADAAMAA \u2014 Akka Magaalaa Indastirii Afrikaatti<\/p>\n\n\n\n<p>Adaamaan muldhata bara 2040\u2019tti mandhee indastirii Afrikaa ta\u2019uu qabatee socho\u2019aa jira. Adaamaan sararoota geejjibaa (konkolaatafi baaburaa) Itiyoo-Jibuutiifi Finfinnee-Asallaa hordofuun jiran koriidora babaldhina indaastirii gochuun ramadeera. Bu\u2019uuruma kanaan, indastirii gurguddaa, giddugaleessafi xixiqqaa, zoonii dinagdee bilisaafi paarkileen leecalloo karoorfamaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Sararoonni geejjibaa eeraman magaalichaaf hidhamiinsa tarsiima\u2019aa kan umanidha. Argamni (location) isaas, omishaalee qonnaa baha, kibbaafi giddugaleessa biyaattii argaman sassaabuun indastiriif galtee dhiyeessuf mijataadha.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhiyeenyi Buufata Lafaa Mojoo akkasumas magaalota Bishooftuu, Shaggarifi Finfinneef qabus humna guddaadha. Adaamaan yeroo ammaas paarkii indastirii federaalaafi indastiriiwwan biroo hedduu keessummeessun isaa dilbii misoomaa gama kanaan qabu kan agarsiisudha.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"576\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611264341_810262082031375_5255428065846076406_n-1024x576.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12704\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611264341_810262082031375_5255428065846076406_n-1024x576.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611264341_810262082031375_5255428065846076406_n-300x169.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611264341_810262082031375_5255428065846076406_n-768x432.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611264341_810262082031375_5255428065846076406_n-800x450.jpg 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611264341_810262082031375_5255428065846076406_n.jpg 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Indastirii cinaatti, dilbii turizimii koonfiransii, bashannanaa, daldalaa, qonna magaalafifi kkf yeroo ammaa qabu daran misoomsuuf karoorsera. Bu\u2019uuruma kanaan, koriidoroonni toora xiyyeeffannoo dinagdee ijoofi dabalataa adda bahaniiru. Pilaaniin misooma qe\u2019ee magaalichaa akka agarsiisutti, kutaa magaalaa Daabee koriidora indastirii ta\u2019uun filatameera. Kutaaleen magaalaa Luugoofi Abbaa Gadaa koriidora wiirtuulee daldala qinixxaaboo, waajjiraalee bulchiinsaa, dhaabbilee faayinaansii, giddugalawwan gabaa, hoteelota, giddugalawwan koonveenshiniifi gamoolee samii hooqan ta\u2019uun adda bahaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Kaabni kutaa magaalaa Boolee koriidora giddugalawwan kalaqaa, mooraawwan teknoolojii, dhaabbilee qorannoofi \u201creal-estate\u201d mi\u2019aatiif filatameera. Kaabni kutaa magaalaa Boolee koriidora \u201creal-estate\u201dfi kalaqaa ta\u2019eera. Akkasumas kutaaleen magaalaa Bokkuu, Daabeefi Dambalaa koriidora misooma qonna ammayyaa ta\u2019uun adda bahaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Tulluu Dibbibsaa, Tulluu Bokkuu, Tulluu Qacamaa, Sulula Awaashifi Hidha Qooqaa koriidora ikoo-turizimii magaalichaa ta\u2019uun adda bahaniiru. Misoomni koriidora magaalichaas bu\u2019uuruma kanaan kan socho\u2019udha. Bitaaf mirgi daandiiwwan girguddoo magaalicha kaabaa gara Kibbaatti qaxxaamuran yoofudhanne, lafti banaa waloo, paarkonni, sararri \u201ccycle\u201dfi lafoo baldhina meetira 19.5 qabu misoomera.<\/p>\n\n\n\n<p>Magaalota keenya gara motora dinagdeetti nijijjiirra!<\/p>\n\n\n\n<p>Galma qabsoo Oromoo ummata keenya dinagdeen aangomsuuf qabanne nimilkeessina!<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"12686\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"a0eb89d285\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/12686\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS &#8211; Mudde 30\/ 2018 Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan. Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, magaalonni keenya yaadama, caaseffamaafi hoggansa akka motora dinagdeetti hubatan dhabuurraa kan ka\u2019e, abbaa dinagdee laamsha\u2019oo ta\u2019anii turaniiru jedhan. Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa kana [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":12687,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[16,18,30],"tags":[],"class_list":["post-12686","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-editors-pick","category-misooma","category-oduu-waqtawaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.4 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS &#8211; Mudde 30\/ 2018 Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan. Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, magaalonni keenya yaadama, caaseffamaafi hoggansa akka motora dinagdeetti hubatan dhabuurraa kan ka\u2019e, abbaa dinagdee laamsha\u2019oo ta\u2019anii turaniiru jedhan. Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa kana [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-01-09T08:36:49+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-01-09T09:04:04+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611662523_1338227271659379_8766957486435816906_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"1080\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"607\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"10 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa\",\"datePublished\":\"2026-01-09T08:36:49+00:00\",\"dateModified\":\"2026-01-09T09:04:04+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/\"},\"wordCount\":1822,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/01\\\/611662523_1338227271659379_8766957486435816906_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Editor's Pick\",\"Misooma\",\"Oduu Waqtawaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/\",\"name\":\"Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/01\\\/611662523_1338227271659379_8766957486435816906_n.jpg\",\"datePublished\":\"2026-01-09T08:36:49+00:00\",\"dateModified\":\"2026-01-09T09:04:04+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/01\\\/611662523_1338227271659379_8766957486435816906_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/01\\\/611662523_1338227271659379_8766957486435816906_n.jpg\",\"width\":1080,\"height\":607},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12686\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS &#8211; Mudde 30\/ 2018 Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan. Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, magaalonni keenya yaadama, caaseffamaafi hoggansa akka motora dinagdeetti hubatan dhabuurraa kan ka\u2019e, abbaa dinagdee laamsha\u2019oo ta\u2019anii turaniiru jedhan. Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa kana [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-01-09T08:36:49+00:00","article_modified_time":"2026-01-09T09:04:04+00:00","og_image":[{"width":1080,"height":607,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611662523_1338227271659379_8766957486435816906_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"10 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa","datePublished":"2026-01-09T08:36:49+00:00","dateModified":"2026-01-09T09:04:04+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/"},"wordCount":1822,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611662523_1338227271659379_8766957486435816906_n.jpg","articleSection":["Editor's Pick","Misooma","Oduu Waqtawaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/","name":"Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611662523_1338227271659379_8766957486435816906_n.jpg","datePublished":"2026-01-09T08:36:49+00:00","dateModified":"2026-01-09T09:04:04+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611662523_1338227271659379_8766957486435816906_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/611662523_1338227271659379_8766957486435816906_n.jpg","width":1080,"height":607},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12686\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota gara wiirtuu dinagdeetti ceesisuuf hojjechaa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/12686","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=12686"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/12686\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":12705,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/12686\/revisions\/12705"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/12687"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=12686"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=12686"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=12686"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}