{"id":20462,"date":"2026-07-02T13:53:32","date_gmt":"2026-07-02T13:53:32","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=20462"},"modified":"2026-07-02T13:53:36","modified_gmt":"2026-07-02T13:53:36","slug":"mariin-biyyaalessaa-buuura-wal-dhagauu-waliigaluu-fi-ijaarsa-sirna-mootummaa-cimaati-tkm","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/","title":{"rendered":"Mariin biyyaalessaa bu&#8217;uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati &#8211; TKM"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"wp-block-paragraph\">AMN PLUS &#8211; Waxabajjii 25\/2018<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Itoophiyaan seenaa keessatti boqonnaa marii haaraa, hammataa fi tarsiimawaa ta\u2019erratti akka argamtu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ifoomse.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Carraan seena qabeessi kunis garaagarummaa caasaa fi siyaasa keessoo barootaaf turan hirmaannaa hawaasaa bal\u2019aan furuuf waltajjii marii bilchaataa irratti waliigaltee biyyaalessaa waloo ijaaruuf dandeessisu akka ta\u2019es ibsameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Aadaa siyaasaa baroota dheeraaf lola keessoofi wal dhabdee adda addaan laafee ture jijjiiruun mul\u2019ata hammattummaa fi waliigaltee biyyaalessaa bu&#8217;uura birmadummaafi badhaadhinaa taasifate hojiirra oolchaa akka jirus akeekameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Yeroo ammaa kanas mariin biyyaalessaa Itoophiyaa dhimma filannoo utuu hin taane, dirqama seenaa biyya cimtuu, birmadummaa qabduu fi fi nageenyi ishee tasgabbaa\u2019e ijaaruuf kan dandeessisu akka ta\u2019es eerameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Biyya heddumminni aadaa fi ilaalchonni siyaasaa baay\u2019een keessa jiru kan akka Itoophiyaa keessatti yaada qaama tokko qofa keessummessuu osoo hin taanee marii biyyaalessaan yaadota huddu keessummessutu falas jedhameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Ajandaaleen marii gurguddoon Koomishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ifoomse saddeettanis sagalee, abdiiwwan fi mul\u2019ata gara fuulduraa lammiilee Itoophiyaa calaqqisiisanii fi kutaalee biyyattii hundaarraa hawaasaa kan walitti qabe akka ta\u2019es kaafameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Milkaa&#8217;inni fi adeemsi hojiitti hiikamuu ajandaalee kanneenii qooda gama tokkoo qofa osoo hin taane, hirmaannaa gaarii fi dammaqina lammiilee Itoophiyaa hundaa kan gaafatu akka ta\u2019es ibsameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Paartileen siyaasaa, dhaabbileen hawaasa siivilii, dhaabbileen amantaa, dargaggoonni, dubartoonni, hayyoonni fi dhaabbileen kanneen biroos adeemsa seena-qabeessa kanaa milkeessuuf qooda murteessaa akka qabanis ifoomeera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Adeemsi kun ijaarsa sirna diimokiraasii Itoophiyaan taasisaa jirtu kan cimsuu dhaloota dhufuuf biyya nagaa, wal-amantaa fi waliin hojjachuun danda\u2019amu ijaaruu keessatti gumaacha guddaa kan qabu akka ta\u2019es ibsameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Carraa kana ogummaan fayyadamuun carraa egeree biyyatti tokkummaan murteessuun akka barbaachisu eeruun, adeemsa marii biyyaalessaa gufachiisuuf yaadawwan diigumsaa ajandaalee kanneeniin ala socho&#8217;an dura cichoominaan dhaabachuun, waliif dhagahuu fi waliigalteef dursa kennuun, adeemsa ijaarsa sirna mootummaa keessatti Ashaaraa gaarii kaa&#8217;uun dirqama lammiilee hundaas akka ta\u2019e Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ifoomseera.<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"537f68b2f8\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/20462\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS &#8211; Waxabajjii 25\/2018 Itoophiyaan seenaa keessatti boqonnaa marii haaraa, hammataa fi tarsiimawaa ta\u2019erratti akka argamtu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ifoomse. Carraan seena qabeessi kunis garaagarummaa caasaa fi siyaasa keessoo barootaaf turan hirmaannaa hawaasaa bal\u2019aan furuuf waltajjii marii bilchaataa irratti waliigaltee biyyaalessaa waloo ijaaruuf dandeessisu akka ta\u2019es ibsameera. Aadaa siyaasaa baroota dheeraaf lola keessoofi wal [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":12,"featured_media":20464,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[4],"tags":[],"class_list":["post-20462","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-itoophiyaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v28.1 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Mariin biyyaalessaa bu&#039;uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati - TKM - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Mariin biyyaalessaa bu&#039;uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati - TKM - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS &#8211; Waxabajjii 25\/2018 Itoophiyaan seenaa keessatti boqonnaa marii haaraa, hammataa fi tarsiimawaa ta\u2019erratti akka argamtu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ifoomse. Carraan seena qabeessi kunis garaagarummaa caasaa fi siyaasa keessoo barootaaf turan hirmaannaa hawaasaa bal\u2019aan furuuf waltajjii marii bilchaataa irratti waliigaltee biyyaalessaa waloo ijaaruuf dandeessisu akka ta\u2019es ibsameera. Aadaa siyaasaa baroota dheeraaf lola keessoofi wal [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2026-07-02T13:53:32+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2026-07-02T13:53:36+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/07\/737467683_1600801428044829_8821554505493546282_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"526\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"520\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"afanoromouser2\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"afanoromouser2\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"2 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"afanoromouser2\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342\"},\"headline\":\"Mariin biyyaalessaa bu&#8217;uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati &#8211; TKM\",\"datePublished\":\"2026-07-02T13:53:32+00:00\",\"dateModified\":\"2026-07-02T13:53:36+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/\"},\"wordCount\":316,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/07\\\/737467683_1600801428044829_8821554505493546282_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Itoophiyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/\",\"name\":\"Mariin biyyaalessaa bu'uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati - TKM - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/07\\\/737467683_1600801428044829_8821554505493546282_n.jpg\",\"datePublished\":\"2026-07-02T13:53:32+00:00\",\"dateModified\":\"2026-07-02T13:53:36+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/07\\\/737467683_1600801428044829_8821554505493546282_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2026\\\/07\\\/737467683_1600801428044829_8821554505493546282_n.jpg\",\"width\":526,\"height\":520},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/20462\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Mariin biyyaalessaa bu&#8217;uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati &#8211; TKM\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342\",\"name\":\"afanoromouser2\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"afanoromouser2\"},\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/afanoromouser2\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Mariin biyyaalessaa bu'uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati - TKM - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Mariin biyyaalessaa bu'uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati - TKM - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS &#8211; Waxabajjii 25\/2018 Itoophiyaan seenaa keessatti boqonnaa marii haaraa, hammataa fi tarsiimawaa ta\u2019erratti akka argamtu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ifoomse. Carraan seena qabeessi kunis garaagarummaa caasaa fi siyaasa keessoo barootaaf turan hirmaannaa hawaasaa bal\u2019aan furuuf waltajjii marii bilchaataa irratti waliigaltee biyyaalessaa waloo ijaaruuf dandeessisu akka ta\u2019es ibsameera. Aadaa siyaasaa baroota dheeraaf lola keessoofi wal [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2026-07-02T13:53:32+00:00","article_modified_time":"2026-07-02T13:53:36+00:00","og_image":[{"width":526,"height":520,"url":"http:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/07\/737467683_1600801428044829_8821554505493546282_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"afanoromouser2","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"afanoromouser2","Est. reading time":"2 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/"},"author":{"name":"afanoromouser2","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342"},"headline":"Mariin biyyaalessaa bu&#8217;uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati &#8211; TKM","datePublished":"2026-07-02T13:53:32+00:00","dateModified":"2026-07-02T13:53:36+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/"},"wordCount":316,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/07\/737467683_1600801428044829_8821554505493546282_n.jpg","articleSection":["Itoophiyaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/","name":"Mariin biyyaalessaa bu'uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati - TKM - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/07\/737467683_1600801428044829_8821554505493546282_n.jpg","datePublished":"2026-07-02T13:53:32+00:00","dateModified":"2026-07-02T13:53:36+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/07\/737467683_1600801428044829_8821554505493546282_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2026\/07\/737467683_1600801428044829_8821554505493546282_n.jpg","width":526,"height":520},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/20462\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Mariin biyyaalessaa bu&#8217;uura wal dhaga\u2019uu, waliigaluu fi ijaarsa sirna mootummaa cimaati &#8211; TKM"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/ede95dbd01cd87c931caec06158e3342","name":"afanoromouser2","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/5855e1edb4e67905dd5ff0c2fb5caf7f4edb2b790aafad8e03ee01e0975ae977?s=96&d=mm&r=g","caption":"afanoromouser2"},"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/afanoromouser2\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/20462","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/12"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=20462"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/20462\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":20465,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/20462\/revisions\/20465"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/20464"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=20462"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=20462"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=20462"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}