{"id":18168,"date":"2026-04-01T11:41:39","date_gmt":"2026-04-01T11:41:39","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=18168"},"modified":"2026-04-01T11:41:41","modified_gmt":"2026-04-01T11:41:41","slug":"mulata-teeknoloojii-dijitaalaa-facaafamee-ija-godhatee-dhalootaaf-beekumsa-gudunfaa-jiru","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/","title":{"rendered":"Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"wp-block-paragraph\">AMN PLUS- Bitootessa 23\/2018<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad Bitootessa 24 Bara 2010\u2019tti Mootumma fi jijjiiramaa isaanii waliin yeroo aangootti dhufan, sanyiin teeknooloojii dijitaalaa facaafamee, aramamee, jala qotamee, kunuunfamee ija godhachuun milkaa\u2019inni isaa sassaabamuu eegaleera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Dooktar Abiyyi wayita waadaa seenan cehumsa Itoophiyaatti fiduuf waadaa seenan keessaa inni ijoo teekinooloojii dijitaalaati. Bu\u2019uuruma waadaa seenaniin teeknoloojiin dijitaalaa tarsiimoon qophaa\u2019ee kallattii dhaloota egereefi mul\u2019ata biyyaa akka ta\u2019u taasifameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Carraa jabanummaafi guddummaa Itoophiyaa irra deebiin bifa caaluun mul\u2019isuuf galma qabachuun tarsiimoon Dijitaal Itoophiyaa 2025 qophaa\u2019e bu\u2019aawwan qabatamoo kan agarsiise ture. Kanaanis qaamoleen hawaasaa biyyattii garaagaraa bifa salphaa ta\u2019een tajaajila si\u2019ataa, dhaqqabaa ta\u2019ee, loogiifi hojmaata badaa irraa bilisa ta\u2019e akka argatan haala mijeessaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Tarsiimoo Dijtaal Itoophiyaa 2025 milkeessuuf innisheetiiviiwwan qabaman keessaa inni tokko Inistitiyuutii Artifishaal Intelijensii (AI) Itoophiyaa hundeessuudhaan riifoormii gamdaneessaa biyyattii galmaan ga\u2019uun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuudha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Haaluma kanaan, Inistitiyuutiin kun Bara 2013tti hundaa\u2019uun Itoophiyaan warraaqsa Addunyaan gama hubannoo namtolchee (AI)\u2019n taasistutti akka makamtu haala mijeesseera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"768\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-4-1024x768.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-18170\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-4-1024x768.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-4-300x225.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-4-768x576.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-4.jpg 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Bitootessa 24 booda, Itoophiyaan sirna odeeffannoo biyyaalessaa gabbisuun, pilaatifoormiiwwan dijitaalaa sirna mootummaa deggeran kalaquufi fooyyesuuun, furmaata teekinooloojii biyyuma keessatti kalaqamaniin innooveeshinii jajjabeessuun sharafni alaa sababaa kanatti soolaara miliyooonotaan lakkaa\u2019aman biyya keessatti akka hafu taasisuun hojiilee misoomaa kanneen biroof akka oolu taasisuun danda\u2019ameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Milkaa\u2019inuma Bitootessa 24\u2019n argame kanaan Itoophiyaatti lammiileen hundumtuu fayyadamtoota hubannoo nam-tolchee akka ta\u2019an akkasumas Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa ishee akka milkeessituuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjatamaa jiraachuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) irra deddeebiin mirkaneessaa turaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Yaadama Ida\u2019amuu irraa burqee, adeemsaan hojiitti kan hiikame inistitiyuutichis diinagdee dijitaalaa Itoophiyaa haalaan deggeruun sagantaa kana daran babal\u2019isuun Itoophiyaan egeree gama teekinooloojiin egereeAfrikaa dursuuf ejjennoo cimaa ta\u2019e qabattee hojjataa jirti.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Biyyattiin teekinooloojiin dursuuf sagantaa Dijitaal Itoophiyaa 2025\u2019n eegalameeen bu\u2019aawwan qabatamoo argaman qabachuun Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030\u2019tti ceesisuun guddina diinagdee hundumaa fayyadamaa taasisu, innooveeshiniin badhaadheefi bulchiinsa jabanaa calaqqisiisuun waaressuuf hojiin eegalte kun bu\u2019aa Baatii Bitootessaan argame keessaa isa olaanaadha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Milkaa\u2019inoota Baatii Bitootessaan argaman keessaa inni biraan mirkaneessa eenyummaa nama tokkoo kan faayidaawwan garaagaraa argamsiisu Waraqaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa Faayidaa (Fayda National Digital ID) ti.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"461\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-3-1024x461.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-18171\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-3-1024x461.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-3-300x135.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-3-768x346.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-3.jpg 1280w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Faayidaan utubaawwan riifoormii man-dhaleefi ajandaa cehumsa dijaataalaa biyyaalessaa keessaa tokko yoo ta\u2019u yeroo ammaa lammiileen Miliyoona 37 ol ta\u2019an fayyadamtoota sagantaa kanaa ta\u2019aniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Haga Bara Faranjootaa 2027\u2019tti ammo lammiileen Miliyoona 90 ol ta\u2019an fayyadamtoota sagantaa kanaa ta\u2019uun tajaajiloota garaagaraa bifa salphaa ta\u2019een yeroo gabaabaafi haala si\u2019ataa ta\u2019een bakka tokkotti argachuu danda\u2019u.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Qaama Cehumsa Diinagdee Dijitaalaa inni ijoo biraan Giddu Gala Tajaajila Mootummaa Dijitaalaa Bakka Tokkoo yoo ta\u2019u, kunis milkaa\u2019inoota gama teekinooloojii dijitaalaan Bitootessa 24 Bara 2010 booda argaman keessaati.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Akka magaalaa Finfinneetti Tajaajilli Giddu Bakka Tokkoo A-Masoob hojiitti seenuun jiraattota fayyadamoo erga taasisuu eegalee as lammiileen Kuma 120 caalan baasiifi yeroo isaanii qusatanii Biirolee Magaalichaa 13 irraa tajaajiloota 130 ol bakka tokkotti argachuun, waa\u2019ee dhaqqabummaafi saffisa tajaajilichaa dhugaa ba\u2019aa jiru. Kana malees, hojmaata mootummaa fooyyessuun malaammaltummaafi hojmaata badaa akkasumas deddeebii tmaammilaa hanqisuun isaa dhugaa ba\u2019amaafii jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Tajaajilli Giddu Gala Bakka Tokkoo dijitaalawaa ta\u2019e kun gara naannolee garaa garaattis babal\u2019achuun lammiileen itti quufiinsi tajaajiloota murteessoof qaban akka dabalu gumaachuu kan ibsame yoo ta\u2019u kunis bu\u2019aawwan gama teekinooloojii dijitaalaan Baatii Bitootessaa booda argame ta\u2019uun hojii ajaa\u2019ibsiisaa hojjatame ta\u2019uun eerama.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"683\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-21-1024x683.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-18172\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-21-1024x683.jpg 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-21-300x200.jpg 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-21-768x512.jpg 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-21.jpg 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Itoophiyaatti tajaajilootni mootummmaafi uummataa garaagaraa waraqaa irraa bilisa ta\u2019uun akka kennaman taasisuun cehumsi bulchiinsa elektirooniksii babala\u2019chaa kan jiru Baatii Bitootessaa Bara 2010 as ta\u2019uun ni hubatama.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Haalli qabiinsa ragaaleefi odeeffannoos gara sirna odeeffannoo wiirtuu tokkootti ol guddachuun lammiileen yaaddoo ragaan dhabamuufi manca\u2019uu keessaa ba\u2019uun tajaajila si\u2019aa\u2019inaafi qulqullina qabu akkasumas teekinooloojii dijitaalaan deggerame argachuun baasii, humnaafi yeroo isaanii akka qusatan taasisaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Kana irraa kan ka\u2019es Mootummaafi uummata jidduutti wal amantaan akka jiraatu riqicha ta\u2019uun walquunnamsiisuu irra darbee maloota teeknoloojii dijitaalaa babal\u2019atan fayyadamuun komiin wayita jiraatutti illee ariitiin furuun madda gammachuu jiraattotaa ta\u2019aa jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Itoophiyaan filmaatilee teeknoloojii dijitaalaa garaagaraa fayyadamuun Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030 eegalame milkeessuuf hojiin eegalte, hubannoo nam-tolchee (AI)\u2019n deggeramuun hawaasa gama dijitaalaan walitti dhufuun galma guddina diinagdee qabame milkeessuuf hojii gama maraan eegalte cimsitee itti fufuuf, waadaa Bitootessa 24 Bara 2010 galame milkeessuuf mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee, kunuunfamee milkaa\u2019inni isaa itti sassaabamaa jiruun daran onnattee imala itti fufteetti.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Malkaamuu Abbabaatiin<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"680c50769b\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/18168\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS- Bitootessa 23\/2018 Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad Bitootessa 24 Bara 2010\u2019tti Mootumma fi jijjiiramaa isaanii waliin yeroo aangootti dhufan, sanyiin teeknooloojii dijitaalaa facaafamee, aramamee, jala qotamee, kunuunfamee ija godhachuun milkaa\u2019inni isaa sassaabamuu eegaleera. Dooktar Abiyyi wayita waadaa seenan cehumsa Itoophiyaatti fiduuf waadaa seenan keessaa inni ijoo teekinooloojii dijitaalaati. Bu\u2019uuruma waadaa seenaniin teeknoloojiin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":18169,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[43,45,16,4],"tags":[],"class_list":["post-18168","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-dijitaal-itoophiyaa-2030","category-dijitaalaa","category-editors-pick","category-itoophiyaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.6 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS- Bitootessa 23\/2018 Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad Bitootessa 24 Bara 2010\u2019tti Mootumma fi jijjiiramaa isaanii waliin yeroo aangootti dhufan, sanyiin teeknooloojii dijitaalaa facaafamee, aramamee, jala qotamee, kunuunfamee ija godhachuun milkaa\u2019inni isaa sassaabamuu eegaleera. Dooktar Abiyyi wayita waadaa seenan cehumsa Itoophiyaatti fiduuf waadaa seenan keessaa inni ijoo teekinooloojii dijitaalaati. Bu\u2019uuruma waadaa seenaniin teeknoloojiin [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-04-01T11:41:39+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-04-01T11:41:41+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-2.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"1080\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"720\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"4 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru\",\"datePublished\":\"2026-04-01T11:41:39+00:00\",\"dateModified\":\"2026-04-01T11:41:41+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/\"},\"wordCount\":704,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/04\\\/photo_2026-04-01_11-36-22-2.jpg\",\"articleSection\":[\"Dijitaal Itoophiyaa 2030\",\"Dijitaalaa\",\"Editor's Pick\",\"Itoophiyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/\",\"name\":\"Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/04\\\/photo_2026-04-01_11-36-22-2.jpg\",\"datePublished\":\"2026-04-01T11:41:39+00:00\",\"dateModified\":\"2026-04-01T11:41:41+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/04\\\/photo_2026-04-01_11-36-22-2.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/04\\\/photo_2026-04-01_11-36-22-2.jpg\",\"width\":1080,\"height\":720},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18168\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS- Bitootessa 23\/2018 Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad Bitootessa 24 Bara 2010\u2019tti Mootumma fi jijjiiramaa isaanii waliin yeroo aangootti dhufan, sanyiin teeknooloojii dijitaalaa facaafamee, aramamee, jala qotamee, kunuunfamee ija godhachuun milkaa\u2019inni isaa sassaabamuu eegaleera. Dooktar Abiyyi wayita waadaa seenan cehumsa Itoophiyaatti fiduuf waadaa seenan keessaa inni ijoo teekinooloojii dijitaalaati. Bu\u2019uuruma waadaa seenaniin teeknoloojiin [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-04-01T11:41:39+00:00","article_modified_time":"2026-04-01T11:41:41+00:00","og_image":[{"width":1080,"height":720,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-2.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"4 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru","datePublished":"2026-04-01T11:41:39+00:00","dateModified":"2026-04-01T11:41:41+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/"},"wordCount":704,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-2.jpg","articleSection":["Dijitaal Itoophiyaa 2030","Dijitaalaa","Editor's Pick","Itoophiyaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/","name":"Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-2.jpg","datePublished":"2026-04-01T11:41:39+00:00","dateModified":"2026-04-01T11:41:41+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-2.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/04\/photo_2026-04-01_11-36-22-2.jpg","width":1080,"height":720},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18168\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Mul\u2019ata teeknoloojii dijitaalaa facaafamee ija godhatee dhalootaaf beekumsa gudunfaa jiru"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/18168","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=18168"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/18168\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":18173,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/18168\/revisions\/18173"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/18169"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=18168"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=18168"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=18168"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}