{"id":12865,"date":"2026-01-14T09:55:00","date_gmt":"2026-01-14T09:55:00","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=12865"},"modified":"2026-01-14T10:19:42","modified_gmt":"2026-01-14T10:19:42","slug":"dargaggoo-saffisaa-magaalaa-saffisaan-guddataa-jirtu-keessatti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/","title":{"rendered":"Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti"},"content":{"rendered":"\n<p>AMN PLUS \u2013 Amajjii 6\/2018<\/p>\n\n\n\n<p>Addunyaarratti Tooftaa Diiploomaasii jiran hedduu keessaa &#8220;Soft Diplomacy&#8221; isa tokko. Hariiroo damee ispoortii, miidiyaa hawaasaafi aartiin addunyaa waliin taasifamu bakka argachaa dhufeera. Namoota dameewwan kanneeniin beekamtii argatan, waa&#8217;ee hawaasa tokkoofi waa&#8217;ee biyyaa aadaa, duudhaa, seenaa, guddummaafi miidhaginashee addunyaaf beeksisuufi hubachiisuuf, filmaata ijoo ta&#8217;eera.<\/p>\n\n\n\n<p>IShowSpeed, dargaggeessi saffisaa miidiyaa hawaasummaa addunyaa irratti beekamaa ta\u2019e, kaleessa Finfinneetti argamuun daawwannaa isaa Afrikaa itti fufeera. Magaalaa guddittii, miidhagduu fi saffisaan guddachaa jirtu kana keessa sochii saffisaa, bashannanaa fi dinqisiisaa hedduun guutamee mul\u2019ateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Daawwannaa isaan Gamoo Dheerinaan Baha Afrikaarraa 1ffaa, kan Baankii Daldala Itoophiyaa ta\u2019e daawwatee, guddina fi ijaarsa ammayyaa magaalattii ajaa\u2019ibsiifateera.<br>Dheerina gamoo kanaa ilaaluun, \u201cFinfinneen magaalota addunyaa gurguddoo keessaa ishee tokkodha\u201d jechuun jaalala isaa ifatti ibseera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"627\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-56-1024x627.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12867\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-56-1024x627.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-56-300x184.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-56-768x470.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-56.jpg 1280w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Speed buna Itoophiyaa dhuguun, dhamdhama bunaa addunyaa irratti beekamaa fi akka isa jalqabaa ta\u2019e seenaan ibsamu kanaan akkaan gammadeera.<\/p>\n\n\n\n<p>Aadaa bunaa Itoophiyaa fi dhugaa bunaa kana dinqisiifachuun, \u201ckun seenaadha, kun eenyummaadha\u201d jedhee ibse.<\/p>\n\n\n\n<p>Yaadannoo Injifannoo Adawaatti, dhiichisa shawaa irratti hirmaateera, Seenaa gootummaa Itoophiyaa akkaan dinqisiifate.<\/p>\n\n\n\n<p>Gaachanaafi eeboo qabatee fardaan garmaamuun, mallattoo gootummaa Itoophiyaanotaa isa ajaa\u2019ibsiiseera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"638\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Screenshot_20260113_144727_YouTube-1024x638.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12868\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Screenshot_20260113_144727_YouTube-1024x638.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Screenshot_20260113_144727_YouTube-300x187.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Screenshot_20260113_144727_YouTube-768x478.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Screenshot_20260113_144727_YouTube-1536x956.jpg 1536w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Screenshot_20260113_144727_YouTube-1320x822.jpg 1320w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Screenshot_20260113_144727_YouTube.jpg 1635w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Asiifi achi fiigaa, \u201cZarraaf, zarraaf\u201d jedhee fokkoreera, geerareera; daawwattoonni isaa ammoo bashannanaan hordofaa turaniiru.<br>Daawwannaa isaa keessatti Shamarree miidhagduu addunyaa Hasseet Darajjee waliin wal argee, waliin dubbateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Isheenis dorgommii idil addunyaa taasifame irratti sadarkaa lammaffaa qabachuu fi miidhagduu akka taate itti himteetti.<\/p>\n\n\n\n<p>Akkasumas, Itoophiyaan bakka argama dhala namaa jalqabaa ta\u2019uu ishee ibsuun innis gama kanaan lammii Itoophiyaa akka ta\u2019e itti himteetti.<\/p>\n\n\n\n<p>Ministirri Tuurizimii Itoophiyaa Saalaamaawit Kaasaa, Speed\u2019f ibsa kennaniin, Itoophiyaan kaalaandara mataa ishee akka qabdu, lakkoofsa baraa Itophiyaan Speed yeroon duubatti godaanee yeroo ammaa waggaa 8tiin dargaggeessa akka ta\u2019e kaasaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Akkasumas Itoophiyaan qabsoo birmadummaa Afrikaa fi falmii kolonii ittisuu keessatti shoora olaanaa taphatte, akkasumas mallattoo Paan-Afrikaanizimii ta\u2019uu ishee ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Speed dibbee guddicha, yeroo weerara Xaaliyaanii ittiin duultotaaf waamichi taasifame jedhamu rukutuun sagalee isaa dhaga\u2019uudhaan dinqisiifateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Dabalataanis, Itoophiyaan waggoota torba keessatti biqiltuu biliyoona 48 dhaabuun milkaa\u2019ina guddaa galmeessuu ishee yeroo itti himamu, Speed illee gama isaan biqiltuu dhaabuun ashaaraa isaa kaa\u2019eera, misooma magariisaa Itoophiyaas ajaa\u2019ibsiifateera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"576\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-53-1024x576.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12869\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-53-1024x576.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-53-300x169.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-53-768x432.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-53-800x450.jpg 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-53.jpg 1280w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Dargaggoota muka dheeraa yaabbatanii deeman waliin wal argee, akka isaanitti of fakkeessuuf yaalii taasiseera; of irra garagaluun ispoortii akka danda\u2019us agarsiisaa tureera.<\/p>\n\n\n\n<p>Sirboota aadaa sirbuuf yaaleera; barattoota waliin wal argee illee mari\u2019ateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Bataskaana Goorgisii Birbirsa Goorootti argamu daawwatee, abbootii amantaatiin seenaan isaa bal\u2019inaan ibsameeraaf.<\/p>\n\n\n\n<p>Akkasumas \u201cSpeed Itoophiyaa\u201d jedhamu waliin wal argee, innis akka isaa saffisaa fi beekamaa ta\u2019uuf saffisaan caluu fi cimanii hojjachuun injifachuun akka danda\u2019u itti himeera.<\/p>\n\n\n\n<p>Speed Goda Hambaa Saayinsii Itoophiyaa daawwatee, tapha qillee Itoophiyaa taphachuun, waliinis sirba aadaa sirbeera.<\/p>\n\n\n\n<p>Akkasumas diimina nyaachuun, harka babbareedanii irraa afaan ka\u2019aa fudhachuun aadaa nyaataa Itoophiyaa qooddateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Magaalaan Finfinnee miidhagduu fi hawwattuu ta\u2019uu ishee ifatti ibseera. Keessumaa miidhagni ishee halkanii fi galgalaa adda ta\u2019uu ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaagala, IShowSpeed maqaa gaarii Itoophiyaa fi Finfinnee addunyaatti sirriitti beeksiseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Finfinneen magaalaa guddoo ta\u2019uu ishee, bakka daawwate hundumaa irraa gara hoteela isaatti deemuuf sa\u2019aatii tokkoo fi walakkaa akka itti fudhate ibsuun guddina magaalattii agarsiiseera. Atileetota Maatii Dibaabaa waliinis Paarkii Tokkummaatti argameera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"682\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-55-1024x682.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-12870\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-55-1024x682.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-55-300x200.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-55-768x512.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/photo_2026-01-14_01-47-55.jpg 1280w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Bakka deeme hundumaattuu dinqisiifattoonni isaa hordofaa turuu isaanii miidiyaa hawaasummaa isaa irratti mul\u2019ateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Namni hordoftoota YouTube miliyoona 48 qabu kun, viidiyoon waa\u2019ee Finfinnee qoodde qofa, sa\u2019aatii 22 hin guutne keessatti hordoftoota miliyoona 9.8 ol biratti ilaalameera. <\/p>\n\n\n\n<p>Daawwannaan IShowSpeed Finfinnee kun, bashannana qofa osoo hin taane, magaalaa Finfinnee akka magaalaa seenaa, aadaa, misooma fi abdii qabduutti addunyaatti agarsiiseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Addunyaa irratti hordoftoonni isaa miidhagina Finfinneefi Seenaa Itoophiyaa amanuuf hin dandeenye.Viidiyoo gaggabaaboo kukkutanii ajandaa ijoo godhataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p><br><strong>Eenyummaa fi seenaa gabaabaa IShowSpeed<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Maqaan isaa guutuun Daaran Waatkisan Jr. jedhama. Bara 2005 Ameerikaa, bulchiinsa Ohaayoo keessatti dhalatee guddate. Miidiyaa hawaasummaa irratti maqaa IShowSpeed jedhamuun beekama. Maqaan \u201cSpeed\u201d jedhamu ariitii, sochii saffisaa fi humna qaamaa isaa irraa ka\u2019e.<\/p>\n\n\n\n<p>Beekamtii guddaa kana kan argate yeroo addunyaan dhibee Koronaatiin cufamteetti. Yeroo namoonni hedduun manatti kufanii abdii kutatan, inni immoo carraatti jijjiirrate. Mana taa\u2019ee geemii taphachuu, tamsaasa kallattiin (live streaming) gochuu fi wantoota isa mudatan miira dhugaa, hin qophoofne (unscripted) ta\u2019een qooduu eegale.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"576\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Speedsittingcar-1024x576.webp\" alt=\"\" class=\"wp-image-12871\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Speedsittingcar-1024x576.webp 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Speedsittingcar-300x169.webp 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Speedsittingcar-768x432.webp 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Speedsittingcar-1536x864.webp 1536w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Speedsittingcar-800x450.webp 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Speedsittingcar-1320x743.webp 1320w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Speedsittingcar.webp 1920w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Jalqabbiin isaa salphaa hin turre; kanneen akka addaan kutu itti himan hedduun turan. Inni garuu wacaa isaanii gara kaka\u2019umsaatti jijjiirrate. Sagalee isaa, qoosaa isaa, gahumsa ispoortii fi dandeettii uumamaa isaa walitti makuun qabiyyee dhaloota haaraa biratti jaallatamu uume.<\/p>\n\n\n\n<p>Yeroo gabaabaa keessatti TikTok\u2019n isaa guddate, YouTube isaa bal\u2019ate, Instagram isaa ammoo daawwattoota hedduu hawwate.<\/p>\n\n\n\n<p>Bara 2022, taphataa kubbaa miilaa addunyaa beekamaa Kiristaanoo Roonaaldoo akkaan dinqisiifachuu isaa ifatti ibseera; boodarras qaamaan wal arguudhaan yaadannoo guddaa uumeera.<\/p>\n\n\n\n<p>Yuutuubara qofa osoo hin taane, raappara, ispoortessaa fi namoota dhiibbaa guddaa uuman (influencers) keessaa tokko ta\u2019uun beekamtii fi badhaasa gara garaa argateera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"577\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/0774c65faada9bf9916004952839c604c97d6ed732288c8776390293432603f8_MAIN-1024x577.webp\" alt=\"\" class=\"wp-image-12872\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/0774c65faada9bf9916004952839c604c97d6ed732288c8776390293432603f8_MAIN-1024x577.webp 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/0774c65faada9bf9916004952839c604c97d6ed732288c8776390293432603f8_MAIN-300x169.webp 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/0774c65faada9bf9916004952839c604c97d6ed732288c8776390293432603f8_MAIN-768x433.webp 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/0774c65faada9bf9916004952839c604c97d6ed732288c8776390293432603f8_MAIN-800x450.webp 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/0774c65faada9bf9916004952839c604c97d6ed732288c8776390293432603f8_MAIN.webp 1280w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Hidda Latiinsa Afrikaa akka qabu kan dubbatu Speed, daawwannaa isaa tibbanaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa akka Zimbaabwee, Bootiswaanaa, Iswaatinii, Keeniyaa fi kanneen biroo daawwateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaagalatti, daawwannaan IShowSpeed Finfinnee bashannana qofa osoo hin taane, seenaa, aadaa, misoomaa fi abdii Itoophiyaa fi Finfinneen qaban mul\u2019isuu irra darbee kutaa cufamaa keessaa ka\u2019uun, addunyaa guutuutti beekamuun,dargaggoota hedduuf fakkeenya ta\u2019uun cimanii hojjannaan galma ga\u2019uun akka danda\u2019amu mul\u2019iseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Malkaamuu abbabaatiin qindaa&#8217;e<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"12865\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"b435ab4f61\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/12865\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS \u2013 Amajjii 6\/2018 Addunyaarratti Tooftaa Diiploomaasii jiran hedduu keessaa &#8220;Soft Diplomacy&#8221; isa tokko. Hariiroo damee ispoortii, miidiyaa hawaasaafi aartiin addunyaa waliin taasifamu bakka argachaa dhufeera. Namoota dameewwan kanneeniin beekamtii argatan, waa&#8217;ee hawaasa tokkoofi waa&#8217;ee biyyaa aadaa, duudhaa, seenaa, guddummaafi miidhaginashee addunyaaf beeksisuufi hubachiisuuf, filmaata ijoo ta&#8217;eera. IShowSpeed, dargaggeessi saffisaa miidiyaa hawaasummaa addunyaa irratti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":12,"featured_media":12875,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[16,3],"tags":[],"class_list":["post-12865","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-editors-pick","category-oduu-finfinnee","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.5 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS \u2013 Amajjii 6\/2018 Addunyaarratti Tooftaa Diiploomaasii jiran hedduu keessaa &#8220;Soft Diplomacy&#8221; isa tokko. Hariiroo damee ispoortii, miidiyaa hawaasaafi aartiin addunyaa waliin taasifamu bakka argachaa dhufeera. Namoota dameewwan kanneeniin beekamtii argatan, waa&#8217;ee hawaasa tokkoofi waa&#8217;ee biyyaa aadaa, duudhaa, seenaa, guddummaafi miidhaginashee addunyaaf beeksisuufi hubachiisuuf, filmaata ijoo ta&#8217;eera. IShowSpeed, dargaggeessi saffisaa miidiyaa hawaasummaa addunyaa irratti [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-01-14T09:55:00+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-01-14T10:19:42+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Orange_Modern_Africa_Trip_Youtube_Thumbnail_20260114_125802_0000-1024x576.png\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"1024\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"576\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/png\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"afanoromouser2\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"afanoromouser2\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"5 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"afanoromouser2\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342\"},\"headline\":\"Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti\",\"datePublished\":\"2026-01-14T09:55:00+00:00\",\"dateModified\":\"2026-01-14T10:19:42+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/\"},\"wordCount\":841,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/01\\\/Orange_Modern_Africa_Trip_Youtube_Thumbnail_20260114_125802_0000.png\",\"articleSection\":[\"Editor's Pick\",\"Oduu Finfinnee\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/\",\"name\":\"Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/01\\\/Orange_Modern_Africa_Trip_Youtube_Thumbnail_20260114_125802_0000.png\",\"datePublished\":\"2026-01-14T09:55:00+00:00\",\"dateModified\":\"2026-01-14T10:19:42+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/01\\\/Orange_Modern_Africa_Trip_Youtube_Thumbnail_20260114_125802_0000.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/01\\\/Orange_Modern_Africa_Trip_Youtube_Thumbnail_20260114_125802_0000.png\",\"width\":1280,\"height\":720},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/12865\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342\",\"name\":\"afanoromouser2\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"afanoromouser2\"},\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/afanoromouser2\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS \u2013 Amajjii 6\/2018 Addunyaarratti Tooftaa Diiploomaasii jiran hedduu keessaa &#8220;Soft Diplomacy&#8221; isa tokko. Hariiroo damee ispoortii, miidiyaa hawaasaafi aartiin addunyaa waliin taasifamu bakka argachaa dhufeera. Namoota dameewwan kanneeniin beekamtii argatan, waa&#8217;ee hawaasa tokkoofi waa&#8217;ee biyyaa aadaa, duudhaa, seenaa, guddummaafi miidhaginashee addunyaaf beeksisuufi hubachiisuuf, filmaata ijoo ta&#8217;eera. IShowSpeed, dargaggeessi saffisaa miidiyaa hawaasummaa addunyaa irratti [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-01-14T09:55:00+00:00","article_modified_time":"2026-01-14T10:19:42+00:00","og_image":[{"width":1024,"height":576,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Orange_Modern_Africa_Trip_Youtube_Thumbnail_20260114_125802_0000-1024x576.png","type":"image\/png"}],"author":"afanoromouser2","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"afanoromouser2","Est. reading time":"5 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/"},"author":{"name":"afanoromouser2","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342"},"headline":"Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti","datePublished":"2026-01-14T09:55:00+00:00","dateModified":"2026-01-14T10:19:42+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/"},"wordCount":841,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Orange_Modern_Africa_Trip_Youtube_Thumbnail_20260114_125802_0000.png","articleSection":["Editor's Pick","Oduu Finfinnee"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/","name":"Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Orange_Modern_Africa_Trip_Youtube_Thumbnail_20260114_125802_0000.png","datePublished":"2026-01-14T09:55:00+00:00","dateModified":"2026-01-14T10:19:42+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Orange_Modern_Africa_Trip_Youtube_Thumbnail_20260114_125802_0000.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/01\/Orange_Modern_Africa_Trip_Youtube_Thumbnail_20260114_125802_0000.png","width":1280,"height":720},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/12865\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Dargaggoo Saffisaa, Finfinnee Saffisaan Guddataa Jirtu Keessatti"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342","name":"afanoromouser2","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g","caption":"afanoromouser2"},"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/afanoromouser2\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/12865","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/12"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=12865"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/12865\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":12882,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/12865\/revisions\/12882"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/12875"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=12865"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=12865"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=12865"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}