{"id":17411,"date":"2026-03-03T08:18:42","date_gmt":"2026-03-03T08:18:42","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=17411"},"modified":"2026-03-03T08:18:45","modified_gmt":"2026-03-03T08:18:45","slug":"bara-1953-ture-inni-ni-fiiga-miilli-ni-dhiiga-aarsaa-biyyaaf-kaffalame-seenaa-jiraate-ayyaantuu-umrii-harraagessaa-shaambaal-atileet-waamii-birraatuu-barraaqaa-hara-maalirra-jiru","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/","title":{"rendered":"Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru?"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"wp-block-paragraph\">AMN PLUS \u2013 Guraandhala 23\/2018<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Itoophiyaan baroota keessatti damee hundaan gootota hedduu horatteetti. Keessumaa dameen Atileetiksii Itoophiyaa, Injifannoo Adawaan qixa Afriikaa addunyaatti beeksiseera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Maarree gootonni kunneen galgala keessa rakkoo hawaasummaaf yeroo saaxilaman mul\u2019ata. Misoomni hundi namoomaan ifa jettee kan amantu Finfinneen ammo goota ni yaadatti, kabaja maluufis ni kenniti. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeenis Goota Maaraatoonii Shaambal Atileet Waamii Birraatuu dabalatee Atileetota sagaliif kaleessa deeggarsa maallaqaafi mana jireenyaa taasisaniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"728\" height=\"650\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645746782_1384583197023786_4173635999317803846_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-17413\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645746782_1384583197023786_4173635999317803846_n.jpg 728w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645746782_1384583197023786_4173635999317803846_n-300x268.jpg 300w\" sizes=\"(max-width: 728px) 100vw, 728px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><strong><em>Maarree Shaambal Atileet Waamii Birraatuu eenyu?<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Bara 1909 dhalate. Har\u2019a umriin waggaa 109 keessa jira. Maqaan isaa guutuun shaambal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaati. Dacheen Oromiyaa Godinni Shawaa Kaabaa Sululta iddoon addaa Akaakoo Qondaaloo lafa handhuurri isaa itti awwaalamte tahuu waggaa tokkoon dura turtii addatti AMN PLUS Sagalee Dhalootaa waliin taasiseen dhugoomeera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Haadha isaa aadde Warqee Ayyaanaafi abbaa isaa Obbo Birraatuu Barraaqaa irraa kan dhalatee Shaambal Atileet Waamii Birraatuu akkuma nama kamii loowwan tiksaa, bishaan waraabaa hojii mana keessaas tahe alaa hojjechuun maatii isaa biratti nama kabaja qabu, ollaafi hawaasa naannawaan eebbifamaa akka guddate seenaan durduubee isaa yeroo garaatti ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><strong><em>\u2022 Shaambal Atileet Waamii Birraatuu akkamiin gara dirree atileetiksiitti dhufe?<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gaaffiin kun kan hawaasa ispoortii maraa yoo tahu dubbichi akka itti aanudha. Guyyaa tokko harmeen isaa aadde warqee ayyaanaa suuqiirraa mi\u2019eessituu yoo bittu gaazexaan maran itti kennan. Gaazexicharra suuraa atileetii tokkootu ture. Gaafa manatti galtee Shaambal Atileet Waamii Birraatuutti agarsiiftu, ani kana caalaa nan fiiga, kun maal fiiga jechuun miira tuffiin dubbicha gudunfuun ofii waan jedhe tahee argamuu atileetichi yeroo umrii isaa waggaa 100ffaa kabajatee waggoota 8 dura turtii miidiyaalee biyya keessaa waliin taasiseen ibseera. Kun ka\u2019umsa atileetichaati.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><strong><em>\u2022 Sana booda maaltu tahe? yeroos haalli mijataan tureeraa laata?<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Shaambal Atileet Waamii Birraatuu atileetii hangafa atileetoota Itoophiyaati. Yeroo sana haalli mijataan hin turre. Atileetiinis tahe leenjisaan atileetiksiis hin turre. Shaambaal Atileet Waamiin kutannoo atileet tahuu qofa qaba. Kun ammoo gara boodaatti isa hin deebisne. Yeroo tokko atileet, yeroo biroo ammoo leenjisaa tahuun lamaanuu walfaana tarkaanfachiisaa turu innumti turtii kanaan dura amn sagalee dhalootaa waliin taasiseen dhugoomeera. Ilmaan isaas kanuma seenaarraa qorachuu dhugaa bahaniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img decoding=\"async\" width=\"760\" height=\"688\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645946785_1384583143690458_4239733461876741295_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-17414\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645946785_1384583143690458_4239733461876741295_n.jpg 760w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645946785_1384583143690458_4239733461876741295_n-300x272.jpg 300w\" sizes=\"(max-width: 760px) 100vw, 760px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><strong><em>\u2022 Shaambal Atileet Waamii Birraatuu bara 1945 waliin walitti hidhata akkamii qaba?<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Atileet waamiin bara 1945 miseensa loltuu itoophiyaa tahuun qacaramuun dorgommii ispoortii loltoota gidduutti taasifamurratti akka rasaasaatti keessa kutuun qalbii hiriyyoota isaa harkisuun mul\u2019ata isaa cimsachuun achumarraa akka eegale ibsameera. Bara 1947 ammoo gara miilboorni imaluun dorgommii idil addunyaa irratti hirmaachuun waan ittin beekaman sadarkaa 1ffaan xumuruun mootii itoophiyaa yeroo sanaa hayileesillaasee harkaa meedaaliyaa warqee fudhachuunis qaama seenaa isaa keessaa isa gara jalqabaa tahuu seenaan durduubee isaa katabeera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Atileet waamiin dachee oromiyaa irraa kahee hidda saba oromoo laga ce\u2019ee addunyaarratti damboobedha. Nama kaayyooti. Seexaa qaba. Kutataadha. Kumalaa atileet abbabaa biqilaa waliin hiriyyoota walitti dhiyoo faajjii Itoophiyaa addunyaa irratti ol-kaasan mirmirsan yoo tahan Shaambal Atileet Waamii Birraatu hangafa isaati.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img decoding=\"async\" width=\"717\" height=\"723\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645735880_1384583067023799_7270993283785917457_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-17415\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645735880_1384583067023799_7270993283785917457_n.jpg 717w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645735880_1384583067023799_7270993283785917457_n-298x300.jpg 298w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645735880_1384583067023799_7270993283785917457_n-150x150.jpg 150w\" sizes=\"(max-width: 717px) 100vw, 717px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><strong><em>\u2022 Shaambal Atileet Waamii Birraatuu waltajjii atileetiksii idil addunyaa irratti maaltu mudate?<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Atileetichi hirmaannaa dorgommii atileetiksii addunyaa biroo akka lakkoofsa itoophiyaatti bara 1953 Roomirratti gaggeeffame argachuun seenaas qabu. Dorgommicharratti Atileet Abbabaa Biqilaafi Atileet Waamii Birraatuu dabalatee warreen itti hirmaataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Dorgommii maaraatoonii roomii abbabaa biqilaa kophee malee miila duwwaa fiigee injifate injifate atileet waamii birraatuuti dursaa ture. Haata\u2019uuti kiloo meetira dheeraa miila duwwaa fiiguurraa kan kahee barruun miila isaa qunca\u2019uun fiiga gara xumuraarra gahee Abbabaa Biqilaa akka darbee deemuu gurra buusuun Atileet Abbabaa Biqilaa 1ffaa baha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa shaambaal Atileet Waamii Birraatu Barraaqaa seenaa kana fakkaatu galmeessuun har\u2019a nama umrii waggaa 109 ti.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Shaambal Atileet Waamii Birraatuu dhibeen waan itti deddeebi\u2019eef akka barbaadanitti dirree atileetiksiirraa turuu hin dandeenye.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"715\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645770832_1384583110357128_2307039673018145643_n-1024x715.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-17416\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645770832_1384583110357128_2307039673018145643_n-1024x715.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645770832_1384583110357128_2307039673018145643_n-300x210.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645770832_1384583110357128_2307039673018145643_n-768x536.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645770832_1384583110357128_2307039673018145643_n.jpg 1124w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Haata\u2019uuti biyyaaf gumaachi taasise, aarsaan kaffale, bara baraan kan jiraatuu yoo tahuu meedaaliyaa warqee 30, meetii 40 akkasumas naasa 10 walumaagalatti meedaaliyaa sadarkaa garaagaraa qabu 80 nama Itoophoiyaaf argamsiise hangafa atileetoota itoophiyaa, waan hin mijannee kan mijeesse Shaambal Atileet Waamii Birraatuu barraaqaati.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Atileet Waamiin namni umrii waggaa 109 abbaa ijoollee 12 yoo tahan nyaata keessaa damma,caccabsaafi bu\u2019aalee loonii baay\u2019ee akka jaallatan yeroo garaagaraatti dubbataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><strong><em>\u2022 Shaambal Atileet Waamii Birraatuu nama oolmaa gurguddaa biyyaaf oole eenyuti quba qaba? Torbee Kana waa\u2019een isaa maaliif ka\u2019e?<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Namoota biyyaaf oolmaa oolan, galgala keessaa nama harka isaan qabu warreen hin qabneef gaaddisaafi dawoo galgalaa tahuu kan aadeffate Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee atileetoota hedduu kaleessa faajjii biyyaa mirmirsan har\u2019a garuu harka namaa ilaalan yaadate keessaa ayyaantuun umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatu Barraaqaa isaan tokkoodha. Kantiibaa Adaanech Abeebeen mallaqa isaan ittiin kunuunfaman birrii miiliyoona lama jala bultii Ayyaana Injifannoo Adwaan gumaachaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Iddoosaa Abdiitiin<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"88414e995c\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17411\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS \u2013 Guraandhala 23\/2018 Itoophiyaan baroota keessatti damee hundaan gootota hedduu horatteetti. Keessumaa dameen Atileetiksii Itoophiyaa, Injifannoo Adawaan qixa Afriikaa addunyaatti beeksiseera. Maarree gootonni kunneen galgala keessa rakkoo hawaasummaaf yeroo saaxilaman mul\u2019ata. Misoomni hundi namoomaan ifa jettee kan amantu Finfinneen ammo goota ni yaadatti, kabaja maluufis ni kenniti. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeenis [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":17412,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[14,15],"tags":[],"class_list":["post-17411","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-atleetiksii","category-hawaasummaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v28.5 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru? - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru? - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS \u2013 Guraandhala 23\/2018 Itoophiyaan baroota keessatti damee hundaan gootota hedduu horatteetti. Keessumaa dameen Atileetiksii Itoophiyaa, Injifannoo Adawaan qixa Afriikaa addunyaatti beeksiseera. Maarree gootonni kunneen galgala keessa rakkoo hawaasummaaf yeroo saaxilaman mul\u2019ata. Misoomni hundi namoomaan ifa jettee kan amantu Finfinneen ammo goota ni yaadatti, kabaja maluufis ni kenniti. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeenis [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-03-03T08:18:42+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-03-03T08:18:45+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645742013_1384598783688894_2273146372713254723_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"2048\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"1433\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"5 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru?\",\"datePublished\":\"2026-03-03T08:18:42+00:00\",\"dateModified\":\"2026-03-03T08:18:45+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/\"},\"wordCount\":746,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/645742013_1384598783688894_2273146372713254723_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Atleetiksii\",\"Hawaasummaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/\",\"name\":\"Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru? - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/645742013_1384598783688894_2273146372713254723_n.jpg\",\"datePublished\":\"2026-03-03T08:18:42+00:00\",\"dateModified\":\"2026-03-03T08:18:45+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/645742013_1384598783688894_2273146372713254723_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/645742013_1384598783688894_2273146372713254723_n.jpg\",\"width\":2048,\"height\":1433},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17411\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru?\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru? - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru? - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS \u2013 Guraandhala 23\/2018 Itoophiyaan baroota keessatti damee hundaan gootota hedduu horatteetti. Keessumaa dameen Atileetiksii Itoophiyaa, Injifannoo Adawaan qixa Afriikaa addunyaatti beeksiseera. Maarree gootonni kunneen galgala keessa rakkoo hawaasummaaf yeroo saaxilaman mul\u2019ata. Misoomni hundi namoomaan ifa jettee kan amantu Finfinneen ammo goota ni yaadatti, kabaja maluufis ni kenniti. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeenis [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-03-03T08:18:42+00:00","article_modified_time":"2026-03-03T08:18:45+00:00","og_image":[{"width":2048,"height":1433,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645742013_1384598783688894_2273146372713254723_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"5 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru?","datePublished":"2026-03-03T08:18:42+00:00","dateModified":"2026-03-03T08:18:45+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/"},"wordCount":746,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645742013_1384598783688894_2273146372713254723_n.jpg","articleSection":["Atleetiksii","Hawaasummaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/","name":"Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru? - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645742013_1384598783688894_2273146372713254723_n.jpg","datePublished":"2026-03-03T08:18:42+00:00","dateModified":"2026-03-03T08:18:45+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645742013_1384598783688894_2273146372713254723_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645742013_1384598783688894_2273146372713254723_n.jpg","width":2048,"height":1433},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17411\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Bara 1953 ture. Inni ni fiiga miilli ni dhiiga, aarsaa biyyaaf kaffalame, seenaa jiraate. Ayyaantuu umrii harraagessaa Shaambaal Atileet Waamii Birraatuu Barraaqaa har\u2019a maalirra jiru?"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17411","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17411"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17411\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":17417,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17411\/revisions\/17417"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/17412"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17411"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17411"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17411"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}