{"id":17460,"date":"2026-03-04T08:34:13","date_gmt":"2026-03-04T08:34:13","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=17460"},"modified":"2026-03-04T08:44:29","modified_gmt":"2026-03-04T08:44:29","slug":"isiin-akka-carraa-tahee-daaima-miilli-dabee-dhalate-manaa-qabdu-laata-hospitaalli-waliigalaa-xirunash-beejingi-falli-jira-jedha-maal-godha-amn-dijiitaal-hordofaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/","title":{"rendered":"Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata?"},"content":{"rendered":"\n<p>Isiin Akka Carraa Tahee Daa\u2019ima Miilli Dabee Dhalate Manaa Qabdu Laata? Hospitaalli Waliigalaa Xirunash Beejingi Falli Jira Jedha. Maal Godha? <\/p>\n\n\n\n<p>Hospitaalota Finfinneen qabdu keessaa tokko hospitaala waliigalaa Xirunash Beejingi yoo tahu hospitaalichi daa\u2019imman miilli isaanii dabee dhalatan qajeelchuun, yaaddoofi naasuu maatii daa\u2019imman isaanii rakkoo akkasii waliin dhalatanii gammachuutti jijjiiraa jira.<\/p>\n\n\n\n<p>Maatiin daa\u2019imman miilli isaanii dabuun dhalatan yaaddoofi naasuu keessa seenuun isaanii waan oolle tahus hospitaalli waliigalaa Xirunash Beejingi hojii daa\u2019imman miilli isaanii dabee dhalatan deebisuu itti fufeera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"581\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103724-1-1024x581.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-17468\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103724-1-1024x581.png 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103724-1-300x170.png 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103724-1-768x435.png 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103724-1.png 1305w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Maatii daa\u2019imman isaanii miilli dabuun dhalatan osoo yaalchisaa jiranii AMN PLUS dubbise keessaa tokko tokko abdii miilli ijoollee isaanii ni deebi\u2019a jedhu kan hin qabne tahuu kaasuun amma garuu erga hospitaalichatti argamuun yaalii kana argatan booda yoo deebi\u2019anii argan gammachuun isaanii olaanaa ta\u2019uu ibsaniiru.<br>Obbo Warqinaa Baay\u2019isaa yeroo daa\u2019imni isaanii dhalatu miilli isaa uumamaan dabee dhalachuun sammuun isaanii boqonnaa dhabee turuu warreen AMN PLUS Sagalee Dhalootaatti himan keessaati.<\/p>\n\n\n\n<p>Keessumaa haati daa\u2019imaa gar-malee dhiphattee turuun waan abdii deebi\u2019uu hin qabne itti fakkaatee turuu eeraniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"654\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103912-1024x654.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-17469\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103912-1024x654.png 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103912-300x192.png 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103912-768x491.png 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103912.png 1158w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Haa ta\u2019u malee, \u201cerga mucaan yaalii barbaachisu argatee dhaabbatee deemuu eegalu baa\u2019yee gammadde\u201djedhan. Itti dabaluunis, \u201cMucaan amma miilli isaa deebi\u2019ee dhaabbatee yoo deemu baay\u2019ee gammadne\u201d jedhaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Aadde Asteer Tasfaayee, mucaan isaanii yaala argachuuf gara hospitaala waliigalaa Xirunash Beejingi dhufee yaalii argatullee, miilli dabe akka deebi\u2019uuf jeessoo itti godhame cabsaa turuu yaadachiisuun, irra deddeebiin yaalii argachuun mucaan isaanii amma miilli isaa nagaa ta\u2019uu ibsan. Osoo hin nuffiin yaalii mucaa isaaniif taasisaniif ogeeyyii tajaajila yaala fayyaa hospitaala Xirunash Beejingi galateeffataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Dooktar Tsaggaa Yilmaa hospitaala waliigalaa Xirunash Beejingitti Ispeeshaalistii Tajaajila Yaala Baqaqsanii wal\u2019aanuu Lafeeti. Rakkoon dabuu miilaa daa\u2019imman irratti mul\u2019atu sababni isaa baay\u2019ee adda kan hin baane ta\u2019ullee yaala fayyaatiin kan deebi\u2019u ta\u2019uu AMN PLUS\u2019tti himaniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"564\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103455-1024x564.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-17467\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103455-1024x564.png 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103455-300x165.png 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103455-768x423.png 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103455.png 1299w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Daa\u2019imman yeroo dhalatan miilli isaanii dabuu kan beekamu yoo ta\u2019u hospitaala isaaniitti baay\u2019inaan kan yaalaman daa\u2019imman dhiiraa ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Daa\u2019imman haga ammaatti hospitaalichatti yaalaman 145 keessaa 100 ol dhiirota kan jedhan Dooktar Tsaggaan, \u201cdaa\u2019imman kunneen yeroodhaan yoo yaalaman miilli isaanii dabee deebi\u2019uu danda\u2019a\u201d jedhaniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"602\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-104037-1-1024x602.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-17464\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-104037-1-1024x602.png 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-104037-1-300x176.png 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-104037-1-768x452.png 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-104037-1.png 1267w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Hoji-Gaggeessaa Olaanaan Hospitaalichaa Dooktar Isheetuu Taaddalaa, daa\u2019imman miilli isaanii uumamaan dabaa ta\u2019ee dhalate yaaluuf tattaaffii dhaabbata Mit-Mootummaa \u2018Hope Walk\u2019 jedhamu waliin taasisaniin hanga ammaatti daa\u2019imman 145 yaalaa jiraachuu ibsuun, isaan keessaa daa\u2019imman 8 tajaajila waggaa 5 xumuruun guutummaatti fayyummaan isaanii mirkanaa\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Ijoolleen biroos miilli isaanii qajeeluu ibsuun, guutummaatti bakkatti deebi\u2019uufi fayyummaan miila isaanii kan mirkanaa\u2019e akka ta\u2019uuf waggaa 5 turuu akka qaban ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Hospitaalli waliigalaa Xirunash Beejing yaala fayyaa daa\u2019imman miilli isaanii dabuun dhalataniif kennu kan itti fufu ta\u2019uu beeksiseera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"646\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103256-1024x646.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-17466\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103256-1024x646.png 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103256-300x189.png 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103256-768x485.png 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-103256.png 1184w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Daa\u2019imman kuma tokko keessaa tokko rakkoo uumamaan miilli isaanii dabuun dhalachuu kan danda\u2019an ta\u2019uu qorannoowwan tokko tokko ni mul\u2019isu. Daa\u2019imman kunneen yeroodhaan yaala fayyaa argatanii jennaan deebi\u2019uu akka danda\u2019u ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu.<\/p>\n\n\n\n<p>Hospitaalli waliigalaa Xirunash Beejingi daa\u2019imman miilli isaanii dabuun dhalatan 145 yaalaa jiraachuu beeksiseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Malkaamuu Abbabaatiin qindaa\u2019e<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"17460\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"4a128aae9e\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17460\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Isiin Akka Carraa Tahee Daa\u2019ima Miilli Dabee Dhalate Manaa Qabdu Laata? Hospitaalli Waliigalaa Xirunash Beejingi Falli Jira Jedha. Maal Godha? Hospitaalota Finfinneen qabdu keessaa tokko hospitaala waliigalaa Xirunash Beejingi yoo tahu hospitaalichi daa\u2019imman miilli isaanii dabee dhalatan qajeelchuun, yaaddoofi naasuu maatii daa\u2019imman isaanii rakkoo akkasii waliin dhalatanii gammachuutti jijjiiraa jira. Maatiin daa\u2019imman miilli isaanii dabuun [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":17461,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[22],"tags":[],"class_list":["post-17460","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-fayyaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.5 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata? - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata? - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"Isiin Akka Carraa Tahee Daa\u2019ima Miilli Dabee Dhalate Manaa Qabdu Laata? Hospitaalli Waliigalaa Xirunash Beejingi Falli Jira Jedha. Maal Godha? Hospitaalota Finfinneen qabdu keessaa tokko hospitaala waliigalaa Xirunash Beejingi yoo tahu hospitaalichi daa\u2019imman miilli isaanii dabee dhalatan qajeelchuun, yaaddoofi naasuu maatii daa\u2019imman isaanii rakkoo akkasii waliin dhalatanii gammachuutti jijjiiraa jira. Maatiin daa\u2019imman miilli isaanii dabuun [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-03-04T08:34:13+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-03-04T08:44:29+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-102830.png\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"1304\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"743\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/png\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"4 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata?\",\"datePublished\":\"2026-03-04T08:34:13+00:00\",\"dateModified\":\"2026-03-04T08:44:29+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/\"},\"wordCount\":504,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/Screenshot-2026-03-04-102830.png\",\"articleSection\":[\"Fayyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/\",\"name\":\"Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata? - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/Screenshot-2026-03-04-102830.png\",\"datePublished\":\"2026-03-04T08:34:13+00:00\",\"dateModified\":\"2026-03-04T08:44:29+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/Screenshot-2026-03-04-102830.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/Screenshot-2026-03-04-102830.png\",\"width\":1304,\"height\":743},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17460\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata?\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata? - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata? - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"Isiin Akka Carraa Tahee Daa\u2019ima Miilli Dabee Dhalate Manaa Qabdu Laata? Hospitaalli Waliigalaa Xirunash Beejingi Falli Jira Jedha. Maal Godha? Hospitaalota Finfinneen qabdu keessaa tokko hospitaala waliigalaa Xirunash Beejingi yoo tahu hospitaalichi daa\u2019imman miilli isaanii dabee dhalatan qajeelchuun, yaaddoofi naasuu maatii daa\u2019imman isaanii rakkoo akkasii waliin dhalatanii gammachuutti jijjiiraa jira. Maatiin daa\u2019imman miilli isaanii dabuun [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-03-04T08:34:13+00:00","article_modified_time":"2026-03-04T08:44:29+00:00","og_image":[{"width":1304,"height":743,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-102830.png","type":"image\/png"}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"4 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata?","datePublished":"2026-03-04T08:34:13+00:00","dateModified":"2026-03-04T08:44:29+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/"},"wordCount":504,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-102830.png","articleSection":["Fayyaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/","name":"Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata? - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-102830.png","datePublished":"2026-03-04T08:34:13+00:00","dateModified":"2026-03-04T08:44:29+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-102830.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/Screenshot-2026-03-04-102830.png","width":1304,"height":743},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17460\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Daa\u2019ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata?"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17460","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17460"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17460\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":17472,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17460\/revisions\/17472"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/17461"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17460"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17460"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17460"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}