{"id":3553,"date":"2025-04-03T06:33:43","date_gmt":"2025-04-03T06:33:43","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=3553"},"modified":"2025-04-03T06:33:45","modified_gmt":"2025-04-03T06:33:45","slug":"bitootessa-24-deebii-hoggansa-tarsiimaaafi-gulantaa-qabsoo-ittaanu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/","title":{"rendered":"Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><a><\/a>Ummanniifi qabsaa\u2019onni Oromoo gaaffiilee haqa qabeessa kaasuun qabsoo baroota dheeraa fudhateefi hadhaawaa gaggeesseera. Gaaffiileen ummata keenyaa, akka waliigalaatti, dhimmoota dinagdee\/lafaa, eenyummaafi dimokraasii jalatti qooduu dandeenya. Gaaffiileen kunniin, qabsoo hadhaawaa gulantaa garagaraa keessatti injifannoo siyaasaa itti goonfatameera. Injifannoon siyaasaa \u201cMirga Ta\u2019uu\u201d argamsiise kun guutummaatti kan jiraatamu (fully enjoy) hinturre.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Qabsoon ummata keenyaa, mirga siyaasaa jireenya guyyuu keessatti hinmuldhane irratti quucaree hafuu isaatiif, sababoota hedduu keessaa inni tokko walhirmaata dhimma tarsiimoo gulantaa qabsoo ittaanu irratti turedha. Injifannoo siyaasaa goonfanne boodas, hiikaafi calaqqeen SABBOONUMMAA Oromoo, haala qabatamaa irra jirruufi gahiitii egeree keenyaa yaada keessa galchee kan murtaa\u2019e osoo hintaane, tarsiimoo qabsoo diddaa kaleessa hojiirra oolaa ture irratti rincicee kan hafedha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Kunis humni keenya gargar hiramee akka laaffatuufi injifannoon goonfatames afaanin himamuu, seeraan mirkanaa\u2019uufi heeraan beekamtii argachuurra darbee akka hinjiraatamne taasiseera. Kanarraa ka\u2019uun, gaaffii \u201clafa ummanni Oromoo guyyaa tokkoofillee qabsoo irraa hinlaafnetti, rincicummaan qabsoon sabaa akka gara gulantaa ittaanutti hinceene hudhee qabe kun maalif fala dhabe?\u201d jedhu kaasun murteessadha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Deebiin gaaffii kanaa \u201choggansa tarsiima\u2019aa qabsoo sabaaf gulantaa ittaanu akeekee gaggeessu dhabuu\u201d kan jedhudha. Rincicni injifannoo sabaa kolaase kun, gitintira dheeraa booda, Bitootessa 24 bara 2010, hoggansa jijjiiramaa gara fuulduraatti fiduun hiikkate. Rincicummaan ture, humna ummataa, filannoo haqa qabeessafi karaa nagaa deebii argateera. Humni gaaffii ummataa kun, seenaa biyyattii keessatti yeroo duraatiif HUMNA JIJJIIRAMAA karaa nagaa, seera qabeessafi ittiin bulmaata paartii eegee akka filatamu, bakka bu\u2019oota ummataatin akka ragga\u2019u taasiseera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Guyyaan kun, Looreetii Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD) gara fuulduraatti fiduun maraammartoo kufaatii qabsoo ummata Oromoofi ummattoota Itiyoophiyaa gama hoggansaatin muudatee tureef deebii kenneera. Mummeen keenya, gaaffiilee ijoo ummattootaa kanniin akka mirga dhugaa, misooma hawaas-dinagdee, ijaarsa dhaabbileefi sirnaa akkasumas tasgabbii siyaasaa bu\u2019uurarraa hubachuu qofa osoo hintaane, imala jijjiiramaa ariifataa keessa galchuun, yaada irraa gara sochii qabatamaatti kan galchaniidha. Kana malees, gaggeessaa tarsiima&#8217;aa qabsoo saba keenyaa bitaaf mirga yaa\u2019aa ture kallattii qabsiisuun gulantaa qabsoo ittaanu akeekanidha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Mummee Ministiraa keenya aadaa siyaasaa walqoodinsaa, shiraafi walajjeechaa biyya kanatti lafa qabatee ture, aadaa siyaasaa gochaafi yaadatti jijjiiruuf qabatamaan socho\u2019aniiru. Kanaanis, gaaffiilee ummattoota biyya keenyaa qofa osoo hintaane, hawwiilee garagaraa sabootafi sablammoota Itiyoophiyaa walfaallessuu danda\u2019an falaasama IDA\u2019AMUUtiin walsimsiisuun milkaa\u2019inoota hundagaleessa hedduu beekamtii idil-addunyaa argatanis dhugoomsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Mummee Ministiraa keenya gaggeessaa dubbisan, xiinxalan, barreessaniifi raawwachiisanidha. Gaggeessaa rakkoo gara carraatti jijjiiran, dilbii hinmuldhanne arganiifi misoomsan, lolanii lolchiisaniifi injifatan, baroota dhufan hedduu akeekan akkasumas sabaafi biyya bira taranii haala idil-addunyaa hubataniidha. Walumaagalatti, mirgoonni siyaasaa ummanni keenya gama dinagdee\/lafaa, eenyummaafi dimokraasiitiin goonfate guutummaatti akka jiraataman, qabsoon ittaanu, SABBOONUMMAA GOCHAA galmoota hortee beekumsaa (saayinsiifi teknoolojii), humna dinagdeefi ijaarsa sirnaa cimaa dhugoomsuu irratti xiyyeeffatu akka ta\u2019u gochuu danda\u2019aniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaas, yaadamoota mummee keenyatiin masakamuun, toorawwan xiyyeeffannoo shan dinagdee damdaneessa ijaaruufi galmoota sadan milkeessuf gargaaran adda baasee socho\u2019aa tureera. Isaanis Qonna, Indastirii Maanifaakchariingii, Turizimii, Barnoota (saayinsiifi teknoolojii) akkasumas Albuudadha. Dabalataanis, \u2018Tarkaanfiilee Addaa\u2019 raawwii idilee toorawwan kunniinif ariitii dabalan bocuu akkasumas sagantaalee utubaa ta\u2019an baasuun hojjachaa tureera. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaas, yaadama kanaan masakamuun galmoota sadanuu milkaa\u2019inaan raawwachuu irratti argama. Tattaaffi kallattii imaammataa, tarsiimoo, inisheetiviitafi sagantaalee kaa\u2019ame milkeessuf taasifameen galmoonni sadanuu lafa qabachuu jalqabaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gama GALMA DINAGDEE CIMAA IJAARUTIIN dilbii roga hundaan jiru sakatta\u2019uufi qindeessuun hojii qabatamaan raawwatameera; jijjiiramni haguugamuu hindandeenye keessumaa gama inisheetivootatiin dhugoomaa jira. Kallattii imaammataa, tarsiimoo, inisheetivootafi sagantaalee adda addaa magaalaafi baadiyyaatiin galmoota wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii umuu, al-ergii guddisuufi al-galchii hambisuu, ogummaa dagaagsuu, antirpirinaashiippii misoomsufi tajaajila dijiitaalessuu bu\u2019uura qabsiisuun danda\u2019ameera. Walumaagalatti dandeettiin galii maddisiisuu dinagdee keenyaa dabaleera. Hawwasni keenya akka hojjatu, qusatu, liqeeffatuufi invasti taasisu haalli mijachuu isaatiin qabeenya horachaa jira. Omishti waliigalaafi dinagdeen naannoo keenyaa dabalaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">GALMOOTA DORGOMUMMAAFI AMMAYYUMMAA dhugoomsuu irratti hojiilee baldhaan raawwatamaniiru. Barnoota, turizimii, dinagdee dijiitaalaa, dorgomummaa dhaabbilee irratti jijjiiramni galmaa\u2019aa jira. Hojii galmoota magaalota irratti raawwatamaa turan cinaatti, imaammata magaalomsuu haaraa namarratti xiyyeeffatu bocuun, gama tokkoon jijjiirama amalaafi ilaalchaa, gama biraatin fooyya\u2019iinsa jiruufi jireenya ummata keenya magaalaa irratti xiyyeeffannoo addaatiin hojjachuu jalqabeera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">GALMA SIRNA CIMAA IJAARUTIIN walqabatee, hojiilee babaldhaan raawwatamaa jiru. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaa yaadamoota aadaafi duudhaa ummataa irraa ka\u2019an sirnoomsuun dhaabbilee humna jijjiiramaa ta\u2019an horachuu irratti argama. Dhaabbileen kanniin hirmaanaa ummataa gama hundaan jiru dabaluun misooma waloo naannichaa onnachiisuu danda\u2019aniiru. Adoolessa 2016 irraa jalqabuun ammoo, caasaa mootummaa armaan dura sadarkaa aanaatti rarra\u2019ee ture, gara gandaa\/araddaatti gadi buusuun, rakkoo tajaajila si\u2019oomaafi qaqqabamaa furuu, akkasumas hirmaachisummaa hawaasa baldhaa mirkaneessuuf tarkaanfii ol&#8217;aanaa fudhateera. Bu\u2019uuruma kanaan, ganda ka\u2019umsaafi geettii waahundaa taasisee hojjachuutti jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Walumaagalatti hoggansi jijjiiramaa galmoota qabsoo sabaa lafa qabsiisaa kan jiru yoota\u2019u, muraasni isaaniis, beekamtii idil-addunyaa argachuu irratti argamu.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gama birootiin, adeemsi jijjiiramaa kun gufuu tokko malee kan asgahe hinturre. Diinonni qabsoo ummata keenyaa keessafi alaa har\u2019as hoggansaafi mootummaa jijjiiramaa deebii gaaffii baroota dheeraa ta\u2019an nyaachuun imala jijjiiramichaa xobbeetti hambisuuf qindoomanii yaalii baldhaa taasisaa turaniiru. Har\u2019as Oromoo qabatanii Oromoo diiguuf carraaqqii baldhaa taasisuu irratti argamu. Haata\u2019u malee, sababa ummanniifi hoggansi jijjiiramaa keenya iddoo kaleessaa hinjirreef milkaa\u2019ufi hindandeenye.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Waggaa 7ffaa injifannoo Bitootessa 24 yeroo kabajnu, deeggarsa hinreeqqifne ummanni keenya gatii qaalii itti baasaa nuuf taasisaa tureefi jiru yaadachaafi daran galateeffachaati. Jijjiiramni kun akka dhugoomu, akka ittifufu, akkasumas imaammatoonni, tarsiimoleefi inisheetivoonni bocaman akka hojiitti hiikaman jalqabaa hanga ammaatti utubuu keessatti gaheen ummata keenyaa maalumaanuu kan bakka hinbu\u2019amne. Milkaa\u2019ina argamaa jiruuf galanni hundi kan ummata kabajamaa kanaati.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Ummanni keenya hoggansaafi mootummaa jijjiiramaa waliin kan dhaabbachaa jiru, rakkoon waan hinjirreefi miti. Har\u2019as tuulaa rakkoolee hedduu gangalatanii asgahaniifi hanqinoota keenya irraa maddan keessa jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Rakkoo nageenyaa garaagarummaa gulantaa qabsoo ittaanu irratti umameen dhufe guutumatti furuun ummata keenya dararaa hidhattootaa jalaa hinbaasne. Injifannoowwan siyaasaa goonfanne misooma dinagdeetin utubnee jireenya guyyuu isaa jijjiiruuf ni eegalle malee guutumatti hinceesisne. Ummata keenya hiyyummaafi boodatti hafummaa hamaa keessaa hinbaasne. Cehumsi hawaas-dinagdeen isaa jalqabbiirra jira. Galmi dhaloota barnoota baricha madaalu, keessumaa saayinsiifi teknoolojiin fulduratti tarkaaffate umuuf kaawwanne waggoota muraasatti bu\u2019aa kan fiduu miti. Hundaa\u2019ol ammoo sirna cimaa hundee isaa eenyummaa ummataa keessatti gadi fageeffate hinijaarre. Garuu deeggarsi ummata keenya ammas nubiraa hinhafne.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Lafa kuni hinjiretti, deeggarsi ummanni keenyaa hoggansaafi mootummaa jijjiiramaa keenyaf taasisu akkamiin ittifufe gaaffii jedhu deebisuun barbaachisaadha. Tokkoffaa, ummanni keenya hireen kun akka salphaatti kan hindhufne ta&#8217;uu nihubata; itti wareegameera. Akkasumas takkaa harkaa baanaan deebisee argachuuf rakkisaa ta&#8217;uu daran nihubata; ammas wareegama olaanadhaan tikfataa jira. Lammaffaa galmoonni imala badhaadhinaa adeemaa jiran gama tokkoon waggoota muraasa keessatti kan hinmilkoofne, gama birootin jalqabbiin isaanii abdii kan namatti horan ta\u2019uu hubateera. Ummanni keenya iddoo kaleessaa hinjiru kan jennu kanarraa kaaneti. Hiriirri deeggarsaa guyyaa har&#8217;aa guutuu Oromiyaatti taasifame kunis isuma kanaaf ragaa baha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Hangaftoonni\/humnoonni siyaasa Oromoollee waahubachuu qabu. Injifannoon Bitootessa 24, kubbaa gara miila keenyatti deebiseera. Sarana rakkoolee keessa jirruufi armaan booda nuqunnamuu malaniif qaama alaa komachuu hindandeenyu. Carraan qabnu, wal\u2019dhabdeen garaagarummaa laallee siyaasaa, imaammata, ykn tarsiimoo raawwii irraa maddu mariifi marabbaan furree, gulantaa qabsoo gaaffilee ummata keenyaa har\u2019a jiran irratti waliigaluudha. Carraan qabnu, gulantaa qabsoo gochaatin socho\u2019uun birmadummaa imaammaataafi tarsiimoo argametti dhimma bahuun imala jijjiiramaa keenya lafa qabsuu, injifannoo siyaasaa goonfanne, jiruu guyyuu ummaataa keessatti akka ifu dandeessisuun hiree argame tikfachuudha. Gulantaan sabboonummaan gochaa kun, misooma dinagdee jabaa, dhaloota dorgomaafi sirna cimaa walumaagalatti badhaadhina hundagaleessa jalqabame milkeessun kan ifu ta\u2019uu cimsee hubachiisuun barbaada.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Jijjiirama kana milkeessuu keessatti ummanni keenya gahee eenyumaanuu bakka hinbu\u2019amne bahateera. Galmoota jijjiiramaa kanneen milkeessuu keessattis deeggarsi ummata keenya dhimma ijoodha. Hoggansi jijjiiramaas, deeggarsa, obsaafi abdii ummata isaa kana galmoota badhaadhinaa qabaman milkeessun ulfeessuf wadaa isaa kan haaromsu ta\u2019uu mirkaneessaa, hiriira deeggarsaa guyyaa har\u2019aa guutummaa naannoo keenyatti adeemsiseef maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatoomaa jechuun barbaada. Dhumarrattis, yeroo dhufuttis, Haaromsa Aadaa Oromoo hojiitti galeen masakamnee, eenyummaa keenya deebisnee, aadaa hojii keenya jijjiirree, ogummaa horannee, tokkummaa keenya cimsinee, galmoota qabsoo keenyaa irratti gamtaan akka hiriirru imaanaa jechuun barbaada.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"fee81e3c1e\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3553\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ummanniifi qabsaa\u2019onni Oromoo gaaffiilee haqa qabeessa kaasuun qabsoo baroota dheeraa fudhateefi hadhaawaa gaggeesseera. Gaaffiileen ummata keenyaa, akka waliigalaatti, dhimmoota dinagdee\/lafaa, eenyummaafi dimokraasii jalatti qooduu dandeenya. Gaaffiileen kunniin, qabsoo hadhaawaa gulantaa garagaraa keessatti injifannoo siyaasaa itti goonfatameera. Injifannoon siyaasaa \u201cMirga Ta\u2019uu\u201d argamsiise kun guutummaatti kan jiraatamu (fully enjoy) hinturre. Qabsoon ummata keenyaa, mirga siyaasaa jireenya guyyuu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":3,"featured_media":3554,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[19,4],"tags":[],"class_list":["post-3553","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-bulchiinsa-gaarii","category-itoophiyaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v28.3 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"Ummanniifi qabsaa\u2019onni Oromoo gaaffiilee haqa qabeessa kaasuun qabsoo baroota dheeraa fudhateefi hadhaawaa gaggeesseera. Gaaffiileen ummata keenyaa, akka waliigalaatti, dhimmoota dinagdee\/lafaa, eenyummaafi dimokraasii jalatti qooduu dandeenya. Gaaffiileen kunniin, qabsoo hadhaawaa gulantaa garagaraa keessatti injifannoo siyaasaa itti goonfatameera. Injifannoon siyaasaa \u201cMirga Ta\u2019uu\u201d argamsiise kun guutummaatti kan jiraatamu (fully enjoy) hinturre. Qabsoon ummata keenyaa, mirga siyaasaa jireenya guyyuu [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2025-04-03T06:33:43+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2025-04-03T06:33:45+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/488884538_1101430725339036_4915149349281512474_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"1080\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"720\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"6 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"afanoromocontent\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\"},\"headline\":\"Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu\",\"datePublished\":\"2025-04-03T06:33:43+00:00\",\"dateModified\":\"2025-04-03T06:33:45+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/\"},\"wordCount\":1285,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/488884538_1101430725339036_4915149349281512474_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Bulchiinsa Gaarii\",\"Itoophiyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/\",\"name\":\"Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/488884538_1101430725339036_4915149349281512474_n.jpg\",\"datePublished\":\"2025-04-03T06:33:43+00:00\",\"dateModified\":\"2025-04-03T06:33:45+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/488884538_1101430725339036_4915149349281512474_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/488884538_1101430725339036_4915149349281512474_n.jpg\",\"width\":1080,\"height\":720},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3553\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\",\"name\":\"afanoromocontent\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"afanoromocontent\"},\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/afanoromocontent\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"Ummanniifi qabsaa\u2019onni Oromoo gaaffiilee haqa qabeessa kaasuun qabsoo baroota dheeraa fudhateefi hadhaawaa gaggeesseera. Gaaffiileen ummata keenyaa, akka waliigalaatti, dhimmoota dinagdee\/lafaa, eenyummaafi dimokraasii jalatti qooduu dandeenya. Gaaffiileen kunniin, qabsoo hadhaawaa gulantaa garagaraa keessatti injifannoo siyaasaa itti goonfatameera. Injifannoon siyaasaa \u201cMirga Ta\u2019uu\u201d argamsiise kun guutummaatti kan jiraatamu (fully enjoy) hinturre. Qabsoon ummata keenyaa, mirga siyaasaa jireenya guyyuu [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2025-04-03T06:33:43+00:00","article_modified_time":"2025-04-03T06:33:45+00:00","og_image":[{"width":1080,"height":720,"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/488884538_1101430725339036_4915149349281512474_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"afanoromocontent","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"afanoromocontent","Est. reading time":"6 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/"},"author":{"name":"afanoromocontent","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76"},"headline":"Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu","datePublished":"2025-04-03T06:33:43+00:00","dateModified":"2025-04-03T06:33:45+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/"},"wordCount":1285,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/488884538_1101430725339036_4915149349281512474_n.jpg","articleSection":["Bulchiinsa Gaarii","Itoophiyaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/","name":"Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/488884538_1101430725339036_4915149349281512474_n.jpg","datePublished":"2025-04-03T06:33:43+00:00","dateModified":"2025-04-03T06:33:45+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/488884538_1101430725339036_4915149349281512474_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/488884538_1101430725339036_4915149349281512474_n.jpg","width":1080,"height":720},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3553\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Bitootessa 24 \u2014 Deebii Hoggansa Tarsiima\u2019aafi Gulantaa Qabsoo Ittaanu"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76","name":"afanoromocontent","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","caption":"afanoromocontent"},"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/afanoromocontent\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3553","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/3"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3553"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3553\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3555,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3553\/revisions\/3555"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/3554"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3553"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3553"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3553"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}