{"id":17437,"date":"2026-03-04T06:55:03","date_gmt":"2026-03-04T06:55:03","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=17437"},"modified":"2026-03-04T06:55:04","modified_gmt":"2026-03-04T06:55:04","slug":"akka-feete-haa-taatu-ilmi-abbaatti-haa-baatu-ilmi-garasuu-dhukii-taaboor-garasuun-turtii-amn-dijitaal-waliin-taasiseen-maal-jedhe","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/","title":{"rendered":"Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe?"},"content":{"rendered":"\n<p>AMN PLUS &#8211; Guraandhala 24\/2018<\/p>\n\n\n\n<p>Seenaan kan yaadatamu gootummaa lolaa qofaan osoo hin taane, bu\u2019uura beekumsa dhalootaa bocuu ni dabalata.<\/p>\n\n\n\n<p>Qabsoo bilisummaa keessatti gumaacha kan qaban Garasuu Dhukii diina injifachuuf beekumsi meeshaa jalqabaati yaada jedhun qaban ture.<\/p>\n\n\n\n<p>Har\u2019a manni jireenyaa isaanii gara \u2018Koolleejjii Indaastirii Dajjaazmaach Garasuu Dhukitti jijjiiramee wiirtuu ce&#8217;umsa teekinooloojii ta\u2019eera.<\/p>\n\n\n\n<p>\u200eIlmi isaanii Taaboor Garasuu turtii AMN Dijiitaal waliin taasiseen waa&#8217;ee jaalala biyyaa abbaa isaanii, ilaalcha barnootaafi amala dhuunfaa abbaan isaanii qaban ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Taaboor Garasuu waa\u2019ee abbaa isaa yommuu dubbatu barnootaaf kabaja guddaa akka qaban kaasa.<\/p>\n\n\n\n<p>\u200eAbbaan isaanii ijoollee baay\u02bcee akka jaallatu kan himan Taaboor, &#8220;barnootaan akkan cimuuf abdii guddaa narraa qabu ture jedhan.<\/p>\n\n\n\n<p>Dajjaazmach Garasuu &#8220;osoo nutis barannee warri adiin akka nu hin caalle cimsee amana ture&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>\u200eAbbaan isaa sodaa akka hin jaalanne kan himan ilmi Garasuu, Yeroo isa cinaa rafaa turetti yoo waa sookokse kan rifatu gootummaa fi ija jabina isaa barsiisuuf yaalaa akka ture dubbata.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full is-resized\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"534\" height=\"800\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645988340_1385537940261645_7526388263417139090_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-17439\" style=\"width:840px;height:auto\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645988340_1385537940261645_7526388263417139090_n.jpg 534w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645988340_1385537940261645_7526388263417139090_n-200x300.jpg 200w\" sizes=\"(max-width: 534px) 100vw, 534px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Abbaan isaanii Saree Duuchee jedhanii moggaasan kan qaban yoo ta&#8217;uu, maqaan sunis maqaa masoo mootii Xaaliyaanii kan Mussooloonii akka ture yaadachiisaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Yeroo waraanni jalqabu &#8220;faashistootaan hin bullu&#8221; jedhanii kutannoodhaan namoota ka&#8217;an shan keessaa tokko akka abbaa isaanii ture Taaboor Garasuu himeera.<\/p>\n\n\n\n<p>\u200eGootummaan kun guddachaa deemuun loltoota gara kuma 50tti gaggeessuutti akka ga&#8217;anis ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>\u200eInjifannoon Adwaa uummata gurraachaaf miira ni danda&#8217;ama kan uumeefi ilaalcha gadi aantummaa kan cabse seenaa boonsaa akka ta&#8217;es himaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Gaaffii barattootni kaasaniin manni gooticha durii amma giddu gala teekinooloojii dargaggoota ta&#8217;uun isaa maatii kanaaf kabaja guddaa ta&#8217;uun kan ibsame namoota baay&#8217;ees daran akka gammachiise ibsameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Hoggantootniifi Kabajamoo Kantiibaa Adaanech Abeebee gaaffii barattootaa sana fudhatanii hojiitti jijjiiruun, mana jireenyaa Garasuu Dhukii koolleejjii teekinikaafi ogummaa ta&#8217;uun akka tajaajilu taasifamuun isaa Hawwii gootichi kun barnootaan qabu kan dhugoomse ta&#8217;uun isaa daran akka gammachiise ilmi isaanii dubbataniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img decoding=\"async\" width=\"800\" height=\"518\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/646124321_1385537893594983_9100330314887103960_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-17440\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/646124321_1385537893594983_9100330314887103960_n.jpg 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/646124321_1385537893594983_9100330314887103960_n-300x194.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/646124321_1385537893594983_9100330314887103960_n-768x497.jpg 768w\" sizes=\"(max-width: 800px) 100vw, 800px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>\u200eDajjaazmaach Garasuu Dhukii naamusa hojiif kabaja guddaa akka qaban kan himan ilmi isaanii malaammaltummaa haalan balaaleeffatu ture jedhaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Abbaan isaanii nama mindaa isaa qofaan jiraatuufi mana bareedaa ijaaruuf kan hin hawwine caalaa uummatni daandiifi barnoota akka qabaatuuf qabsaa&#8217;aa akka ture Taaboor yaadachiiseera.<\/p>\n\n\n\n<p>\u200eTaaboor Garasuu bara biyya alaa jiraachaa turetti hawwiifi jaalala biyya isaaf qabu caalmaatti hubachuuf akka dhufe kan dubbatu, &#8220;akka abbaa koo dhiiga koo dhangalaasuu baadhus har&#8217;a biyya kootiif yoon du&#8217;e nan gammada&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>&#8220;Gammachuun natti dhagahamu gaafa Abbaa koo yoo kabajaniifi yeroo maqaa isaa waaman dhaga&#8217;uun koo hedduu na gammachiise&#8221; jedhaniiru ilmi Garasuu Dhukii Taaboor.<\/p>\n\n\n\n<p>Shuumii Badhaasootiin<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"17437\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"7f4c13970f\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17437\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS &#8211; Guraandhala 24\/2018 Seenaan kan yaadatamu gootummaa lolaa qofaan osoo hin taane, bu\u2019uura beekumsa dhalootaa bocuu ni dabalata. Qabsoo bilisummaa keessatti gumaacha kan qaban Garasuu Dhukii diina injifachuuf beekumsi meeshaa jalqabaati yaada jedhun qaban ture. Har\u2019a manni jireenyaa isaanii gara \u2018Koolleejjii Indaastirii Dajjaazmaach Garasuu Dhukitti jijjiiramee wiirtuu ce&#8217;umsa teekinooloojii ta\u2019eera. \u200eIlmi isaanii Taaboor [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":17438,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"class_list":["post-17437","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-seenaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.3 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe? - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe? - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS &#8211; Guraandhala 24\/2018 Seenaan kan yaadatamu gootummaa lolaa qofaan osoo hin taane, bu\u2019uura beekumsa dhalootaa bocuu ni dabalata. Qabsoo bilisummaa keessatti gumaacha kan qaban Garasuu Dhukii diina injifachuuf beekumsi meeshaa jalqabaati yaada jedhun qaban ture. Har\u2019a manni jireenyaa isaanii gara \u2018Koolleejjii Indaastirii Dajjaazmaach Garasuu Dhukitti jijjiiramee wiirtuu ce&#8217;umsa teekinooloojii ta\u2019eera. \u200eIlmi isaanii Taaboor [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-03-04T06:55:03+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-03-04T06:55:04+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645873653_1385538040261635_38259902045170806_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"1516\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"972\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"3 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe?\",\"datePublished\":\"2026-03-04T06:55:03+00:00\",\"dateModified\":\"2026-03-04T06:55:04+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/\"},\"wordCount\":425,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/645873653_1385538040261635_38259902045170806_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Seenaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/\",\"name\":\"Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe? - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/645873653_1385538040261635_38259902045170806_n.jpg\",\"datePublished\":\"2026-03-04T06:55:03+00:00\",\"dateModified\":\"2026-03-04T06:55:04+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/645873653_1385538040261635_38259902045170806_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/645873653_1385538040261635_38259902045170806_n.jpg\",\"width\":1516,\"height\":972},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17437\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe?\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe? - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe? - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS &#8211; Guraandhala 24\/2018 Seenaan kan yaadatamu gootummaa lolaa qofaan osoo hin taane, bu\u2019uura beekumsa dhalootaa bocuu ni dabalata. Qabsoo bilisummaa keessatti gumaacha kan qaban Garasuu Dhukii diina injifachuuf beekumsi meeshaa jalqabaati yaada jedhun qaban ture. Har\u2019a manni jireenyaa isaanii gara \u2018Koolleejjii Indaastirii Dajjaazmaach Garasuu Dhukitti jijjiiramee wiirtuu ce&#8217;umsa teekinooloojii ta\u2019eera. \u200eIlmi isaanii Taaboor [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-03-04T06:55:03+00:00","article_modified_time":"2026-03-04T06:55:04+00:00","og_image":[{"width":1516,"height":972,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645873653_1385538040261635_38259902045170806_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"3 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe?","datePublished":"2026-03-04T06:55:03+00:00","dateModified":"2026-03-04T06:55:04+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/"},"wordCount":425,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645873653_1385538040261635_38259902045170806_n.jpg","articleSection":["Seenaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/","name":"Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe? - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645873653_1385538040261635_38259902045170806_n.jpg","datePublished":"2026-03-04T06:55:03+00:00","dateModified":"2026-03-04T06:55:04+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645873653_1385538040261635_38259902045170806_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/645873653_1385538040261635_38259902045170806_n.jpg","width":1516,"height":972},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17437\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Akka feete haa taatu ilmi abbaatti haa baatu. Ilmi Garasuu Dhukii, Taaboor Garasuun turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen maal jedhe?"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17437","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17437"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17437\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":17441,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17437\/revisions\/17441"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/17438"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17437"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17437"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17437"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}