{"id":17197,"date":"2026-02-23T06:43:58","date_gmt":"2026-02-23T06:43:58","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=17197"},"modified":"2026-02-23T06:44:01","modified_gmt":"2026-02-23T06:44:01","slug":"galgala-tootinaam-vs-arseenaal-akka-sibilaa-ulfaatu-tapha-darbii-london","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/","title":{"rendered":"Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London"},"content":{"rendered":"\n<p>AMN PLUS &#8211; Guraandhala 15\/2018<\/p>\n\n\n\n<p>Jalqabumarraa barri wal dorgommii 2025\/26 kilaboota lameen Tootinaamiifi Arseenaaliin baay&#8217;ee walirraa fageessera.<\/p>\n\n\n\n<p>Tootinaam walakkaa qabxii Arseenaal qaba. Kan Tootinaam 29 yoo tahu kan Arseenaal ammoo shallaggii herregaan ni argattuu jechuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Barana Arseenaal shaampiyoonummaa liigichaaf carraa qabaan taphachaa ture.<\/p>\n\n\n\n<p>Amma garuu qabxii duraan walitti qabate firfirsee fixee, Maanchistar Siitiin akka galaanaa irra bahuuf garaagarummaa qabxii 2 qofatuu gidduu isaanii jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Tootinaam kilabni masaanuu Arseenaal ammoo akka bara kanaa qoramee hin beeku.<\/p>\n\n\n\n<p>Tootinaam bara darbe shaampiyoonaa waancaa liigii Awurooppaa ture barana pirimeerliigiin zoonii balaawaa keessa jira, gadi sigigaachuu danda&#8217;a yoo jedhamuu amanuuf nama rakkisa.<\/p>\n\n\n\n<p>Arteettaa leenjisaan Arseenaal osoo ilaaluu akka nama gingilchaatti bishaan waraabuu taheera. Guutuufii dideera.<\/p>\n\n\n\n<p>Tootinaamis leenjisaa irra deddeebiin jijjiiruun ala homaa fiduu hin dandeenye. Inumaayyuu kilabichi gadi malee ol deemaa hin jiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Ammoo Tootinaam leenjisaa fuula haaraa Higoor Tuudoorii hanga dhuma baranaatti mallatteessifateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Tootinaam barana jalqabarraa qabee madaalliin tapha isaa sirrii hin turre.<\/p>\n\n\n\n<p>Arseenaal ammoo dhiyeenyuma ka&#8217;ee gahumsi agarsiisaa ture jalaa miliquun deeggartoota gumgumsiiseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Kilaboota gahumsa gadi aanaa akkasii qaban lameen Tootinaamiifi Arseenaaltuu har&#8217;a galgala biiftuu lixxe sa&#8217;atii 1:30 tti beellama qaba.<\/p>\n\n\n\n<p>Taphni darbii kilaboota magaalaa London akka baroota darbanii ho&#8217;ee deeggartoota gama lameenii onnachiisuu dhiisuu mala.<\/p>\n\n\n\n<p>Gahumsi kikaboota lameenii barana hagas mara waan hin taaneef jechuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Qabxiin 3 argamtu garuu kan injifateef damma daammuuti. Tootinaam yoo mo&#8217;e zoonii balaawaa liigichaarraa ol siquuf carraa qaba.<\/p>\n\n\n\n<p>Arseenaalis injifannaan carraa shaampiyoonummaaf qabu amma tahee ni bal&#8217;ifata.<\/p>\n\n\n\n<p>Qixa kan bahan taanaan garuu dubbichi wal fudhatan akka baduuti.<\/p>\n\n\n\n<p>Miirri tapha darbii yoo deebi&#8217;eef Arseenaal tapha darbii magaalaa London irratti olaantummaa qaba.<\/p>\n\n\n\n<p>Taphoota dhiyeenya waliin taphatan 7 keessaa Arseenaal 6 injifate 1 qabxii qooddachuun ragaadha.<\/p>\n\n\n\n<p>Taphni darbii kilaboota magaalaa London beellamni har&#8217;a galgalaa Tootinaam vs Arseenaal garuu waan hundaan tapha boqonnaa haaraadha.<\/p>\n\n\n\n<p>Fageenyi Istaadiyeemota kilaboota lameen gidduu jiru 6KM kan hin caalle yoo tahu galgala kana Tootinaam abbaa dirree taphaati.<\/p>\n\n\n\n<p>Taphoota biroo torbee 27ffaa pirimeerliigii Ingilaandiin Nootingihaam vs Liveerpuul, Sandarlaandi vs Fuulhaam akkasumas Kiristaal Paalaas vs Wolviis sa&#8217;atii wal fakkaataa 11:00tti taphatu<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"17197\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"3d058f0ad3\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17197\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS &#8211; Guraandhala 15\/2018 Jalqabumarraa barri wal dorgommii 2025\/26 kilaboota lameen Tootinaamiifi Arseenaaliin baay&#8217;ee walirraa fageessera. Tootinaam walakkaa qabxii Arseenaal qaba. Kan Tootinaam 29 yoo tahu kan Arseenaal ammoo shallaggii herregaan ni argattuu jechuudha. Barana Arseenaal shaampiyoonummaa liigichaaf carraa qabaan taphachaa ture. Amma garuu qabxii duraan walitti qabate firfirsee fixee, Maanchistar Siitiin akka galaanaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":17198,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[13],"tags":[],"class_list":["post-17197","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-kubbaa-miilaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.4 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS &#8211; Guraandhala 15\/2018 Jalqabumarraa barri wal dorgommii 2025\/26 kilaboota lameen Tootinaamiifi Arseenaaliin baay&#8217;ee walirraa fageessera. Tootinaam walakkaa qabxii Arseenaal qaba. Kan Tootinaam 29 yoo tahu kan Arseenaal ammoo shallaggii herregaan ni argattuu jechuudha. Barana Arseenaal shaampiyoonummaa liigichaaf carraa qabaan taphachaa ture. Amma garuu qabxii duraan walitti qabate firfirsee fixee, Maanchistar Siitiin akka galaanaa [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-02-23T06:43:58+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-02-23T06:44:01+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/640377635_1377382777743828_7635678314227985055_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"554\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"554\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"2 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London\",\"datePublished\":\"2026-02-23T06:43:58+00:00\",\"dateModified\":\"2026-02-23T06:44:01+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/\"},\"wordCount\":335,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/02\\\/640377635_1377382777743828_7635678314227985055_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Kubbaa Miilaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/\",\"name\":\"Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/02\\\/640377635_1377382777743828_7635678314227985055_n.jpg\",\"datePublished\":\"2026-02-23T06:43:58+00:00\",\"dateModified\":\"2026-02-23T06:44:01+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/02\\\/640377635_1377382777743828_7635678314227985055_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/02\\\/640377635_1377382777743828_7635678314227985055_n.jpg\",\"width\":554,\"height\":554},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17197\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS &#8211; Guraandhala 15\/2018 Jalqabumarraa barri wal dorgommii 2025\/26 kilaboota lameen Tootinaamiifi Arseenaaliin baay&#8217;ee walirraa fageessera. Tootinaam walakkaa qabxii Arseenaal qaba. Kan Tootinaam 29 yoo tahu kan Arseenaal ammoo shallaggii herregaan ni argattuu jechuudha. Barana Arseenaal shaampiyoonummaa liigichaaf carraa qabaan taphachaa ture. Amma garuu qabxii duraan walitti qabate firfirsee fixee, Maanchistar Siitiin akka galaanaa [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-02-23T06:43:58+00:00","article_modified_time":"2026-02-23T06:44:01+00:00","og_image":[{"width":554,"height":554,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/640377635_1377382777743828_7635678314227985055_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"2 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London","datePublished":"2026-02-23T06:43:58+00:00","dateModified":"2026-02-23T06:44:01+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/"},"wordCount":335,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/640377635_1377382777743828_7635678314227985055_n.jpg","articleSection":["Kubbaa Miilaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/","name":"Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/640377635_1377382777743828_7635678314227985055_n.jpg","datePublished":"2026-02-23T06:43:58+00:00","dateModified":"2026-02-23T06:44:01+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/640377635_1377382777743828_7635678314227985055_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/02\/640377635_1377382777743828_7635678314227985055_n.jpg","width":554,"height":554},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17197\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17197","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17197"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17197\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":17199,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17197\/revisions\/17199"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/17198"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17197"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17197"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17197"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}