{"id":16887,"date":"2026-02-09T15:12:36","date_gmt":"2026-02-09T15:12:36","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=16887"},"modified":"2026-02-09T15:12:38","modified_gmt":"2026-02-09T15:12:38","slug":"biyyootni-afrikaa-marii-biyyaalessaa-irraa-maal-fayyadaman","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/","title":{"rendered":"Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman?"},"content":{"rendered":"\n<p>AMN PLUS- Guraandhala 02\/2018<\/p>\n\n\n\n<p>Biyyootni Afrikaa seenaa isaanii keessatti rakkoowwan damdaneessaa gama siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdeen isaan mudate furuuf Marii Biyyaalessaa (National Dialogue\/Peace and Reconciliation) akka mala furmaataa ijootti fayyadamaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Akka fakkeenyaattis biyyootni akka Afriikaa Kibbaa, Ruwaandaa, Angoolaa, Tuuniziyaa fi Keeniyaa ni eeramu.<\/p>\n\n\n\n<p>Biyyootni kunneeniifi kanneen biroo marii biyyaalessaa akka furmaata ijootti dhimma bahan maal akka fayyadaman gabaabinaan ilaaluuf;<\/p>\n\n\n\n<p>1. Nagaa fi Tasgabbii Mirkaneessuu:<\/p>\n\n\n\n<p>Biyyootni Afrikaa hedduu kan marii biyyaalessaa eegalan erga walitti bu\u2019iinsa hammaataa keessa bahan booda yoo ta\u2019u, gara marii biyyaalessaatti dhufuun isaanii ammoo akka gaaddisa tokko jalatti mari\u2019achuun dhangala\u2019uun dhiigaa fi cabuun lafee akkasumas baduun lubbuu fi mancaatiin qabeenyaa hin mudatne taasiseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaanis, biyyootni jedhaman kunnin nageenyaafi tasgabbii mirkaneeffachuuf carraa argataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>2. Seenessa waloo biyyaalessaa uumuu:<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"671\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/629746545_1365639918918114_7284972852296049708_n-1024x671.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-16889\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/629746545_1365639918918114_7284972852296049708_n-1024x671.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/629746545_1365639918918114_7284972852296049708_n-300x197.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/629746545_1365639918918114_7284972852296049708_n-768x503.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/629746545_1365639918918114_7284972852296049708_n.jpg 1200w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Mootummaa fi uummata jidduutti, sabootaa fi sablammoota akkasumas uummattoota garaa garaa jidduutti miira wal shakkii balleessuun qajeeltoo kan waloo ta\u2019e uumuuf nama dandeessisa.<\/p>\n\n\n\n<p>Heerri mootummaa haaraa hirmaachisaa ta\u2019e akka wixineeffaamuu fi aangoon siyaasaa haqa qabeessa akka ta\u2019uuf karaa bana.<\/p>\n\n\n\n<p>Fakkeenyaaf, Tuuniziyaan \u201cWarraaqsa Birraa\u201d adeemsifame booda biyyattiin cehumsa diimokiraasii taasisteetti.<\/p>\n\n\n\n<p>3. Araara Biyyaalessaa fi Dhiifama<\/p>\n\n\n\n<p>Seenaa darbee xiinxaluun, kanneen miidhaman haala itti beenyaa argataniifi kanneen miidhaa dhaqqabsiisan ammoo balleessaa isaanii amananii waltajjii ittiin dhiifama gaafatan mijeessa.<\/p>\n\n\n\n<p>Haaloo ba\u2019uu fi gadoo qabachuu hir\u2019isuun waloooma gara fuulduraaf daandii qulqulleessa.<\/p>\n\n\n\n<p>Ruwaandaatti duguuggaa sanyii raawwatame booda sirni duudhaa adeemsa murtoo bifa aadaan kennuu itti dhimma bahame \u201cGachaachaa\u201d jedhamu tokkummaa biyyaalessaaf bu\u2019uura kaa\u2019eera.<\/p>\n\n\n\n<p>4. Fooyya\u2019iinsa Sirna Siyaasaa:<\/p>\n\n\n\n<p>Walitti bu\u2019iinsa yeroo filannootti mudachuu malu fi saamicha aangoof taasifamu bifa waaraan hiikuu dandeessisa.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhaabbilee bilisa ta\u2019an kanneen akka boordii filannoo fi mana murtii ijaaruun kallattii waloo akka kaa\u2019atan taasisa.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafis fakkeenya kan ta\u2019u filannoo bara faranjootaa 2007\u2019tti Keeniyaatti adeemsifame hordofuun walitti bu\u2019iinsa uumameef fooyya\u2019iinsa sirna dhaabbilee hundee irraa eegaluun taasisteen bu\u2019aa olaanaa ittiin galmeessisteetti.<\/p>\n\n\n\n<p>5. Guddina Hawaas-Diinagdeef bu\u2019uura kaa\u2019uu:<\/p>\n\n\n\n<p>Biyya tasgabbiin siyaasaa keessatti mul\u2019atutti sochiin invastimantii alaa fi misoomni biyya keessaa itti fufiinsa qabaata.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafuu, biyya mariin jabaattetti ajandaawwan misoomaa irratti waliigalteen biyyaalessaa jiraachuun haguma mootummaan wal jijjiiru tarsiimoowwan akka hin gedderamneefi fayyadamummaan uummataa akka mirkanaa\u2019u ni gargaara.<\/p>\n\n\n\n<p>Bu\u2019aan adeemsa marii biyyaalessaan argamu biyyaa gara biyyaatti garaagarummaa qabaatullee, dhimmi ijoon \u201cyaadni koo qofti haa dhaga\u2019amu, ana qofatu sirriidha, ana qofaatu miidhame\u201d ilaalcha jedhu dhabamsiisuun bakka nama biraa of-buusuun.<\/p>\n\n\n\n<p>\u201cBiyya waloo-Furmaata waloo\u201d yaadama jedhu maddisiisuun bu\u2019aa olaanaa argamsiisuu isaa maddeen adda addaa iccitii faayidaa biyyaalessaa duuba jiru ifa baasan xiinxalaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Maarree Itoophiyaanis mari&#8217;achaa jirti. Lammiileenshee ajandaa qaban hunda Komishinii Marii Biyyaalessaaf galfataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Paartileen morkattootaas akkasuma warri hidhannoon socho&#8217;aa turan hedduun gara daandii nagaatti dhufuun ajandaa isaanii galfataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Adeemsi kun akka milkaa&#8217;u ammoo tokkoon tokkoon lammii Itoophiyaa irraa hoji manee guddaatu eegama.<\/p>\n\n\n\n<p>Malkaamuu Abbabaatiin<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"16887\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"2136d4d785\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/16887\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS- Guraandhala 02\/2018 Biyyootni Afrikaa seenaa isaanii keessatti rakkoowwan damdaneessaa gama siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdeen isaan mudate furuuf Marii Biyyaalessaa (National Dialogue\/Peace and Reconciliation) akka mala furmaataa ijootti fayyadamaniiru. Akka fakkeenyaattis biyyootni akka Afriikaa Kibbaa, Ruwaandaa, Angoolaa, Tuuniziyaa fi Keeniyaa ni eeramu. Biyyootni kunneeniifi kanneen biroo marii biyyaalessaa akka furmaata ijootti dhimma bahan maal [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":16888,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[25],"tags":[],"class_list":["post-16887","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-oduu-afrikaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.4 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman? - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman? - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS- Guraandhala 02\/2018 Biyyootni Afrikaa seenaa isaanii keessatti rakkoowwan damdaneessaa gama siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdeen isaan mudate furuuf Marii Biyyaalessaa (National Dialogue\/Peace and Reconciliation) akka mala furmaataa ijootti fayyadamaniiru. Akka fakkeenyaattis biyyootni akka Afriikaa Kibbaa, Ruwaandaa, Angoolaa, Tuuniziyaa fi Keeniyaa ni eeramu. Biyyootni kunneeniifi kanneen biroo marii biyyaalessaa akka furmaata ijootti dhimma bahan maal [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-02-09T15:12:36+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-02-09T15:12:38+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/630059059_1365639712251468_6401016178796660047_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"992\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"680\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"3 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman?\",\"datePublished\":\"2026-02-09T15:12:36+00:00\",\"dateModified\":\"2026-02-09T15:12:38+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/\"},\"wordCount\":454,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/02\\\/630059059_1365639712251468_6401016178796660047_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Oduu-Afrikaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/\",\"name\":\"Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman? - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/02\\\/630059059_1365639712251468_6401016178796660047_n.jpg\",\"datePublished\":\"2026-02-09T15:12:36+00:00\",\"dateModified\":\"2026-02-09T15:12:38+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/02\\\/630059059_1365639712251468_6401016178796660047_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/02\\\/630059059_1365639712251468_6401016178796660047_n.jpg\",\"width\":992,\"height\":680},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/16887\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman?\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman? - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman? - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS- Guraandhala 02\/2018 Biyyootni Afrikaa seenaa isaanii keessatti rakkoowwan damdaneessaa gama siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdeen isaan mudate furuuf Marii Biyyaalessaa (National Dialogue\/Peace and Reconciliation) akka mala furmaataa ijootti fayyadamaniiru. Akka fakkeenyaattis biyyootni akka Afriikaa Kibbaa, Ruwaandaa, Angoolaa, Tuuniziyaa fi Keeniyaa ni eeramu. Biyyootni kunneeniifi kanneen biroo marii biyyaalessaa akka furmaata ijootti dhimma bahan maal [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-02-09T15:12:36+00:00","article_modified_time":"2026-02-09T15:12:38+00:00","og_image":[{"width":992,"height":680,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/630059059_1365639712251468_6401016178796660047_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"3 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman?","datePublished":"2026-02-09T15:12:36+00:00","dateModified":"2026-02-09T15:12:38+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/"},"wordCount":454,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/630059059_1365639712251468_6401016178796660047_n.jpg","articleSection":["Oduu-Afrikaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/","name":"Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman? - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/630059059_1365639712251468_6401016178796660047_n.jpg","datePublished":"2026-02-09T15:12:36+00:00","dateModified":"2026-02-09T15:12:38+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/630059059_1365639712251468_6401016178796660047_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/630059059_1365639712251468_6401016178796660047_n.jpg","width":992,"height":680},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/16887\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Biyyootni Afrikaa Marii Biyyaalessaa irraa maal fayyadaman?"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/16887","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=16887"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/16887\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":16890,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/16887\/revisions\/16890"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/16888"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=16887"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=16887"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=16887"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}