{"id":1646,"date":"2024-11-28T14:01:35","date_gmt":"2024-11-28T14:01:35","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=1646"},"modified":"2024-11-28T14:01:37","modified_gmt":"2024-11-28T14:01:37","slug":"ibsa-mootummaa-naannoo-oromiyaa-irraa-kenname","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/","title":{"rendered":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname"},"content":{"rendered":"\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"960\" height=\"540\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2024\/11\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-1647\"\/><\/figure>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Egereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin marii taasifamaa jiruun dhimmoota bu\u2019uuraa irratti wal hubannaan uumamaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Guyyaa jijjiiramni biyya kana keessatti dhufe irraa jalqabee dhaadannoon keenya yeroo hundaa maddi saaxilamummaa ummata Oromoo tokkummaa keessoo dhabuu dha kan jedhudha ture.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><a><\/a>Adeemsa riifoormii waggoottan jahaa dabarsine keessatti waltajjiin dhimmi tokkummaa keessoo Oromoo itti hin lalabamne hin jiru. Xiqqaa hanga guddaatti lallabaafi waamichi nageenyaa yeroon adda itti cite hin jiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Ficilli diddaa gabrummaa ummanni Oromoo yeroo adda addaatti taasisaa ture hundi firii dhabaa kan tureef, Oromoon nama dhabee miti.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gameeyyii qaqqaalii hedduun qabsoo saba kanaatiif aarsaa kaffalanii jiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Humnas dhabee miti. Sabni guddaan kun mirgaafi eenyummaa ofii kabachiisuu bira darbee akka biyyaatti humna jijjiiramaa ta\u2019ee agarree jirra.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Rakkoon bu\u2019uuraa Oromoo kaleessarraa kaasee hanga har\u2019aatti fala aragachuu dadhabe tokkummaa dhabuudha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Waldhaggeeffachuurra of dhaggeeffachuudha. Waliin dhaabachuurra wal faallaa dhaabachuudha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Akeekaafi kaayyoo sabaa garaagarummaa hin qabneef gamaa gamana dhaabatanii walgooluudha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Amalli akkasii jaarraa tokkoo oliif nufaana guddate kun kaleessaa hanga har\u2019aatti qormaata nutti ta\u2019ee jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Tokkummaa keenya laaffisuun akka sabaatti qaaxxee alaatiif nu saaxilee jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Riifoormiin siyaasaa akka biyyaatti gaggeessine rakkoo keessoo Oromoo kanaaf fala ta\u2019a jennee abdii guddaadhaan eegnee turre.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Dirreen dimokraasii akka bal\u2019atuuf hojiin hojjetame Oromoo dantaa sabaatiif jedhee gamaa gamasitti bittinnaa\u2019ee ture keessaafi alaa walitti fidee ture. Taateen sun Oromoodhaaf carraa guddaa ture.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Oromoon carraa sana fayyadamee tokkummaa isaa itichee biyya hin utubu taanaan akka sabaatti caba baraa baratti hin fayyine cabuu akka danda\u2019u raagamee ture. Kanaafistokkummaa isaa akka cimsatu lallabamaa ture.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Yeroo sanatti jalqabbiin gaariin jiraatullee, amalli jaarraaf nuwaliin fulla\u2019e waan gadi nun dhiisneef oolee osoo hin buliin bitaafi mirgatti walharkisuufi waldura dhaabachuun jalqabame.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Siyaasa Oromootiif qawween fala hin ta\u2019u jennee xiqqaa guddaan osoo watwaannuu waldhagahuun waan dhibeef kunoo waggaa jahaaf wal-ajeesuutti jirra. Ummanni keenyas aarsaa isaaf hin malle kaffaluuf dirqame.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Imalli jijjiiramaa waggoottan shanan darbanii nageenyaan dabaalameera osoo ta\u2019ee Oromoon eessa gahuu akka danda\u2019u tilmaamuun nama hin rakkisu.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Madaa mogolee walitti taanee tarkaanfii waldhoowwine. Rakkoon kun dhaabachuu akka qabu, Oromiyaafi Oromoo gidduutti nageenyi waaraan mirkanaa\u2019uu akka qabu, Oromoodhaaf misoomaafi dimokraasii dhugaa malee dararaan hin maluuf kan jedhu irraa ka\u2019uun akka mootummaattis ta\u2019e akka Paartii Badhaadhinaatti yeroon waamicha nageenyaa itti hin dhiyeessine hin jiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Paartiin keenya bu\u2019uurarraa fedhii nageenya buusuufi Oromoo gidduutti tokkummaa itichuuf qaban irraa ka\u2019ee marii nageenyaa marsaa lammaaf WBO waliin taasifameef haala mijaawaa uumaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Jalqabbii sana ummanni hawwii guddaadhaan eegaa kan ture ta\u2019ullee, akka carraa ta\u2019ee milkaa\u2019inaan goolabamuu hin dandeenye.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Mariin marsaa lamaan yaalame waan hin milkoofneef, abdii kutannaadhaan balbala nageenyaaf banne hin cufne.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Karaa adda citiinsa hin qabneen gaaffii daandii nageenyaa kana dhiyeessaa turre. Ummanni Oromootis miidhama isarra gahaa jiru irraa ka\u2019uun guyyaa guyyaatti nageenyaaf watwaataa jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Akka aadaafi safuu isaatti harqota baatee, sangaa camadee, fardaluugamee, hiriira bahuun dheebuu nageenyaaf qabu ibsatee jira. Qaama hidhatee bosona jiruuf Ijoollee koo galaa jechuun waamicha haadhaa fi abbaa taasisee jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Waamichi ummanni fi mootummaan walitti fufiinsaan taasisaa turanis firii hin argamsiisne jechuun hin danda\u2019amu.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Miseensonni WBO kumaatamaan lakaa\u2019aman waamicha kanaaf owwatanii daandii nagaatti dhufaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Leenjii haaroomsaa akka fudhatan taasisuun ummatatti makamanii jireenya dhuunfaa isaanii akka jiraatan taasifameera. Baay\u2019ee isaanitiif ammoo carraan hojii uumamee jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Tibba darbe akka Oromiyaatti Hiriirri waamicha nageenyaa Abbootiin Gadaa, Haadhooliin siinqee, Abbootiin amantaafi kutaalee hawaasaa gara garaa hiraamchise taasifamuu hordofee bu\u2019aan abdachiisaan nageenya waaraa Oromootiif daandii saaqu argamaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Haaluma kanaan, miseensonni WBO kumaatamaan lakaa\u2019aman waamicha ummanni taasise kanaaf owwaachuun galanii jiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Ummnni nageenya dheebootee nageenyaaf lallabaa tures qaamoolee waamicha isaa kanaaf owwaatanii galaa jiraniif simannaa kabajaa taasisee jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Miseensonni hidhattoota kanaa waamicha ummanni taasiseef owwaachuun gareefi dhuunfaadhaan galaa jiraachuun isaanii akka eegametti ta\u2019ee, rakkinichaaf furmaata waaraa fiduun kan danda\u2019amu qondaaltoota waraanichaa waliin waliigalteefi walhubannaan yoo uumameedha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Kanarraa ka\u2019uun, waamicha yeroo adda addaa tasisaa turreen cinatti, qodaaltootaafi miseensota WBO, waamicha daandii nageenyaa kanaaf deebii eyyeentaawaa qaban waliin marii adda citiinsa hin qabne taasisaa turree jirra.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Mariin kun egeree fi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti araara buusuun nageenya waaraa fiduu irratti kan fuulleeffateedha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Haaluma kanaan, marii qondaaltootaa fi miseensoota WBO daandii nagaa filatamaadha jedhanii amanan waliin taasisaa turreen dhimmoota bu\u2019uuraa mariin irratti taasifame irratti walhubannaan uumamuun mariachi haala gaariin deemaa kan jiru yommuu ta\u2019u, injifannoodhaan akka goolabamu amantaa guddaa qabna.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Balballi nagaaf banames hin cufamu; nageenyi waamara !<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"e476c25b6c\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1646\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Egereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin marii taasifamaa jiruun dhimmoota bu\u2019uuraa irratti wal hubannaan uumamaa jira. Guyyaa jijjiiramni biyya kana keessatti dhufe irraa jalqabee dhaadannoon keenya yeroo hundaa maddi saaxilamummaa ummata Oromoo tokkummaa keessoo dhabuu dha kan jedhudha ture. Adeemsa riifoormii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[4],"tags":[],"class_list":["post-1646","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-itoophiyaa","entry"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.9 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"Egereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin marii taasifamaa jiruun dhimmoota bu\u2019uuraa irratti wal hubannaan uumamaa jira. Guyyaa jijjiiramni biyya kana keessatti dhufe irraa jalqabee dhaadannoon keenya yeroo hundaa maddi saaxilamummaa ummata Oromoo tokkummaa keessoo dhabuu dha kan jedhudha ture. Adeemsa riifoormii [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2024-11-28T14:01:35+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2024-11-28T14:01:37+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2024\/11\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"4 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname\",\"datePublished\":\"2024-11-28T14:01:35+00:00\",\"dateModified\":\"2024-11-28T14:01:37+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/\"},\"wordCount\":739,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2024\\\/11\\\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Itoophiyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/\",\"name\":\"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2024\\\/11\\\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg\",\"datePublished\":\"2024-11-28T14:01:35+00:00\",\"dateModified\":\"2024-11-28T14:01:37+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2024\\\/11\\\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2024\\\/11\\\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg\",\"width\":960,\"height\":540},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/1646\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"Egereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin marii taasifamaa jiruun dhimmoota bu\u2019uuraa irratti wal hubannaan uumamaa jira. Guyyaa jijjiiramni biyya kana keessatti dhufe irraa jalqabee dhaadannoon keenya yeroo hundaa maddi saaxilamummaa ummata Oromoo tokkummaa keessoo dhabuu dha kan jedhudha ture. Adeemsa riifoormii [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2024-11-28T14:01:35+00:00","article_modified_time":"2024-11-28T14:01:37+00:00","og_image":[{"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2024\/11\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg","type":"","width":"","height":""}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"4 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname","datePublished":"2024-11-28T14:01:35+00:00","dateModified":"2024-11-28T14:01:37+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/"},"wordCount":739,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2024\/11\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg","articleSection":["Itoophiyaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/","name":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2024\/11\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg","datePublished":"2024-11-28T14:01:35+00:00","dateModified":"2024-11-28T14:01:37+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2024\/11\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2024\/11\/468400608_1003461418469301_7623203524969588809_n.jpg","width":960,"height":540},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/1646\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1646","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1646"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1646\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":1648,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1646\/revisions\/1648"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1646"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1646"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1646"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}