{"id":3725,"date":"2025-04-09T12:44:28","date_gmt":"2025-04-09T12:44:28","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=3725"},"modified":"2025-04-09T12:44:30","modified_gmt":"2025-04-09T12:44:30","slug":"manni-maree-nageenya-biyyaalessaa-walgahii-taaeen-haalota-biyyaa-naannawaafi-idil-addunyaa-qorateera","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/","title":{"rendered":"Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa&#8217;een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera."},"content":{"rendered":"\n<p><a><\/a>AMN PLUS- Ebla 01, 2017<\/p>\n\n\n\n<p>Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii har&#8217;a Ebla 01, 2017 taa&#8217;een haalota nageenya biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Manni marichaa walgahii kana booda ibsa baaseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Itoophiyaa baroottaniif cabiinsi siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi dippiloomasii mudatee akka turu kan yaadachiise manni marichaa, cabiinsa kanneen suphuun imala gara badhaadhinaatti taasistu saffisiisaa jiraachuu kaaseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Riifoormiiwwan hanga ammaatti eegalaman milkaa\u2019aa jiraachuun, bu\u2019aa inisheetiiviiwwan hojiirra oolan argamsiisaa jiran, dhageettiin waltajjiiwwan idil addunyaarratti qabdu dabalaa dhufuun, akkasumas tattaaffiin faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuuf taasistu bu\u2019aa galmeessisaa jiraachuun kanaaf ragaa ta\u2019uun eerameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Deeggarsi faayinaasifi diinagdee mariiwwan dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa fi deeggartootaa waliin taasifamuun argaman milkaa\u2019ina riifoormiiwwan siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaaf qooda olaanaa bahachaa jiraachuu ibsameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Jijjiiramoonni gaggaariin dameewwan misoomaafi siyaasaan dhufaa jiran nageenyi biyyaa akka cimuuf shoora kan bahatan ta\u2019uufi halli nageenyaa biyyaalessaa yeroodhaa gara yerootti fooyya\u2019aa akka dhufe himameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Jijjiirama diinagdeefi siyaasaa dabalataan sababoonni haalli nageenyaa akka fooyya\u2019u taasisan jiraachuu kan eere manni marichaa, uummanni miidhaafi badii waraanaafi walitti bu\u2019iinsaa hubachuun qaamolee walitti bu\u2019iinsa uuman deeggaruu dhiisuun kutannoon agarsiisa kan jaqlqabaa ta\u2019uu ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Ejjennoo cimaafi sochii mootummaan furmaata karaa nagaaf taasise sadarkaa 2ffaarratti kan eeramu ta\u2019uu ibsuun, kaayyoo badii qaamolee tokko tokkoo irraa kan ka\u2019e uummanni Tigraay nageenya hanga barbaadu argachuu baatus, waraanni naannichatti ture karaa nagaan akka furamuuf tattaaffii mootummaan taasise uummanni aara galfii akka argatu dandeessisuu himameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Waliigalteen nageenyichaa tajaajiloonni mootummaa akka eegalaman, hojiileen hawaasummaafi diinagdee akka hojjetaman, bu\u2019uuraaleen misoomaa akka suphaman taasisuuf eerameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Naannolee Oromiyaafi Amaaraattis hojii mootummaan seera kabachiisuufi karaalee nageenyaa jajjabeessuuf hojjeteen bu\u2019aa hedduun galmaa\u2019uu kan ibse manni marichaa, qaamoleen hidhatanii socho\u2019an daandii nagaa filachuun nagaan galuu, uummanni abbaa nageenyaa ta\u2019uun nageenya naannawaa isaa kabachiisuu eegaluu, gurmaa\u2019iinsi nageenyaa naannolee cimuu, sochiileen diinagdee akkaataa karoorfameen hojiirra ooluu eegaluu, daddabarsi shaqaxaaleefi namootaas sadarkaa fooyya\u2019aarra gahuu ibsameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Manni marichaa halli nageenyaa bakkeewwan biyyattii biroo daran jabaachaa jiraachuu gamaaggamuu kaaseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Gama biraan, haala yeroo naannawaa Gaanfa Afrikaa, imala siyaasaafi diinagdee addunyaa akkasumas sadarkaa badhaadhinaa biyyattii irraan gahuuf barbaadamuun dhimmoonni xiyyeeffannoo barbaadan akka jiran ibsameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Inni jalqabaa qaamolee tooftaa boodatti hafaan fedhii isaanii humnaan raawwachuu barbaadan kan ilaallatu ta\u2019uu kan ibse manni marichaa, qaamoleen kunneen bifti isaanii gargara haa ta\u2019u malee bakkeewwan garaagaraafi alatti kanneen argaman ta\u2019uu eereera.<\/p>\n\n\n\n<p>Qaamoleen kunneen naannawaan isaanii warreen kaanirra kan caaluufi akka waan miidhameetti kan ilaalan, marii kan hin barbaanne ta\u2019uufi dabni, saamichi, namoota ukkaamsuun, gara jabinni, daldallli seeraan alaafi fedhii isaanii humnaan raawwachuun eenyummaa isaanii akka ta\u2019e manni marichaa ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Yeroo tokko tokko qaamoleen kunneen badiin kaayyoo waloo isaanii waan ta\u2019eef, qindoominaan badii balleessuuf yaalii kan taasisan ta\u2019uu fi paartii seera qabeessa gochoota seeraan alaaf kan fayyadaman, namoota siyaasaa mufatoo itti gaafatamummaarraa ka\u2019an fayyadamuun sochii siyaasaa seeraan alaa akka gaggeessan, rakkoolee bulchiinsa gaarii dhaabbilee amantaa keessa jiru gochaa jeequmsaaf itti dhimmi bahuuf kan hojjetan ta\u2019uu kaaseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Qaamoleen lammataa, bakkeewwan garaagaraa taa\u2019uun diinota Itiyoophiyaa biyya keessaafi alaa waliin waltumsuun, hojiilee mootummaa danquun, hiraara uummataa dabaluuniifi oduuwwan sobaa warreen daddabarsan ta\u2019uu manni marichaa ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Qaamoleen kunneen iddoowwan hawaasummaa, manneen amantaa, manneen hojiifi bakkeewwan daldalaatti kaayyoo badii isaanii galmaan gahuuf kan yaalan akka ta\u2019e, shaqaxaalee kan dhoksan, hanqina dhiyeessii kan uuman, yaa\u2019iinsa sharafa alaa kan daangessan, kontiroobaandii kan gaggeessan, karaa seeraan alaa namootaafi meeshaalee akka daddabarsan, malaanmaltummaafi hojimaata badaan uummanni akka mufatuuf ta\u2019e jedhanii kan hojjetan ta\u2019uu manni marichaa eereera.<\/p>\n\n\n\n<p>Qaamoleen sadaffaan, warreen prooppogaandaa sobaa hogganan ta\u2019uu kan ibse manni marichaa, miidiyaa idileefi hawaasummaa fayyadamuun nageenya uummataa warreen jeeqan ta\u2019uu himeera.<\/p>\n\n\n\n<p>Dirree waraanaatti wayita injifataman, mootummaa hiriiraafi jeequmsaan kufu wayita dhaban filannoo isaanii xumuraa fayyadamaa akka jiran kaaseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Seenaa sobaa uumuun oduu jeequmsaa kan ho\u2019isaniifi oduu jeequmsaa kan uuman ta\u2019uu eeruun, hojii dhaabbileen siyaasaa, bu;lchiinsaafi nageenyaa uummata waliin qindoominaan hojjetaniin kaayyoon humnoota badii akka galma hin geenye, dandeettiifi hawwiin isaanii karaatti akka hafu taasisuun danda\u2019amuu manni marichaa ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Haala nageenyaa biyyaalessaa kanneen dabalataan haalonni idil-addunyaafi naannawaas Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaan gadi fageenyaan ilaalamuu eerameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Haalli diinagdee addunyaa, muddamoonni uumamaa jiran, sochiileen jeequmsaa, sararoota daldalaa addunyaa jeeqamaa jiran, biyyoota diigamaafi dadhabaa jiran, haleellaawwan saayibarii heddummachaa jiran tumsoota buleeyyii idil-addunyaa adda citaa jiran, hariiroo haaraa idil-addunyaa uumamaa jiran, dhiibbaa isaan biyyattiirraan gahuu danda\u2019an irratti mariin gadi fageenyaa taasifamuu manni marichaa kaaseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Kallattiiwwan Kaa\u2019amanis:-<\/p>\n\n\n\n<p>Nageenyiifi tasgabbiin haalota siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa waliin kan walitti hidhaman ta\u2019uu kan ibse manni marichaa, bilchinni siyaasaa, guddinni diinagdeefi tasgabbiin hawaasummaa haalota nageenyaafi tasgabbii biyya tokkoo ni fooyyeessu jedhe.<\/p>\n\n\n\n<p>Gama Kanaan gara boqonnaa riifoormiiwwan Itiyoophiyaatti eegalaman cimsuutti cehuun barbaachisaa ta\u2019uu kaasuun, oomishtummaa jajjabeessuu, riifoormii siiviil sarvisii yeroofi sadarkaa abameefitti hojiirra oolchuu, dargaggootaaf hojii uumuufi bobbaasuu, daddabarsa namootaafi shaqaxaalee daran si\u2019eessuun naga qabeessa taasisuu, kontiroobaandiifi daldala seeraan alaa to\u2019achuu, nageenya bu\u2019uuraalee misoomaa uummataafi qaamolee nageenyaan mirkaneessuu, inisheetiiviiwwan eegalaman tooftaa uumuuniifi saffisiisuun bu\u2019aa qabeessa taasisuu, hojiilee misooma bonaafi gannaa karooraafi hoggansa sirriin bu\u2019aaf qaqqabsiisuu, tajaajiloota barnootaafi fayyaa bakkeewwan kamittuu akka adda hin cinne taasisuufi warreen adda citanis akka itti fufan gochuu, kanaaf ammoo qaamoleen dhimmi ilaallatu qindoominaan waloon karoorsuun bu\u2019aa barbaadamu akka fidaniif kallattiin kaa\u2019amuu manni marichaa ibseera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img fetchpriority=\"high\" decoding=\"async\" width=\"960\" height=\"640\" src=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/Untitled-1-2-16.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-3727\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Sochiin rakkoolee bakkeewwan garaagaraatti karaa nagaan marii siyaasaan hiikuuf eegalame bu\u2019aa argamsiisaa jiraachuu kan kaase manni marichaa, hojii kana daran bu\u2019aa qabeessa taasisuuf karaalee aadaa dabalatee daandiiwwan nageenyaa hunda fayyadamuun barbaachisaa ta\u2019uu ibseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Qaamolee daandii nagaa filachuun dhufaniif kunuunsa barbaachisaa taasisuufi leenjii fudhachuun gara uummataatti akka makamaniif hojjechuun barbaachisaa akka ta\u2019es eereera.<\/p>\n\n\n\n<p>Gama biraan, warreen daandii nagaa cufuun fedhii isaanii humnaan raawwachuuf socho\u2019an irratti hojiin seera kabachiisuu eegalame cimee itti fufuun barbaachisaadha jedheera manni marichaa.<\/p>\n\n\n\n<p>Humnoonni baandaa diinota Itiyoophiyaarraa ergama fudhachuun rakkoo uumuuf socho\u2019an dandeettiifi fudhatamummaan isaanii guyyaadhaa gara guyyaatti dadhabaa dhufuu eeruun, maddi maallaqaafi humna namaa isaanii gogaa jiraachuu kaasuun, haa ta\u2019u malee hanga badanitti hojiin seera kabachiisuu, filmaatawwan nagaa fayyadamuufi uummata daddammaqsuu hojjetamuu akka qabu hubachiiseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Kallattiin kana kan Kanaan duraarra hojjechiisuu dandeessisu mana marichaan kaa\u2019amuu kan ibsame yoo ta\u2019u, kanaafis qaamoleen hoggantootaa federaalaafi naannolee karoora qabame ariitiin hojiitti hiikuun akka danda\u2019amuuf kallattiin taa\u2019uu ibsameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Gurmaa\u2019iinsota adda bahan keessa dhokachuun warreen jeequmsa kakaasan, hojii mootummaa danqaniifi uummata mufachiisan, qaamolee miidiyaalee garaagaraa fayyadamuun odeeffannoo sobaa tamsaasan odeeffannoofi ragaarratti hundaa\u2019uun adda baasuuf hojii hojjetame manni marichaa dinqisiifateera.<\/p>\n\n\n\n<p>Ammas taanaan qaamolee kanneen beekuu, seeraaf dhiyeessuufi qulqulleessuuf hojii kan barbaadu ta\u2019uu eeruun, hojiin qaamolee seeraan, nageenyaafi kanneen biroon eegalame cimee itti fufuu akka qabu manni marichaa murteesseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Qaamolee biyya keessaafi alaa dhimmi isaa ilaallatu waliin mari\u2019achuun hojiin qaamolee kanneen seeratti dhiyeessuuf eegalame itti fufuu akka qaban hubachiisuun, odeeffannoowwan sobaa isaanii uummanni akka beekuuf hojiin hojjetamu tooftaa dabalataan hojjetamuu qaba jedheera.<\/p>\n\n\n\n<p>Kana malees karaa seerota biyyattiin hojii seera kabachiisuu barbaachisaa hojjechuuf qaamni dhimmi isaa ilaallatu hundi karoorsuuniifi qindoominaan akka hojjetaniif kallattiin kaa\u2019amuu manni marichaa ifoomseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Yakkootaafi daba diinagdee qindaa\u2019an fashaleessuuf, darbees warreen yakka kana raawwatan seeraaf dhiyeessuun gochaa yeroo isaa eeggate ta\u2019uu kan ibse manni marichaa, hojimaatilee seeraa daddabarsa namootaa, shaqaxaalee fi meeshaalee seeraan alaa ittisan diriirsuun barbaachisaa ta\u2019uu eereera.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhaabbileen maallaqaa, diinagdeefi bulchiinsaa qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun tarkaanfii bulchiinsaafi seeraa barbaachisaa ta\u2019e akka fudhataniif kallattiin kaa\u2019amuu kaaseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Bu\u2019aaleen dippiloomaasii dhageettii Itiyoophiyaa guddisan dabalaa dhufuu kan ibse manni marichaa, hojii kana daran cimsuun faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti kabachiisuun barbaachisaadha jedhe.<\/p>\n\n\n\n<p>Keessumaa Itiyoophiyaan mirga ulaa galaanaa argachuu kabachiisuuf karaalee dippiloomaasii, seeraafi nagaa bu\u2019uureffachuun hojiin eegalame cimee akka itti fufu kallattiin taa\u2019uu ibse.<\/p>\n\n\n\n<p>Haalli naannawaa Gaanfa Afrikaa akka tasgabbaa\u2019uuf, hariiroo diinagdeefi hawaasummaa uummattootaaf akka mijatuuf, muddamoonni akka tsgabbaa\u2019aniifi rakkooleen karaa nagaan akka hiikamaniif ejjennoo Itiyoophiyaan qabatte nageenyaafi guddina waaraaf barbaachisaa ta\u2019uufi naannawichatti gahee barbaachisaa bahachuuf kallattiin dandeessisu taa\u2019uu manni marichaa eereera.<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n                <input type=\"hidden\" value=\"3725\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_id]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"post\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_type]\" \/>\n\n                <input type=\"hidden\" value=\"0\"\n                       name=\"xs_submit_review_data[xs_post_author]\" \/>\n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"f223f6360a\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3725\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS- Ebla 01, 2017 Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii har&#8217;a Ebla 01, 2017 taa&#8217;een haalota nageenya biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera. Manni marichaa walgahii kana booda ibsa baaseera. Itoophiyaa baroottaniif cabiinsi siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi dippiloomasii mudatee akka turu kan yaadachiise manni marichaa, cabiinsa kanneen suphuun imala gara badhaadhinaatti taasistu saffisiisaa jiraachuu kaaseera. Riifoormiiwwan hanga ammaatti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":3,"featured_media":3726,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[16,4],"tags":[],"class_list":["post-3725","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-editors-pick","category-itoophiyaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v27.4 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa&#039;een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera. - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa&#039;een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera. - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS- Ebla 01, 2017 Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii har&#8217;a Ebla 01, 2017 taa&#8217;een haalota nageenya biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera. Manni marichaa walgahii kana booda ibsa baaseera. Itoophiyaa baroottaniif cabiinsi siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi dippiloomasii mudatee akka turu kan yaadachiise manni marichaa, cabiinsa kanneen suphuun imala gara badhaadhinaatti taasistu saffisiisaa jiraachuu kaaseera. Riifoormiiwwan hanga ammaatti [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2025-04-09T12:44:28+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2025-04-09T12:44:30+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/489479729_1106145331558839_4168968878391765966_n.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"2048\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"1536\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"6 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"afanoromocontent\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\"},\"headline\":\"Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa&#8217;een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera.\",\"datePublished\":\"2025-04-09T12:44:28+00:00\",\"dateModified\":\"2025-04-09T12:44:30+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/\"},\"wordCount\":1282,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/489479729_1106145331558839_4168968878391765966_n.jpg\",\"articleSection\":[\"Editor's Pick\",\"Itoophiyaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/\",\"name\":\"Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa'een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera. - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/489479729_1106145331558839_4168968878391765966_n.jpg\",\"datePublished\":\"2025-04-09T12:44:28+00:00\",\"dateModified\":\"2025-04-09T12:44:30+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/489479729_1106145331558839_4168968878391765966_n.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/489479729_1106145331558839_4168968878391765966_n.jpg\",\"width\":2048,\"height\":1536},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3725\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa&#8217;een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera.\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\",\"name\":\"afanoromocontent\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"afanoromocontent\"},\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/afanoromocontent\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa'een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera. - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa'een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera. - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS- Ebla 01, 2017 Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii har&#8217;a Ebla 01, 2017 taa&#8217;een haalota nageenya biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera. Manni marichaa walgahii kana booda ibsa baaseera. Itoophiyaa baroottaniif cabiinsi siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi dippiloomasii mudatee akka turu kan yaadachiise manni marichaa, cabiinsa kanneen suphuun imala gara badhaadhinaatti taasistu saffisiisaa jiraachuu kaaseera. Riifoormiiwwan hanga ammaatti [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2025-04-09T12:44:28+00:00","article_modified_time":"2025-04-09T12:44:30+00:00","og_image":[{"width":2048,"height":1536,"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/489479729_1106145331558839_4168968878391765966_n.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"afanoromocontent","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"afanoromocontent","Est. reading time":"6 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/"},"author":{"name":"afanoromocontent","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76"},"headline":"Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa&#8217;een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera.","datePublished":"2025-04-09T12:44:28+00:00","dateModified":"2025-04-09T12:44:30+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/"},"wordCount":1282,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/489479729_1106145331558839_4168968878391765966_n.jpg","articleSection":["Editor's Pick","Itoophiyaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/","name":"Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa'een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera. - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/489479729_1106145331558839_4168968878391765966_n.jpg","datePublished":"2025-04-09T12:44:28+00:00","dateModified":"2025-04-09T12:44:30+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/489479729_1106145331558839_4168968878391765966_n.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/489479729_1106145331558839_4168968878391765966_n.jpg","width":2048,"height":1536},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3725\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgahii taa&#8217;een haalota biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa qorateera."}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76","name":"afanoromocontent","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","caption":"afanoromocontent"},"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/afanoromocontent\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3725","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/3"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3725"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3725\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3728,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3725\/revisions\/3728"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/3726"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3725"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3725"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3725"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}