{"id":3550,"date":"2025-04-03T06:30:42","date_gmt":"2025-04-03T06:30:42","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=3550"},"modified":"2025-04-03T06:30:45","modified_gmt":"2025-04-03T06:30:45","slug":"ibsa-mootummaa-naannoo-oromiyaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/","title":{"rendered":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><a><\/a>AMN PLUS- Bitootessa 24\/2017<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Bitootessi horata gootummaa boqonnaa haaraa Imala Badhaadhinaa ittiin ijaarrudha!<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Itoophiyaan biyya guddoo akkuma Warqeen Abiddaan qoramee Warqummaa isaa mirkaneessu qormaatota danuu injifachaa eenyummaa dhugaan ijaaramaa kan as geesse biyya seena qabeettiidha. Sirnootni darban eenyummaa dhugaa Itoophiyummaa haalanii humna cunqursaa waanjoo garbummaa murnaan itti ijaaran. Of irratti of waraanaafi ofirrattis of ajjeessaa waltakaaluun biyya gootummaan ulfina dachaa qabdu gola dukkana wallaalummaafi hiyyummaa keessa jiraachisaa turan.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Biyyootni fagootti qaarisanii ulfinaafi guddina Itoophiyaa arganis ta\u2019e jedhanii shiraan balbala itti cufanii imala ishee danquun diraamaa dukkana walwaraansaafi qe\u2019ee maraammartoo hiyyummaa keessa akka jiraattu taasifame. Qormaatni jijjiirama qilleensaa Baha Afriikaatti deddeebi\u2019ee mul\u2019atus diraamaa namtolchee kana waliin dabaalamee Itoophiyaan dirqamtee bobaa gargaarsa ormaa jala akka daaddiftu gargaaramtummaas akka aadeffatu taasifame.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Shira kanaan Itoophiyummaa dhugaa haalchisanii daandii guddina irraa maqsuun imala irraan gadee gara maqmaqii hiyyummaafi wallaalummaatti imalchiisaniin diigamuuf caafiirra wayiita geessu qabsoo sabaan dhiibamee ilmi saba keessaa sabaaf dhalatee qiyyaasaan Badhaadhinaa MM Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahmad Itoophiyaa baraaruuf Bitootessa 24\/2010 waadaa seene.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Dhugaafi jaalala; tokkummaafi abdii Itoophiyaas lallabe. Mogolee hiyyummaan laaffise jabeesse; abdi walwaraansaan dhumes deebisee haaresse. Kanaanis keessaafi alatti humni tokkummaa ijaaramee sabdaneessummaan dhugaanis libsuu ijaatti hunda mo\u2019e. Ijaarsi Itoophiyaas eenyummaa dhugaa barootaaf hawwamaafi eegamaa ture hundarraa hundaan hundaaf akka ta\u2019u bulchiinsi dhugaan riformiin sirneeffame. Federaalizimii sabdaneessi obbolummaa irratti bu\u2019uureeffamuunis beekumsa mandhalee manaafi biyya beeku falaasama Ida\u2019amuun hogganame.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Hoggantoota yaadama tarsiima\u2019aafi tarkaanfataa qabaniin imalli Badhaadhinaas eegalame yeroo gabaabaa keessatti Itoophiyaan jijjiiramoota ajaa\u2019ibsiisaafi ashaaraa dhaloota haaraa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa akkasumas dippilomaasiin kaa\u2019uun dachee dinqii addunyaa raajeffachiifteefi diinota ishee keessaafi alatti afaan qabachiifte ta\u2019uun Itoophiyaa dhugaan oljettee iftee mul\u2019ate.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Saboonni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa imala Badhaadhinaa waloon eegalame tumsanii injifannoo wareegamaan argames tiksanii waloomatti ulfina dachaa horaniiru. Uummatni Oromoos qabsaa\u2019ee qabseesisuu lolee lolchiisuun hoggansa tarsiima\u2019aa haala Addunyaawaa beekee yaadee karoorsuufi hojjetee milkeessu Itoophiyaaf gumaachee injifannoorratti injifannoo dabalaa Imala Badhaadhinaatiin waggoota torba lakkoofneerra.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Imala waggoota torbaatiin Paartii jabaafi mootummaa cimaa ijaaruu, nagaa waaressuu, sirna federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti bu\u2019uureessuu, dinagdee damdaneessa caasessuufi tarkaanfilee haaraa maddisiisuun qormaatota injifachaa waadaan ji\u2019a Bitootessaa irraa jalaan gochaan dhugoomaa dhufe.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaa ganamaatti deebi\u2019uun ergama Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuu kudhaammatee harka tokkoon aggaammii diinotaa qolachaa harka biraatiin hojiiwwan misoomaa magaalaafi baadiyyaatti badhaadhina maatii, humnoota waloofi baajata mootummaa xiqqaa jiru fayyadamee baay\u2019ina, qulqullinaafi ariitiin hojjechuun injifannoo raajii galmeessaa cabiinsa hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa irraa bayyanachuun danda\u2019ameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Haaluma kanaan gama hawaasummaatiin Oromoon duudhaa isaa ganamaatti akka deebi\u2019uuf labsii humnoota waloo qindeessuu ba\u2019een rakkoo hawaasummaa waloof Buusaa Gonofaan, Misooma Waloof Tajaajilli Lammummaa, haqa Waloof Manni Murtii Aadaafi Nageenya Waloof Gaachanni sirnaa caaseffaman wabii uummata keenya tahuus mirkaneessaniiru. Kanaanis Oromoon Buusee waliif gonofee, tajaajila lammummaan misoomawwan bu\u2019uuraa diriirsee, haqas abbaa haqaaf galchuun wabii nagaas ta\u2019uu mirkaneesseera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Mootummaan Naannoo Oromiyaa uummata hamma jedhe ga\u2019uufi jijjiirama bu\u2019uureessaa jiru bifa tarsiima\u2019aan qindeessee rifoormii Gandaa hojiirra oolchuun tajaajila mootummaas guutummaatti uummatatti siqseera. Kanaanis mootummaa sadarkaa Gandaatti jabeessee ijaaruun seenaa haaraa dalaguun dandaa\u2019ameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Rifoormii dinagdee gaggeeffameen Qonna, Turiizimii, Albuuda, Industurii manufakcheriingiifi Tajaajilli Qunnamtii Odeeffannoo utubaalee gurguddoo dinagdee damdaneessaa milkaa\u2019ina argamsiisanidha. Oomisha alaa galu biyya keessatti oomishuun alergii guddisaa imalli wabii nyaataa mirkaneessuu milkaa\u2019aa jira. Waktii hunda gabaafi haala Addunyaa beekanii oomishuun gargaaramtummaa irraa oomishtummaattis imalli taasifamaa jirus abdachiisaadha. Kanaanis guddinni waliigalaa dinagdee Oromiyaa qormaata namtolcheefi uumamaa damdamachuun bara 2016tti % 8.2tti ol guddachuu danda\u2019eera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gama siyaasaatiin injifannoon waloon akka biyyaatti gonfanne akkuma jirutti ta\u2019ee, sabboonummaa Oromoo sirnaan ijaaruu, dinagdeen cimsuufi barnootaafi teknoloojiin humneessuun waadaan gochaan dhugoomee siyaasa Oromoos moggaa irraa gara giddu galeessaatti siqsuun injifannoon galmaa\u2019aa jira. Kanaanis Oromoon siyaasa boo\u2019icha keessaa ba\u2019uun akka sabaatti gara ajandaa tarsiimessee diriirsuufi hojjetee milkeessuutti ce\u2019aa jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Shira Oromoo Magaalota irraa dhiibuu raawwatamaa ture hundeen buqqisuun Oromoon magaalota mimmiidhagoo pilaaniin isaanii eegaman akka qabaatuuf rifoormiin gurmaa\u2019insa magaalotaa gaggeeffameera. Magaalonni keenyaa kan Oromoo ofirraa dhiibaa guddatan osoo hin taane duudhaa Oromummaa calaqqisiisaa abbaa biyyummaas mirkaneessaa akka guddatanis taasifameera. Xiyyeeffannoon keenya lafa, namaafi mootummaa magaalomsuu akkasumas haaromsa aadaa geggeessuun injifannoon Oromoo sadarkaa boodatti deebi\u2019uu hin dandeenyeen ga\u2019uudha. Galma kana milkeessuuf imala keenya madaalaa galma qabanne akeekaa kutannoon hojjechaa jirra.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gama hawaasummaatiinis damee Barnootaafi Fayyaa irratti jijjiirramni abdachiisaan galmaa\u2019aniiru. Hojii tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa bu\u2019uura boruu kumaatamaan ijaaruun dhalootni bu\u2019uura cimaa akka qabaatu taasifameera. Dhaloota saayinsiifi teknoloojiin ga\u2019oome naannoofi biyya keenyaaf uumuuf Manneen barnootaa Ifa Boruufi Ifa Boruu Bultii Addaa babal\u2019isuun milkaa\u2019inni argamaa jiru oolee bulee bu\u2019aansaa kan mul\u2019atu ta\u2019a.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Damee fayyaatiinis waggoota muraasa darban imaammata dhibee dursanii ittisuufi humna yaaluu olguddisuun lammilee fayya buleessa horachuuf kutannoon hojjetamaa jira. Kellaa fayyaa dhaloota lammaffaa babal\u2019isuufi tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa guddisuunis milkaa\u2019inni argameera. Wareegama kitimni kaffalamee iccitiin injifannoowwan imala badhaadhinaa itti fufiinsaan akka gonfannu taasise hooggansa yaadee karoorsu, uummata hojjetee milkeessuufi injifannoo tikfatu qabaachuu keenya irraa kan maddudha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Uummatni keenya waanjoo garbummaa caccabsee bilisa of baaseera. Imala badhaadhinaa aarsaa kaffaluun itti fufsiiseera. Kanaafis mootummaan keenya uummata akka jedheefi hamma jedhee ga\u2019u qabatee gaara hiyyummaafi wallaalummaa diiguun galma badhaadhinaa milkeessuu irraa humni boodatti deebisuu akka hin jirre hubachiisuu barbaadna. Galmi keenya guddaa, daandiin keenyas fagoo waan ta\u2019eef, waadaa keenya haaressaa milkaa\u2019inoota argaman dachaan daballee aadessuun Itoophiyaa hunda fakkaattu hundarraa hundaaf hundaan ijaaruuf galma qabame ni milkeessina.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"9d16860793\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3550\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS- Bitootessa 24\/2017 Bitootessi horata gootummaa boqonnaa haaraa Imala Badhaadhinaa ittiin ijaarrudha! Itoophiyaan biyya guddoo akkuma Warqeen Abiddaan qoramee Warqummaa isaa mirkaneessu qormaatota danuu injifachaa eenyummaa dhugaan ijaaramaa kan as geesse biyya seena qabeettiidha. Sirnootni darban eenyummaa dhugaa Itoophiyummaa haalanii humna cunqursaa waanjoo garbummaa murnaan itti ijaaran. Of irratti of waraanaafi ofirrattis of ajjeessaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":3,"featured_media":3551,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[19,4],"tags":[],"class_list":["post-3550","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-bulchiinsa-gaarii","category-itoophiyaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v28.3 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS- Bitootessa 24\/2017 Bitootessi horata gootummaa boqonnaa haaraa Imala Badhaadhinaa ittiin ijaarrudha! Itoophiyaan biyya guddoo akkuma Warqeen Abiddaan qoramee Warqummaa isaa mirkaneessu qormaatota danuu injifachaa eenyummaa dhugaan ijaaramaa kan as geesse biyya seena qabeettiidha. Sirnootni darban eenyummaa dhugaa Itoophiyummaa haalanii humna cunqursaa waanjoo garbummaa murnaan itti ijaaran. Of irratti of waraanaafi ofirrattis of ajjeessaa [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2025-04-03T06:30:42+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2025-04-03T06:30:45+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/487875219_1100074755499230_8686842320277231814_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"1080\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"608\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"4 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"afanoromocontent\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\"},\"headline\":\"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa\",\"datePublished\":\"2025-04-03T06:30:42+00:00\",\"dateModified\":\"2025-04-03T06:30:45+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/\"},\"wordCount\":879,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/487875219_1100074755499230_8686842320277231814_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Bulchiinsa Gaarii\",\"Itoophiyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/\",\"name\":\"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/487875219_1100074755499230_8686842320277231814_n.jpg\",\"datePublished\":\"2025-04-03T06:30:42+00:00\",\"dateModified\":\"2025-04-03T06:30:45+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/487875219_1100074755499230_8686842320277231814_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/487875219_1100074755499230_8686842320277231814_n.jpg\",\"width\":1080,\"height\":608},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3550\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\",\"name\":\"afanoromocontent\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"afanoromocontent\"},\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/afanoromocontent\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS- Bitootessa 24\/2017 Bitootessi horata gootummaa boqonnaa haaraa Imala Badhaadhinaa ittiin ijaarrudha! Itoophiyaan biyya guddoo akkuma Warqeen Abiddaan qoramee Warqummaa isaa mirkaneessu qormaatota danuu injifachaa eenyummaa dhugaan ijaaramaa kan as geesse biyya seena qabeettiidha. Sirnootni darban eenyummaa dhugaa Itoophiyummaa haalanii humna cunqursaa waanjoo garbummaa murnaan itti ijaaran. Of irratti of waraanaafi ofirrattis of ajjeessaa [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2025-04-03T06:30:42+00:00","article_modified_time":"2025-04-03T06:30:45+00:00","og_image":[{"width":1080,"height":608,"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/487875219_1100074755499230_8686842320277231814_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"afanoromocontent","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"afanoromocontent","Est. reading time":"4 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/"},"author":{"name":"afanoromocontent","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76"},"headline":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa","datePublished":"2025-04-03T06:30:42+00:00","dateModified":"2025-04-03T06:30:45+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/"},"wordCount":879,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/487875219_1100074755499230_8686842320277231814_n.jpg","articleSection":["Bulchiinsa Gaarii","Itoophiyaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/","name":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/487875219_1100074755499230_8686842320277231814_n.jpg","datePublished":"2025-04-03T06:30:42+00:00","dateModified":"2025-04-03T06:30:45+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/487875219_1100074755499230_8686842320277231814_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/487875219_1100074755499230_8686842320277231814_n.jpg","width":1080,"height":608},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3550\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76","name":"afanoromocontent","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","caption":"afanoromocontent"},"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/afanoromocontent\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3550","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/3"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3550"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3550\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3552,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3550\/revisions\/3552"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/3551"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3550"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3550"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3550"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}