{"id":186,"date":"2023-10-02T12:02:18","date_gmt":"2023-10-02T12:02:18","guid":{"rendered":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=186"},"modified":"2023-10-02T12:02:18","modified_gmt":"2023-10-02T12:02:18","slug":"tajaajilli-lammummaa-imala-ofitti-deebiuuf-taasifamu-dha-pireezidaanti-shimallis-abdiisaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/","title":{"rendered":"Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi&#8217;uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa"},"content":{"rendered":"\n<p>Tarsiimoon misoomaa kamuu, hirmaannaa ummataa dhugoomsuuf aadaafi duudhaa ummatichaa irraa waraabamuu akka qabu ifatti mul\u2019isejedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.<\/p>\n\n\n\n<p>Pireezidaanti Shimallis hojiilee Tajaajila Lammummaan hojjetaman ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"720\" height=\"408\" src=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/image-7.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-189\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/image-7.png 720w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/image-7-300x170.png 300w\" sizes=\"(max-width: 720px) 100vw, 720px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p><a><\/a>Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Tajaajilli Lammummaa waan lamaan olmaa nuuf oole. Kan jalqabaa dandeettiin gochuu Ummata keenyaa amma yaannuu ol ta\u2019uu, qabatamaatti nutti agarsiise. Shallaggii hanga Waxabajjii 30, bara 2015 taasifameen qofa hojiifi deeggarsi gosa adda addaa Sagantaa Tajaajila Lammumaatiin arganne bil. 163.4 oli.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"461\" src=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/image-6-1024x461.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-188\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/image-6-1024x461.png 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/image-6-300x135.png 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/image-6-768x346.png 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/image-6.png 1080w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Kan lammataa ammoo duudhaa humneessoo ummata keenyaa sababa adda addaatiin adda citee ture akka deebisnee gonfannu karra nuuf baneera.<\/p>\n\n\n\n<p>Labsii Tajaajila Lammummaa booda humnoota waloo duudhaa ummataa irraa madaqan sadi gara hojiitti galchineerra. Imala hawaas-dinagdee ummata keenyaa jijjiiruu keessattis jabinaan nu utubaa jiru. Adeemsa kana, battala gama kanatti nu qajeelche irraa kaanee hanga ammaatti haa ilaallu!<\/p>\n\n\n\n<p>Sakatta\u2019iinsa Ganamatti nu qajeelche.<\/p>\n\n\n\n<p>Hooggansi jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa hunda dura rakkoolee misooma naannicha ukkaamsanii qabaniifi furmaata isaanii ilaalchisee dhimmoota akka tarsiimoo, imaammataafi misooma waliigalaa irratti qorannoo yabbuu muxannoowwan biyya keessaafi idil-adunyaa irratti sakatta&#8217;iinsa taasise gaggeesse. Bu\u2019aan qorannichaas, \u2018Tarsiimoon Misooma Mootummaadhaan Hoogganamu\u2019 (State-led Development Approach) biyyi keenya duraan fayyadamaa turtee akkasumas muxannoowwan biyyoonni Afrikaa heedduun fayyadamaa turan, guddina ariifataa, hunda galeessaafi damdaneessa kan hin mirkaneessine ta\u2019uu agarsiisera.<\/p>\n\n\n\n<p>Kufaatiin tarsiimoo kanaa sababoota hedduu qabaatus, inni jalqabaa hariiroofi fudhatama ummata waliin qabu irraa kan maddu ture. Innis, gama tokkoon dandeettii raawwachuu ummataa hubatee sochoosuu dhabuu yoo ta\u2019u, gama biraatiin sochii misoomaa taasifamaa turan irratti ummanniifi qooda fudhattoonni akka abboomaman taasisuu dhabuudha.<\/p>\n\n\n\n<p>Muxannoowwan biyyoota \u201cQeerransa Eeshiyaa\u201d (Asian Tigers) imaammatichi akka \u2018modeelaa\u2019tti fudhatu wayita ilaallu, ummata isaanii guutummaatti sochoosuudhaan qooda fudhannaa ummanni misooma keessatti qabu qixa sirriin waan dabalaniif yeroo gabaabaa keessatti guddina ariifataa akka galmeessan isaan dandeessisuu agarsiisa.<\/p>\n\n\n\n<p>Sakatta\u2019iinsa taasifameen, tarsiimoon misoomaa moottummaan jijjiiramaan duraa hordofaa ture qaawwa qabaachuu kan agarsiise yoo ta&#8217;u, kanaaf muuxannoowwan \u201cQeerransa Eeshiiyaas\u201d akka jiruun fudhachuun rakkoo aadaa ummata keenyaan walsimuu dhabuu akka qabaatu ifa ture. Kanaaf, qaawwa kana duudhaafi aadaa ummata kenyaa irraa ka\u2019uun akkamitti duuchuun akka danda\u2019amu adda baasutti galame.<\/p>\n\n\n\n<p>Ilaalchota Oromoo Akka Ka\u2019uumsa Tarsiimoo Misoomaatti<\/p>\n\n\n\n<p>Akka Oromootti namni Ta\u2019a Waloo (communal being) ti. Namni tokkoo guutumatti nama biraa irraa adda bahuufi nama biroo malee guutuu ta\u2019u hin danda\u2019u. Kana jechuun namni dhuunfaa tokko, karaa namoota biroot (hawaasaa) guutuu ta\u2019a. Akkasumas, hawaasni tokko, karaa namoota dhuunfaa malee guutuu hin ta\u2019u.<\/p>\n\n\n\n<p>Oromoo biratti hariiroon hawaasummaa iddoo guddaa kan qabuu. Sochii dhimmoota waloofi arjoomni namoota dhuunfaa dirqama qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa naamusaa kan ta\u2019e asirraa ka\u2019uuni.<\/p>\n\n\n\n<p>Itti gaafatamummaan \u2018dirqama\u2019 naamusaa irraa maddu kun hariiroo hawaasaa walsimatoo (harmonious) uumuufi \u2018dirqama\u2019 hawaasummaa bahachuu keessatti ummata keenya gamteessee tureera. Itti gaafatamummaan kun dhimmoota akka buusii (humnaa, maallaqaafi gosaa adda addaa) tajaajiloota waloo, deeggarsa harka qalleeyyii, kabaja maanguddootaa, ittisa lafa Oromoo, kunuunsa qabeenya uumamaafi kkf hammata.<\/p>\n\n\n\n<p>Tarsiimoon misoomaa kamuu, hirmaannaa ummataa dhugoomsuuf aadaafi duudhaa ummatichaa irraa waraabamuu akka qabu sakatta\u2019iinsi taasisne ifatti mul\u2019dhiseera. Bu&#8217;uruma kanaan hirmaannaa lammiilee hundagaleessa tarsiimoon misooma ariifataa barbaadu mirkaneessuuf duudhaalee Ummata Oromoo ganamaatti deebi\u2019uun dhimma filannoof hin dhiyaanne ta&#8217;uun hubatame.<\/p>\n\n\n\n<p>Asirraa ka&#8217;uun \u201cTajaajila Lammummaa\u201d duudhaa ummata kana dura turefi dhiibbaa adda addaatiin addaan citee ture kara qinda&#8217;aa ta&#8217;een deebisuun qaawwa kana kan duuchu ta&#8217;uu waan itti amanameef, qaamni hojii Raawwachisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Adoolessa 8, bara 2011, Labsii Lakk. 219\/2011, Caffee naannichaatiif dhiyeessee raggaasisuun, bara 2012 irraa eegalee hojiitti galche.<\/p>\n\n\n\n<p>Qabiyyee Kenna Tajaajila Lammummaa<\/p>\n\n\n\n<p>Yaadamni Kenna Tajaajila Lammummaa, misooma dhuunfaafi garee murta&#8217;aa caalaa, hawaasni misoomaafi dhimmoota waloo irratti akka xiyyeeffatu kan taasisuu ta&#8217;uu isaatiin gamtaa hawaasaa (social cohesion) tiksa. Akka naannoo keenyaatti Tajaajila Lammummaatiin hojiin fakkeenyummaa qabuufi ummata keenyatti nu boonsu gama Ijaarsa Manneen Barnoota Bu&#8217;uura Boruu Idilee duraa, Ijaarsa Daree Barnootaa dabalataa, Manneen Barsiisotaa, eegumsa qabeenya umamaa, manneen jireenya harka qalleeyyii, sagantaa \u2018dugda haadholii keenyarraa ba&#8217;aa haa buusnu\u2019 jedhamu, faayyaa (\u2018mass sport\u2019, iddoo hormaata booke dhabamsiisuu, deeggarsa nyaata harka qalleeyyi, arjoma dhiigaa, ijaarsa \u2018bilookii\u2019 dabalataa dhaabbilee fayyaafi keellaa fayyaa, bittaa ambulaansi, yaala bilisaa gaggeessu fi kkf), bu&#8217;uraalee misooma (diriirsa daandii cirrachaa, ijaarsa riqaalee aadaa, qophii boolla bishaaniifi misooma burqaa) adda durummaadhaan kaasu ni dandeenya.<\/p>\n\n\n\n<p>Bu\u2019aa Raawwii Kenna Tajaajila Lammummaa<\/p>\n\n\n\n<p>Bara 2012 irraa eegalee hanga Fulbaana 06 bara 2016\u2019tti Tajaajila Lammummaatiin Mannen Barnootaa Bu\u2019uura Boruu 4,574 ijaaruuf karoorfame keessaa Manni Barnootaa Bu&#8217;ura Boruu 2,871 (62.76 %) xummuramaniiru. Istaandardii Manneen Barnootaa 3,410 fooyyessuuf karoorri qabamee, karooraa ol, Manneen Barnootaa 3,608 (105.80%) adeemsa fooyya\u2019iinsa sadarkaa adda addaa irra jiru. Ijaarsi Manneen Jireenyaa Barsiisotaa 4,000 karoorfamee 4,013 (100.32%) ijaarsi isaa xummuramee; kan hafe sadarkaa xummuraarra jira. Yeruma kanatti manneen kitaabaa 159 haaraan yoo ijaaraman, dhiyeessiin bishaan qulqulluu 126 taasifameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Deeggarsi meeshaa barnootaa barattoota harka qalleeyyi mil. 2.46 taasisuuf karoorfamee mil. 2.3 (94%) biraan gahuun danda\u2019ameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Ganna kana manneen harka qalleeyyii 27,049 yoo ijaaraman\/suphaman, sagantaa \u201cdugda daadhooli keenyarraa ba\u2019aa haa bufnu\u201d jedhuun gaarii, harree, farda, raaddeniifi hoolota 4,121 bitamuun raabsamaniifiru. Akkasumas arjooma dhiigaatiin, dhiigni unitii 13,207 Baankii Dhiigaatif galii ta\u2019eera.<\/p>\n\n\n\n<p>Bu\u2019aawwan raawwii tajaajila kana irraa argaman hunda tarreessun hin danda\u2019amu. Akkuma seensa keenya irratti ibsame, hojii bara 2012 irraa eegalee raawwatameen hanga Waxabajjii 30 bara 2015\u2019tti bu\u2019aan shallaggii birrii Bil. 163.4 ol ta\u2019u argameera. Bara baajata 2016\u2019ttis Karoora Tajaajila Lammummaatiin hojiilee birri bil. 102.7\u2019tti shallagamu raawwachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Raawwiin hanga dhuma ji\u2019a Hagayyaa jirus, tilmaama birrii bil. 27.12 akka qabu beekameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Walumaagala, carraan kun duudhaa ummata keenyaa irraa kan argameedha. Misoomni ummata hin hirmaachifneefi imaammanni duudhaa ummataa irraa hin kaane fuulduratti hin deemu.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhumarrattis, yeroo itti aanuuttis, imaammatoota keenya duudhaa ummataa irraa waraabaafi qajeelchaa misooma waloo ariifataa kan dhugoomsinu ta\u2019uu isiniif mirkaneessaa, raawwii hanga ammaa jiruuf ummata keenya irra deddeebi\u2019ee galateeffachuun barbaada.<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"186\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"a0eb89d285\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/186\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Tarsiimoon misoomaa kamuu, hirmaannaa ummataa dhugoomsuuf aadaafi duudhaa ummatichaa irraa waraabamuu akka qabu ifatti mul\u2019isejedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan. Pireezidaanti Shimallis hojiilee Tajaajila Lammummaan hojjetaman ilaalchisee ergaa dabarsaniiru. Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera. Tajaajilli Lammummaa waan lamaan olmaa nuuf oole. Kan jalqabaa dandeettiin gochuu Ummata keenyaa amma yaannuu ol ta\u2019uu, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":187,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[4],"tags":[],"class_list":["post-186","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-itoophiyaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.4 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi&#039;uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi&#039;uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"Tarsiimoon misoomaa kamuu, hirmaannaa ummataa dhugoomsuuf aadaafi duudhaa ummatichaa irraa waraabamuu akka qabu ifatti mul\u2019isejedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan. Pireezidaanti Shimallis hojiilee Tajaajila Lammummaan hojjetaman ilaalchisee ergaa dabarsaniiru. Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera. Tajaajilli Lammummaa waan lamaan olmaa nuuf oole. Kan jalqabaa dandeettiin gochuu Ummata keenyaa amma yaannuu ol ta\u2019uu, [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2023-10-02T12:02:18+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/shim.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"960\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"551\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"AmnAdmin\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"4 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"AmnAdmin\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\"},\"headline\":\"Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi&#8217;uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa\",\"datePublished\":\"2023-10-02T12:02:18+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/\"},\"wordCount\":924,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/10\\\/shim.jpg\",\"articleSection\":[\"Itoophiyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/\",\"name\":\"Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi'uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/10\\\/shim.jpg\",\"datePublished\":\"2023-10-02T12:02:18+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/10\\\/shim.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/10\\\/shim.jpg\",\"width\":960,\"height\":551},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/186\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi&#8217;uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a\",\"name\":\"AmnAdmin\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"AmnAdmin\"},\"description\":\"MAJOR ASCHIEVMENTS\",\"sameAs\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\"],\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/amnadmin\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi'uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi'uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"Tarsiimoon misoomaa kamuu, hirmaannaa ummataa dhugoomsuuf aadaafi duudhaa ummatichaa irraa waraabamuu akka qabu ifatti mul\u2019isejedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan. Pireezidaanti Shimallis hojiilee Tajaajila Lammummaan hojjetaman ilaalchisee ergaa dabarsaniiru. Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera. Tajaajilli Lammummaa waan lamaan olmaa nuuf oole. Kan jalqabaa dandeettiin gochuu Ummata keenyaa amma yaannuu ol ta\u2019uu, [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2023-10-02T12:02:18+00:00","og_image":[{"width":960,"height":551,"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/shim.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"AmnAdmin","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"AmnAdmin","Est. reading time":"4 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/"},"author":{"name":"AmnAdmin","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a"},"headline":"Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi&#8217;uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa","datePublished":"2023-10-02T12:02:18+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/"},"wordCount":924,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/shim.jpg","articleSection":["Itoophiyaa"],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/","name":"Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi'uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/shim.jpg","datePublished":"2023-10-02T12:02:18+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/shim.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/10\/shim.jpg","width":960,"height":551},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/186\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Tajaajilli Lammummaa Imala Ofitti Deebi&#8217;uuf Taasifamu dha- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/fb6d21a5c3d5f43ceaba9e5ca818981a","name":"AmnAdmin","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/fa6106fe13a86cad885b1c53c3f2826b7d62220225aaf28abc7c4a16030d08b6?s=96&d=mm&r=g","caption":"AmnAdmin"},"description":"MAJOR ASCHIEVMENTS","sameAs":["https:\/\/www.amn.gov.et"],"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/amnadmin\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/186","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=186"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/186\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":190,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/186\/revisions\/190"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/187"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=186"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=186"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=186"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}