{"id":17590,"date":"2026-03-10T08:48:50","date_gmt":"2026-03-10T08:48:50","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=17590"},"modified":"2026-03-10T08:48:53","modified_gmt":"2026-03-10T08:48:53","slug":"guyyaa-jalqaba-hoggantootni-addabaabaitti-bahuun-finfinnee-ilillii-fakkaattu-uumna-jedhan-akkam-godhanii-jechaa-turre-jiraattota-finfinnee","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/","title":{"rendered":"Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre &#8211; Jiraattota Finfinnee"},"content":{"rendered":"\n<p>AMN PLUS &#8211; Guraandhala 30\/2018<\/p>\n\n\n\n<p>Magaalaa Finfinneetti hojiin misooma magariisaa hojjatame kan duraanii irraa adda ta\u2019uu irra darbee miidhaginaafi hawwatummaa magaalattii kan dabale ta\u2019uu jiraattotni tokko tokko dubbataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Jiraataan Magaalaa Finfinnee Gammachiis Lataa, \u201cFinfinnee ammaa kan yeroo duraaniin wal bira qabnee yoo ilaalle gama magariisummaan lafaafi samiidha jechuun ibsuuun, kanaan dura balfi garaagaraa dhibeef nama saaxilu, amma garuu misooma magariisaan miidhageefi qulqullaa\u2019ee bakka yaada namaa haaressu ta\u2019uu dubbateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Bakki kanaan dura balfi itti gatamuufi namni funyaan qabatee irraa maqee darbaa ture, har\u2019a misoomee bakka namni aara itti galfatuufi bashannanu ta\u2019eera kan jedhan ammoo Obbo Tasfaayee Shifarraati.<\/p>\n\n\n\n<p>Obbo Nugusuu Warquu gama isaaniin jidduu magaalaa qofaa osoon taane qarqarri magaalaa illee misoomuun jiraattotnis aadaa naannoo isaanii qulqulleessuu gabbifachuun Finfinneen daran miidhagaa jiraachuu kaasaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Jiraattuu Finfinnee kan biroon Aadde Eebbisee Ayyaanaa, waggoota muraasa dura yeroo hoggansi magaalichaa yeroo gabaabaatti jijjiirra jechuun waadaa seenu dhugaa wantan fakkaannetu waggaa muraasatti milkaa\u2019ee Finfinnee akkuma maqaa ishee ililli fakkeesse jechuun dubbatan.<\/p>\n\n\n\n<p>Duraan ofiis ta\u2019e ijoollee bashannansiisuuf baasiif saaxilamuun magaalaa biraa deemaa kan turan akka ta\u2019e yaadachiisuun amma garuu wiirtulee bashannanaa ijaaraman keessatti ofiis ta\u2019e ijoollee isaanii bashannansiisaa jiraachuu kaasuun kunis miira boqonnaa gaarii kan kenneef ta\u2019uu himaniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"572\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/648465989_1390411296440976_3781353195182494096_n-1024x572.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-17592\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/648465989_1390411296440976_3781353195182494096_n-1024x572.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/648465989_1390411296440976_3781353195182494096_n-300x168.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/648465989_1390411296440976_3781353195182494096_n-768x429.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/648465989_1390411296440976_3781353195182494096_n.jpg 1316w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Dabalataanis, Tsaggaayee Asfaaw kanaan dura boqochuuf illee bakki jala taa\u2019an kan hin jirre amma garuu gaaddisi qophaa\u2019ee, qilleensa miidhagaan faayamee, suuraa bakki itti ka\u2019aniifi bashannanan danoomee Finfinnee arguu isaatti gammaduu ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Hoggantuu Itti Aantuu Biiroo Miidhaginaa fi Misooma Magariisaa Magaalaa Finfinnee Aadde Tsahaay Geetaahun magaalattiin uwwisa magariisummaan ulaagaa magaalaan tokko qabaachuu qabuu gadi kan ture ta\u2019uu yaadachiisu.<\/p>\n\n\n\n<p>Magaalaan tokko yoo xiqqaate % 30 magariisa ta\u2019uu qabaachuu pilaaniidhaan kan taa\u2019e ta\u2019us magaalaan Finfinnee waggoota muraasa dura sadarkaa kana irra kan hin dhaqqabne turuu ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Ministeerri Magaalaafi Bu\u2019uuraalee Misoomaa sadarkaa baase irraa hanqachuun jijjiirama dura uwwisni magariisummaa magaalaa Finfinnee %2.8 qofa ture kan jedhan Aadde Tsahaay, yeroo ammaa % 22 ga\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Kana irraa kan ka\u2019es jijjiiramni qilleensaa magaalichaa dabaluu kaasuun, aarri konkolaattota boba\u2019aa fayyadaman keessaa ba\u2019us sababaa biqiltootaan harkifamuuf hubaatiin dhaqqabsiisaa ture hir\u2019isuu ibsan. Akkasumas, fayyaa namaafi miidhaginaaf gahee olaanaa qabaachuu himaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Hoogganaan Itti Aanaa Korporeeshinii Bulchiinsa Bakkeewwan Bashannanaa Uummata Magaalaa Finfinnee Obbo Wasan Magraa gama isaaniin, \u201cgiddugalootni bashannanaa magaalicha keessa jiran kan misooman hin turre\u201d jechuun hawwatummaa guutuu illee kan hin qabne turuu yaadachiisan.<\/p>\n\n\n\n<p>Dabalataanis, \u201cbakkeewwan bashannanaa kunneen magariisummaa kan qabanis ta\u2019u daa\u2019immaniif, maanguddootaafi dargaggootaaf kan mijatan hin turre\u201d jedhaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Hojiin misooma koriidariifiwiirtuuwwan bashannanaa hojjataman kunneen carraa hojii hedduu uumuu ibsuun, bifti magaalaa Finfinnee jijjiiramuun simboo qabaachuu irra kan darbe diinagdee illee utaabaa jiraachuu hubachiisaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Baatiiwwan jahan darbaniitti qofa namoota bakkeewwan bashannanaatti tajaajila kennan irraa galiin Birrrii Miliyoona 100 fi Miliyoona 63 ol argamuu itti dabaluun ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Hojiin paarkiiwwan irratti hojjatames bakka dargaggootniifi shamarran ispoortii itti hojjatan, daa\u2019imman itti taphatan, ga\u2019eessotni itti bashannanan kan qabu akkasumas qaama miidhamtootaafis yaadamee kan hojjatame waan ta\u2019eef hundumaa kan hammatu ta\u2019uu kaasan.<\/p>\n\n\n\n<p>Aadaa hojii fooyya\u2019aa 24\/7\u2019n saffisniifi qulqullinni dabaluu kan eeran Obbo Wasan, kunis dorgomtummaa gama maraa Finfinnee kan ol kaasu ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Jiraattotni bu\u2019uuraalee misoomaafi bakkeewwan bashannanaa uummataa kanneenitti yoo fayyadaman eegumsa taasisuufi kunuunsuun dhalootaaf akka dabarsan ergaa dhaamaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Malkaamuu Abbabaatiin<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"17590\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"a7f031df8f\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17590\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS &#8211; Guraandhala 30\/2018 Magaalaa Finfinneetti hojiin misooma magariisaa hojjatame kan duraanii irraa adda ta\u2019uu irra darbee miidhaginaafi hawwatummaa magaalattii kan dabale ta\u2019uu jiraattotni tokko tokko dubbataniiru. Jiraataan Magaalaa Finfinnee Gammachiis Lataa, \u201cFinfinnee ammaa kan yeroo duraaniin wal bira qabnee yoo ilaalle gama magariisummaan lafaafi samiidha jechuun ibsuuun, kanaan dura balfi garaagaraa dhibeef nama [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":17591,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[18],"tags":[],"class_list":["post-17590","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-misooma","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.5 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre - Jiraattota Finfinnee - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre - Jiraattota Finfinnee - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS &#8211; Guraandhala 30\/2018 Magaalaa Finfinneetti hojiin misooma magariisaa hojjatame kan duraanii irraa adda ta\u2019uu irra darbee miidhaginaafi hawwatummaa magaalattii kan dabale ta\u2019uu jiraattotni tokko tokko dubbataniiru. Jiraataan Magaalaa Finfinnee Gammachiis Lataa, \u201cFinfinnee ammaa kan yeroo duraaniin wal bira qabnee yoo ilaalle gama magariisummaan lafaafi samiidha jechuun ibsuuun, kanaan dura balfi garaagaraa dhibeef nama [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-03-10T08:48:50+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-03-10T08:48:53+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/649128736_1390411223107650_309300656093274843_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"1328\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"745\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"3 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre &#8211; Jiraattota Finfinnee\",\"datePublished\":\"2026-03-10T08:48:50+00:00\",\"dateModified\":\"2026-03-10T08:48:53+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/\"},\"wordCount\":541,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/649128736_1390411223107650_309300656093274843_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Misooma\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/\",\"name\":\"Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre - Jiraattota Finfinnee - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/649128736_1390411223107650_309300656093274843_n.jpg\",\"datePublished\":\"2026-03-10T08:48:50+00:00\",\"dateModified\":\"2026-03-10T08:48:53+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/649128736_1390411223107650_309300656093274843_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/03\\\/649128736_1390411223107650_309300656093274843_n.jpg\",\"width\":1328,\"height\":745},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/17590\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre &#8211; Jiraattota Finfinnee\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre - Jiraattota Finfinnee - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre - Jiraattota Finfinnee - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS &#8211; Guraandhala 30\/2018 Magaalaa Finfinneetti hojiin misooma magariisaa hojjatame kan duraanii irraa adda ta\u2019uu irra darbee miidhaginaafi hawwatummaa magaalattii kan dabale ta\u2019uu jiraattotni tokko tokko dubbataniiru. Jiraataan Magaalaa Finfinnee Gammachiis Lataa, \u201cFinfinnee ammaa kan yeroo duraaniin wal bira qabnee yoo ilaalle gama magariisummaan lafaafi samiidha jechuun ibsuuun, kanaan dura balfi garaagaraa dhibeef nama [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-03-10T08:48:50+00:00","article_modified_time":"2026-03-10T08:48:53+00:00","og_image":[{"width":1328,"height":745,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/649128736_1390411223107650_309300656093274843_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"3 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre &#8211; Jiraattota Finfinnee","datePublished":"2026-03-10T08:48:50+00:00","dateModified":"2026-03-10T08:48:53+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/"},"wordCount":541,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/649128736_1390411223107650_309300656093274843_n.jpg","articleSection":["Misooma"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/","name":"Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre - Jiraattota Finfinnee - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/649128736_1390411223107650_309300656093274843_n.jpg","datePublished":"2026-03-10T08:48:50+00:00","dateModified":"2026-03-10T08:48:53+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/649128736_1390411223107650_309300656093274843_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/03\/649128736_1390411223107650_309300656093274843_n.jpg","width":1328,"height":745},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/17590\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Guyyaa Jalqaba Hoggantootni Addabaaba\u2019itti Bahuun Finfinnee Ilillii Fakkaattu Uumna Jedhan Akkam Godhanii Jechaa Turre &#8211; Jiraattota Finfinnee"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17590","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=17590"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17590\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":17593,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/17590\/revisions\/17593"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/17591"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=17590"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=17590"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=17590"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}