{"id":18755,"date":"2026-05-03T10:32:36","date_gmt":"2026-05-03T10:32:36","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=18755"},"modified":"2026-05-03T10:33:32","modified_gmt":"2026-05-03T10:33:32","slug":"ashaaraan-gaarummaa-akkamiin-ibsama-mee-nama-akkasii-tokko-haa-kaasnu-qabeenya-bobaaan-ani-qabu-caalaa-uummata-kooti-natti-aana-jechuunis-yaadannoo-qabu-eenyu-laata","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/","title":{"rendered":"Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata?"},"content":{"rendered":"\n<p>AMN PLUS- Ebla 25\/2018<\/p>\n\n\n\n<p>Qaamaan fagoo, yaadaan baay\u2019ee Itoophiyaatti dhiyoo turan. Har\u2019uma kana Finfinneen maqaa isaanii baay\u2019inaan kaasteetti.<\/p>\n\n\n\n<p>Sheek Zaayid Bin Sulxaan Al Naahiyaan jedhamu. Pirezidaantii Emiraatoota Gamtaan jalqabaa (UAE) turan. ALA\u2019tti Bara 1918\u2019tti dhalatanii Bara 2004\u2019tti addunyaa kana irraa du\u2019aan boqotan.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full is-resized\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"449\" height=\"600\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/001-Foto-SHEIKH-ZAYED-BIN-SULTAN-AL-NAHYAN.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-18758\" style=\"width:397px;height:auto\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/001-Foto-SHEIKH-ZAYED-BIN-SULTAN-AL-NAHYAN.jpg 449w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/001-Foto-SHEIKH-ZAYED-BIN-SULTAN-AL-NAHYAN-225x300.jpg 225w\" sizes=\"(max-width: 449px) 100vw, 449px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Gaggeessaa biyyaa cehumsa biyya isaaniif dhagaa bu\u2019uuraa ka\u2019an turan. Ammayyummaa fi badhaadhina UAE&#8217;f gumaacha olaanaa bahataniin maqaa Abbaa Biyyaa \u201cFather of the Nation\u201d akkasumas Goota Gammoojjii &#8220;Man of the Desert,&#8221; jedhamuun waamamuu irra darbee galma ga\u2019iinsa mul\u2019ata guddina egeree biyya isaaniif cichoomina, kutannoo fi gahumsi olaanaan agarsiisan, hundaa olitti ammoo Arjummaan isaanii onnee tokkoon tokkoo lammiilee biyya isaanii keessatti kudhaamamee bara baraaf yaadatamaa jiraatu.<\/p>\n\n\n\n<p>Tooftaan hoggansaa fi quuqamni isaan kunuunsa naannoof qaban ammoo siidaa jiraataa ta\u2019uun gaarummaan dhaabbateeraaf.<\/p>\n\n\n\n<p>Sheek Zaayid Bin Sulxaan Al Naahiyaan hagam illee gammoojjii hamaa cirrachi isaa sochii danquufi dheebuun isaa lafaan dhahu jidduutti dhalatanis kuni hiree kooti jedhanii jiraachuu itti fufuurra naannoo isaanii kunuunsuun magariisatti jijjiiruun, misooma jallisii, kunuunsa bishaanii fi biqiltuu dhaabuun hogganaa gammoojjii magariisatti deebisuun miidhagina addaa gammoojjummaa addunyaatti agarsiisan turan.<\/p>\n\n\n\n<p>Nama uummata isaaniif kabaja olaanaa qabanii qaban akaksumas wayita walitti bu\u2019iinsi fi rakkoon qaamolee hawaasaa jidduu jiraatu kallattumaan dhufanii akka isaan mariisisan haala mijeessuun jaarsummaan (Majilisaan) furan turan.<\/p>\n\n\n\n<p>Bara 1960\u2019ta keessa wayita magaalaa Abu Daabii hundeessan ulee ittiin gala isaanii qajeelchaniin wixineewwan ijaarsa daandii, bu\u2019uuraalee misoomaa biroo fi pilaanii magaalaa baasuun ashaaraa guddaa kaa\u2019aniiru.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-large\"><img decoding=\"async\" width=\"1024\" height=\"576\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/3d6aafd3-4d37-4c2e-a466-b970223557d7-1024x576.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-18761\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/3d6aafd3-4d37-4c2e-a466-b970223557d7-1024x576.png 1024w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/3d6aafd3-4d37-4c2e-a466-b970223557d7-300x169.png 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/3d6aafd3-4d37-4c2e-a466-b970223557d7-768x432.png 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/3d6aafd3-4d37-4c2e-a466-b970223557d7-800x450.png 800w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/3d6aafd3-4d37-4c2e-a466-b970223557d7.png 1300w\" sizes=\"(max-width: 1024px) 100vw, 1024px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Qabsoo Sheek Zaayid mirga dubartootaa fi barnootaaf taasisan ammoo daran akka laphee uummataa keessaa hin badne taasisa. Dubartootni qaama hawaasaa walakkaa ta\u2019an qollifatamanii guddinni galma gahu hin jiru jechuun hojii mootummaa fi hoggansa irratti akka hirmaatan akkasumas shamarran akka baratan haala mijeessuun bu\u2019uura guddina roga maraa biyyi isaanii har\u2019a irra geesseef gahee olaanaa bahataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Arjummaan isaanii ammoo hunda biratti kan yaadatamu yoo ta\u2019u, dhaabbileen gargaarsaa biyyaan alatti hundeessan biyyoota 40 ol keessatti mana barumsaa, daandii fi hospitaala ijaareera; pirojektoota qonnaa hedduu deggeruun heddummoota agabuu buluu irraa oolcheera.<\/p>\n\n\n\n<p>Dippiloomaatii Idil addunyaa kan ta\u2019an Pirezidaanti Sheek Zaayid jaalalli amantaa isaaniif qabaniifi kabajni isaan amantoota biroof qaban ijaarsa bakka waaqeffannaa hordoftoota amantaa Islaamaan ala ta\u2019aniif dachee isaanii irratti akka ijaaramaniifi bilisummaan sirnaa fi duudhaa amantaan biroo raawwatan haalli itti eyyemanis haga har\u2019aatti ragaa qabatamaa ta\u2019eera.<\/p>\n\n\n\n<p>Sheek Zaayid waadaa haadha isaanii Sheekaa Salaamaa Bint Buutii eeguun biyyi isaanii walitti bu\u2019iinsa wal waliinii irraa bilisa akka taatuufi aangoonis waraana malee nagaan akka darbu taasisuu eegsisuun tursan haga har\u2019aas biyyattii rakkoo irraa baraareera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img decoding=\"async\" width=\"914\" height=\"515\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/The-late-Sheikh-Zayed-bin-Sultan-Al-Nahyan.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-18762\" srcset=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/The-late-Sheikh-Zayed-bin-Sultan-Al-Nahyan.png 914w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/The-late-Sheikh-Zayed-bin-Sultan-Al-Nahyan-300x169.png 300w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/The-late-Sheikh-Zayed-bin-Sultan-Al-Nahyan-768x433.png 768w, https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/The-late-Sheikh-Zayed-bin-Sultan-Al-Nahyan-800x450.png 800w\" sizes=\"(max-width: 914px) 100vw, 914px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Namni ogummaa qabaniin beekaman Sheek Zaayid wal dhabdee biyyoota naannawaa jidduutti uumaman tooftaan furuunis akkasuma ni beekamu.<br>Dhaabbatni Sagantaa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii \u201cUNEP\u201d hagam illee erga isaan lubbuun darbanii ta\u2019us beekamtii \u201cGoota Dachee Bara Jireenyaa &#8220;Earth heroes&#8221; jechuun namoota bebbeekamoo addunyaaf beekamtii kenneef keessaa Sheek Zaayid gama kunuunsa naannoo fi qonna gammoojiin hojii ajaa\u2019ibsiisaa hojjataniin isaan tokko turan.<\/p>\n\n\n\n<p>Sheek Zaayid dureessa haa ta\u2019an malee gaarummaa fi arjummaa akkasumas bakka olaanaa namoota harka qalleessaaf qabaniifi jireenya isaanii akkuma namni tokko jiraatutti gadi of deebisuun, aadaa fi duudhaa isaanii kabajuun jiraachuun beekamu.<\/p>\n\n\n\n<p>Akkasis jedhu. \u201cQabeenyi koo boba\u2019aan qabu osoon taane, uummata kooti\u201d<\/p>\n\n\n\n<p>Akkuma kana jedhanis, uummata biyya isaanii irra darbee hawaasa idil addunyaa maraan gaarummaa isaaniin yaadatamaa bara baraaf jiraatu.<\/p>\n\n\n\n<p>Siidaawwan jiraatoo maqaan isaanii ittiin ol ka\u2019ee mul\u2019ate keessaa tokkoo fi ijoon ammoo fiigicha gaarummaa kiiloo meetira 5 har\u2019a ganama magaalaa Finfinneetti adeemsifame.<\/p>\n\n\n\n<p>Magaalaa Finfinneetti Fiigichi Gaarummaa Kiiloo Meetira 5 maqaa isaaniin moggaa\u2019ee har\u2019a ganama adeemsifameef, Sheek Zaayid Eenyu? Waa\u2019ee isaanii maal beekna?<\/p>\n\n\n\n<p>Malkaamuu Abbabaatiin<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"18755\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"7c123a1c52\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/18755\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS- Ebla 25\/2018 Qaamaan fagoo, yaadaan baay\u2019ee Itoophiyaatti dhiyoo turan. Har\u2019uma kana Finfinneen maqaa isaanii baay\u2019inaan kaasteetti. Sheek Zaayid Bin Sulxaan Al Naahiyaan jedhamu. Pirezidaantii Emiraatoota Gamtaan jalqabaa (UAE) turan. ALA\u2019tti Bara 1918\u2019tti dhalatanii Bara 2004\u2019tti addunyaa kana irraa du\u2019aan boqotan. Gaggeessaa biyyaa cehumsa biyya isaaniif dhagaa bu\u2019uuraa ka\u2019an turan. Ammayyummaa fi badhaadhina UAE&#8217;f [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":12,"featured_media":18757,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[15,5],"tags":[],"class_list":["post-18755","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-hawaasummaa","category-idil-adunyaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.5 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata? - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata? - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS- Ebla 25\/2018 Qaamaan fagoo, yaadaan baay\u2019ee Itoophiyaatti dhiyoo turan. Har\u2019uma kana Finfinneen maqaa isaanii baay\u2019inaan kaasteetti. Sheek Zaayid Bin Sulxaan Al Naahiyaan jedhamu. Pirezidaantii Emiraatoota Gamtaan jalqabaa (UAE) turan. ALA\u2019tti Bara 1918\u2019tti dhalatanii Bara 2004\u2019tti addunyaa kana irraa du\u2019aan boqotan. Gaggeessaa biyyaa cehumsa biyya isaaniif dhagaa bu\u2019uuraa ka\u2019an turan. Ammayyummaa fi badhaadhina UAE&#8217;f [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-05-03T10:32:36+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-05-03T10:33:32+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/Sheikh_Zayed_with_King_Faisal_1974_cropped.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"225\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"286\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"afanoromouser2\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"afanoromouser2\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"4 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"afanoromouser2\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342\"},\"headline\":\"Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata?\",\"datePublished\":\"2026-05-03T10:32:36+00:00\",\"dateModified\":\"2026-05-03T10:33:32+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/\"},\"wordCount\":609,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/05\\\/Sheikh_Zayed_with_King_Faisal_1974_cropped.jpg\",\"articleSection\":[\"Hawaasummaa\",\"Idil Adunyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/\",\"name\":\"Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata? - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/05\\\/Sheikh_Zayed_with_King_Faisal_1974_cropped.jpg\",\"datePublished\":\"2026-05-03T10:32:36+00:00\",\"dateModified\":\"2026-05-03T10:33:32+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/05\\\/Sheikh_Zayed_with_King_Faisal_1974_cropped.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/05\\\/Sheikh_Zayed_with_King_Faisal_1974_cropped.jpg\",\"width\":225,\"height\":286},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/18755\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata?\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342\",\"name\":\"afanoromouser2\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"afanoromouser2\"},\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/afanoromouser2\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata? - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata? - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS- Ebla 25\/2018 Qaamaan fagoo, yaadaan baay\u2019ee Itoophiyaatti dhiyoo turan. Har\u2019uma kana Finfinneen maqaa isaanii baay\u2019inaan kaasteetti. Sheek Zaayid Bin Sulxaan Al Naahiyaan jedhamu. Pirezidaantii Emiraatoota Gamtaan jalqabaa (UAE) turan. ALA\u2019tti Bara 1918\u2019tti dhalatanii Bara 2004\u2019tti addunyaa kana irraa du\u2019aan boqotan. Gaggeessaa biyyaa cehumsa biyya isaaniif dhagaa bu\u2019uuraa ka\u2019an turan. Ammayyummaa fi badhaadhina UAE&#8217;f [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-05-03T10:32:36+00:00","article_modified_time":"2026-05-03T10:33:32+00:00","og_image":[{"width":225,"height":286,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/Sheikh_Zayed_with_King_Faisal_1974_cropped.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"afanoromouser2","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"afanoromouser2","Est. reading time":"4 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/"},"author":{"name":"afanoromouser2","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342"},"headline":"Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata?","datePublished":"2026-05-03T10:32:36+00:00","dateModified":"2026-05-03T10:33:32+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/"},"wordCount":609,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/Sheikh_Zayed_with_King_Faisal_1974_cropped.jpg","articleSection":["Hawaasummaa","Idil Adunyaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/","name":"Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata? - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/Sheikh_Zayed_with_King_Faisal_1974_cropped.jpg","datePublished":"2026-05-03T10:32:36+00:00","dateModified":"2026-05-03T10:33:32+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/Sheikh_Zayed_with_King_Faisal_1974_cropped.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/05\/Sheikh_Zayed_with_King_Faisal_1974_cropped.jpg","width":225,"height":286},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/18755\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba\u2019aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata?"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342","name":"afanoromouser2","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g","caption":"afanoromouser2"},"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/afanoromouser2\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/18755","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/12"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=18755"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/18755\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":18764,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/18755\/revisions\/18764"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/18757"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=18755"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=18755"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=18755"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}