{"id":3901,"date":"2025-04-19T10:50:35","date_gmt":"2025-04-19T10:50:35","guid":{"rendered":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?p=3901"},"modified":"2025-04-19T10:50:37","modified_gmt":"2025-04-19T10:50:37","slug":"duaa-kauun-yesuus-kakuu-haaraa-ilmaan-namootaaf-kan-ijaaredha-pirezidaant-shimallis-abdiisaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/","title":{"rendered":"&#8220;Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha&#8221; Pirezidaant Shimallis Abdiisaa"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"wp-block-paragraph\"><a><\/a>AMN PLUS \u2013 Ebla 11\/2017<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Ilmi namaa gaarummaafi ho\u2019a uumaa isaa dagachuun gowwomsaa Daabiloosiin toosifamee abboommii Waaqayyo isaaf dhaabe cabsuun duuti bara baraa balbala dhaloota hundumaa akka dhaale macaafni Qulqulluun dhugaa nuuf ba\u2019eera. Seerri uumaan ilmaan namootaaf dhaabe cabuu isaatiinis ayyaanni Waaqaa ilmaan namootaa irraa godaane.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gocha badaa fuula waaqaatti raawwateenis Addaam Jenneta Edenii baafamee gatii cubbuu du\u2019a safarachuun jooraafi jaawwaraa ta\u2019ee jiraachuu itti fufe. Faallaa kakuu ganamaa jireenya Jannataa dhabee imala gara Jaannamaafis kaadhimame. Abbaan shirichaa ergamaan of tuulummaan kufe Daabiloosis karoora isaan ni milkaa\u2019e.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Taatee gaddisiisaa kana hordofee ilmi namaa boqonnaarra dadhabbii, gammachuurra gadda, milkaa\u2019inarra kufaatii, jaalalarra jibbaafi jireenya inaaffaan guute jiraachuu itti fufe. Waaqni ulfinaan guutuus nama fuula isaatii bade barbaacha sagalee raajii kakuu ilmaan namootaa gara Jannataatti deebisuuf gale raawwachuuf bifa namummaa uffatee dhalachuun hanga du\u2019a Fannootti jaalala qabus gochaan dhugoomseera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Icciitii jaalalaa hanga du\u2019a Fannootti Yesuusiin geesse duubas amalaafi gocha Daabiloosiin kan guutame gantummaan Yihudaa kan jiru yoo ta\u2019u, raawwachiiftonni shirichaas Faarisotaafi barsiisota seeraa ture. Kunis lallabni, barsiifniifi dinqiin Yesuus hojjechaa jiru humnaafi jabinaan mul\u2019achaa namoota birattis fudhatama olaanaa argachaa dhufuu isaatiin inaaffaan guutamuu isaanirraa kan maddedha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Dhiitaafi kabalaa, itti tufaafi hadhooftuu obaasaa, daddarbaachaafi itti ga\u2019iisaa qabanii gara Fannootti isa muddan. Yakkamaa Fannoorraa buusuunis qooda isaa Yesuus fannoorratti ajjeefame. Awwaalli isaa dhagaan cufamee mallattoonis mallatteeffamee eegdotaan eegsifamee ture.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Inni garuu akkuma jedhe gaafa guyyaa Sadaffaa dhagaa garagalchee awwaala duwwaatti hambisee seenaan du\u2019aa ka\u2019uu awwaalaan ol akka jiraatu taasiseera. Jaalala dhugaa gochaan mul\u2019isee du\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu isaatinis arfii du\u2019aa burkuteessee imala ilmaan namootaa Jaannama irraa gara Jennataatti deebisuun ofitti araarse.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Daabiloos gaafa Jimaata dhaadatee moo\u2019icha isaa labsuus gaafa Dilbata qaana\u2019ee salphina haguuggachuun lafa seenu dhabee; shira isaa waliinis saaxilameera. Yesus abdii deebi\u2019ee baduu hin dandeenyeen Kakuu haaraa dhaabee jireenya bararaafis ilma namaa kaadhimaamaa erga taasisee har\u2019a waggoonni 2017 lakkaa\u2019amaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Naannoofi biyya keenyaa hundi baga guyyaa seena qabeessa yaadannoo du\u2019aa ka\u2019uu Yesuus kan bara 2017 nagaan geessan baga waliin geenye jechuun barbaada.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Duudhaa gaariin jaalala, tokkummaa, waldhaga\u2019uufi waldanda\u2019uun har\u2019a naannoofi biyya keenyaaf akka dawaatti kan barbaachisudha. Cabiinsi sirnaa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa maraammartoo shiraan guutameen kufaatii keessummeessaafi walharkaa fuudhinsa sirna qeenxeetiin ijaaramaa kan dhufedha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Maraammartoo walwaraansaafi boodatti hafummaa aadeffame keessaa dhalootni dammaqee dhiifamaan ida\u2019amee jaalalaan gara badhaadhina waaraatti akka ce\u2019uuf mootummaan barii jijjiiramaa irraa eegalee kutannoon hojjechaa jira. Kanaafis boqonnaa walwaraansaa cufaa nagaa waareessuun badhaadhina eegalame sirnaan milkeessuuf waadaanis gochaan dhugoomaa jira.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Shirri danuun imala badhaadhinaa danqee karaa dhaabuuf keessaafi alaan kiyyeeffame deebi\u2019ee ka\u2019uu akka hin dandeenyetti humna tokkummaa sabdaneessaatiin bu\u2019uurri isaa burkutaa\u2019eera. Haata\u2019u malee, kuufamoonni qormaattotaa caaseffama gad fagoo kan qabaniifi walxaxoo ta\u2019uu isaanii irraa kan ka\u2019e caaseffama dhokatoo qorachuun sirreessaa, obsaan guutamnee dogoggooroota bifa tarsiima\u2019aan maksaa biyya badhaate hundaan hundaaf hundarraa ijaaraa jirra. Kanaanis qormaattota injifachaa milkaa\u2019inoota ajaa\u2019ibsiisaa galmeessuu eegalleerra.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Ejjennoon akka mootummaatti qabnu diimokiraasii bu\u2019uuressuu, nageenya waaressuufi badhaadhina milkeessuudha. Garaa garummaa ilaalchaan kan wal takaallu osoo hin taane mareef marabbaatti kan amannu olaantummaa yaadaan kan hogganamnu ta\u2019uu dhugoomsaa jirra.Walqixxummaa Amantaalee bu\u2019uura heera biyya keenyaatiin ragga\u2019ee jiru qabatamaan gochaatti akka hiikamuufi lammileen bilisummaa argatanitti akka fayyadamaniif ni hojjetama. Duudhaan wal danda\u2019uu, waliin jiraachuufi waloomni akka gabbatuufis xiyyeeffannoon kennameera; milkaa\u2019innis argameera.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Kabajamtoota uummata naannoo keenya amantaan hunduu aadaa hojii gaarii kan jajjabeessuufi badhaadhinas kan ijaarudha. Mootummaan keenyas duudhaa gaariifi bu\u2019uura jabaa ijaarsa biyyaa olkaasu amantaalee keessatti argamu jajjabeessuun imala gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti taasifamu galmaan ga\u2019uuf hojjechaa jirra.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Dinagdee damdaneessa hojiirra oolchineenis daandii milkaa\u2019inaa kan eegalleefi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf roga hundaan waadaa gochaan dhugoomsaa jirra. Damee hawaasummaatiinis cabiinsa rogdaneessa qolannee hawaasa fayya buleessaafi adda hundarratti dorgomaa ta\u2019e uumuuf hojiin hojjetamaa jiru guddaa milkaa\u2019inni argames dachaadha.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Uummata keenya waliin qindoofnee hojjechuun qormaata hunda ni injifanna; badhaadhina eegalles ni milkeessina. Nageenya naannoo keenyaa waaressuu eegalle bu\u2019uura jabaa irratti ijaaruuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Dhaabbileen Amantaa naannoo keenyaas gumaacha isaan irraa eegamu taasisuu qabu.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Dhumarrattis wayiita ayyaanni du\u2019aa ka\u2019uu kabajamu kan daare uffisuu, kan beela\u2019e nyaachisuu, kan dhukkubsate gaafachuun jaalala, tokkummaa, nagaafi araara olkaasuun ta\u2019uu akka qabu hawwii gaarii qabun isiniif dhaama. Ayyaana gaarii nuuf haa ta\u2019u!<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Oromiyaa ni ijaarra,<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Itoophiyaa ni utubna,<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Waaqayyos nu gargaara.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Shimmallis Abdiisaa<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Ebla 11\/2017<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Finfinnee<\/p>\n    <div class=\"xs-review-box view-review-list\" id=\"xs-user-review-box\">\n\n        <h3 class=\"total-reivew-headding\">\n\t\t\t0 Reviews ( 0 out of 0 )        <\/h3>\n        <div class=\"xs-review-box-item\">\n\n            <div\n                    class=\"xs-review-media review-full\">\n\n\t\t\t\t\n            <\/div>\n\n\t\t\t\n        <\/div>\n\n    <\/div>\n\n\t\n    <form action=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/\"\n          name=\"xs_review_form_public_data\"\n          method=\"post\"\n          id=\"xs_review_form_public_data\">\n\n        <div class=\"xs-review-box public-xs-review-box\" id=\"xs-review-box\">\n            <h3 class=\"write-reivew-headding\">\n\t\t\t\tWrite a Review             <\/h3>\n\n\t\t\t\n            <div class=\"wur-review-fields\"> \t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-select\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t            <div class=\"xs-review-rating-stars text-center\">\n\t\t\t\t\t\t\t            <ul id=\"xs_review_stars\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  selected\" data-value=\"1\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"2\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"3\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"4\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <li class=\"star-li star  \" data-value=\"5\">\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            <i class=\"xs-star dashicons-before dashicons-star-filled\"><\/i>\n\t\t\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t\t\t            <\/li>\n\t\t\t\t\t\t\t\t            \t\t\t\t\t\t\t            <\/ul>\n\t\t\t\t\t\t\t            <div id=\"review_data_show\"><\/div>\n\t\t\t\t\t\t\t            <input type=\"hidden\" id=\"ratting_review_hidden\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_ratting]\"\n\t\t\t\t\t\t\t                   value=\"1\" 1 \/>\n\t\t\t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t\t            \t\t\t\t            <\/div>\n\t\t\t\t            \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Review Title\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviw_title\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_title]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Name\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_name\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_name]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Reviewer Email\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_email\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_email]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\" 1 \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-text\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n\t\t\t\t\t            <input type=\"text\"\n\t\t\t\t\t                   placeholder=\"Website\"\n\t\t\t\t\t                   id=\"xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   class=\"widefat xs_reviwer_website\"\n\t\t\t\t\t                   name=\"xs_submit_review_data[xs_reviwer_website]\"\n\t\t\t\t\t                   value=\"\"  \/>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t            <div class=\"xs-review xs-textarea\"\n\t\t\t\t                 style=\"display:block;\">\n\n                                    <textarea id=\"xs_reviw_summery\"\n                                              class=\"widefat xs_reviw_summery\"\n                                              name=\"xs_submit_review_data[xs_reviw_summery]\" 1                                              placeholder=\"Review Summary\"><\/textarea>\n\n\t\t\t\t            <\/div> \n\t\t\t\t<input type=\"hidden\" id=\"_wpnonce\" name=\"_wpnonce\" value=\"ff1ee6c854\" \/><input type=\"hidden\" name=\"_wp_http_referer\" value=\"\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3901\" \/>                <div class=\"xs-review xs-save-button\">\n                    <button type=\"submit\" name=\"xs_review_form_public_data\" class=\"xs-btn primary\">\n                        Submit Review                    <\/button>\n                <\/div>\n\n            <\/div>\n        <\/div>\n    <\/form>\n\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>AMN PLUS \u2013 Ebla 11\/2017 Ilmi namaa gaarummaafi ho\u2019a uumaa isaa dagachuun gowwomsaa Daabiloosiin toosifamee abboommii Waaqayyo isaaf dhaabe cabsuun duuti bara baraa balbala dhaloota hundumaa akka dhaale macaafni Qulqulluun dhugaa nuuf ba\u2019eera. Seerri uumaan ilmaan namootaaf dhaabe cabuu isaatiinis ayyaanni Waaqaa ilmaan namootaa irraa godaane. Gocha badaa fuula waaqaatti raawwateenis Addaam Jenneta Edenii baafamee [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":3,"featured_media":3902,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"cybocfi_hide_featured_image":"","footnotes":""},"categories":[15],"tags":[],"class_list":["post-3901","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-hawaasummaa","entry","has-media"],"yoast_head":"<!-- This site is optimized with the Yoast SEO plugin v28.5 - https:\/\/yoast.com\/product\/yoast-seo-wordpress\/ -->\n<title>&quot;Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha&quot; Pirezidaant Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo<\/title>\n<meta name=\"robots\" content=\"index, follow, max-snippet:-1, max-image-preview:large, max-video-preview:-1\" \/>\n<link rel=\"canonical\" href=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/\" \/>\n<meta property=\"og:locale\" content=\"en_US\" \/>\n<meta property=\"og:type\" content=\"article\" \/>\n<meta property=\"og:title\" content=\"&quot;Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha&quot; Pirezidaant Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"og:description\" content=\"AMN PLUS \u2013 Ebla 11\/2017 Ilmi namaa gaarummaafi ho\u2019a uumaa isaa dagachuun gowwomsaa Daabiloosiin toosifamee abboommii Waaqayyo isaaf dhaabe cabsuun duuti bara baraa balbala dhaloota hundumaa akka dhaale macaafni Qulqulluun dhugaa nuuf ba\u2019eera. Seerri uumaan ilmaan namootaaf dhaabe cabuu isaatiinis ayyaanni Waaqaa ilmaan namootaa irraa godaane. Gocha badaa fuula waaqaatti raawwateenis Addaam Jenneta Edenii baafamee [&hellip;]\" \/>\n<meta property=\"og:url\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/\" \/>\n<meta property=\"og:site_name\" content=\"AMN-Afaan Oromoo\" \/>\n<meta property=\"article:published_time\" content=\"2025-04-19T10:50:35+00:00\" \/>\n<meta property=\"article:modified_time\" content=\"2025-04-19T10:50:37+00:00\" \/>\n<meta property=\"og:image\" content=\"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/Shimelis.jpg\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:width\" content=\"653\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:height\" content=\"688\" \/>\n\t<meta property=\"og:image:type\" content=\"image\/jpeg\" \/>\n<meta name=\"author\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n<meta name=\"twitter:card\" content=\"summary_large_image\" \/>\n<meta name=\"twitter:label1\" content=\"Written by\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data1\" content=\"afanoromocontent\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:label2\" content=\"Est. reading time\" \/>\n\t<meta name=\"twitter:data2\" content=\"4 minutes\" \/>\n<script type=\"application\/ld+json\" class=\"yoast-schema-graph\">{\"@context\":\"https:\\\/\\\/schema.org\",\"@graph\":[{\"@type\":\"Article\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/#article\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/\"},\"author\":{\"name\":\"afanoromocontent\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\"},\"headline\":\"&#8220;Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha&#8221; Pirezidaant Shimallis Abdiisaa\",\"datePublished\":\"2025-04-19T10:50:35+00:00\",\"dateModified\":\"2025-04-19T10:50:37+00:00\",\"mainEntityOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/\"},\"wordCount\":738,\"commentCount\":0,\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/Shimelis.jpg\",\"articleSection\":[\"Hawaasummaa\"],\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"CommentAction\",\"name\":\"Comment\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/#respond\"]}]},{\"@type\":\"WebPage\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/\",\"name\":\"\\\"Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha\\\" Pirezidaant Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo\",\"isPartOf\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\"},\"primaryImageOfPage\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/#primaryimage\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/#primaryimage\"},\"thumbnailUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/Shimelis.jpg\",\"datePublished\":\"2025-04-19T10:50:35+00:00\",\"dateModified\":\"2025-04-19T10:50:37+00:00\",\"breadcrumb\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/#breadcrumb\"},\"inLanguage\":\"en-US\",\"potentialAction\":[{\"@type\":\"ReadAction\",\"target\":[\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/\"]}]},{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/#primaryimage\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/Shimelis.jpg\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2025\\\/04\\\/Shimelis.jpg\",\"width\":653,\"height\":688},{\"@type\":\"BreadcrumbList\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/3901\\\/#breadcrumb\",\"itemListElement\":[{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":1,\"name\":\"Home\",\"item\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\"},{\"@type\":\"ListItem\",\"position\":2,\"name\":\"&#8220;Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha&#8221; Pirezidaant Shimallis Abdiisaa\"}]},{\"@type\":\"WebSite\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#website\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"description\":\"\",\"publisher\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\"},\"potentialAction\":[{\"@type\":\"SearchAction\",\"target\":{\"@type\":\"EntryPoint\",\"urlTemplate\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/?s={search_term_string}\"},\"query-input\":{\"@type\":\"PropertyValueSpecification\",\"valueRequired\":true,\"valueName\":\"search_term_string\"}}],\"inLanguage\":\"en-US\"},{\"@type\":\"Organization\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#organization\",\"name\":\"AMN-Afaan Oromoo\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/\",\"logo\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\",\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/wp-content\\\/uploads\\\/sites\\\/2\\\/2023\\\/09\\\/logo.png\",\"width\":291,\"height\":91,\"caption\":\"AMN-Afaan Oromoo\"},\"image\":{\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/logo\\\/image\\\/\"}},{\"@type\":\"Person\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/#\\\/schema\\\/person\\\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76\",\"name\":\"afanoromocontent\",\"image\":{\"@type\":\"ImageObject\",\"inLanguage\":\"en-US\",\"@id\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"url\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"contentUrl\":\"https:\\\/\\\/secure.gravatar.com\\\/avatar\\\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g\",\"caption\":\"afanoromocontent\"},\"url\":\"https:\\\/\\\/www.amn.gov.et\\\/oro\\\/author\\\/afanoromocontent\\\/\"}]}<\/script>\n<!-- \/ Yoast SEO plugin. -->","yoast_head_json":{"title":"\"Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha\" Pirezidaant Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","robots":{"index":"index","follow":"follow","max-snippet":"max-snippet:-1","max-image-preview":"max-image-preview:large","max-video-preview":"max-video-preview:-1"},"canonical":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/","og_locale":"en_US","og_type":"article","og_title":"\"Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha\" Pirezidaant Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","og_description":"AMN PLUS \u2013 Ebla 11\/2017 Ilmi namaa gaarummaafi ho\u2019a uumaa isaa dagachuun gowwomsaa Daabiloosiin toosifamee abboommii Waaqayyo isaaf dhaabe cabsuun duuti bara baraa balbala dhaloota hundumaa akka dhaale macaafni Qulqulluun dhugaa nuuf ba\u2019eera. Seerri uumaan ilmaan namootaaf dhaabe cabuu isaatiinis ayyaanni Waaqaa ilmaan namootaa irraa godaane. Gocha badaa fuula waaqaatti raawwateenis Addaam Jenneta Edenii baafamee [&hellip;]","og_url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/","og_site_name":"AMN-Afaan Oromoo","article_published_time":"2025-04-19T10:50:35+00:00","article_modified_time":"2025-04-19T10:50:37+00:00","og_image":[{"width":653,"height":688,"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/Shimelis.jpg","type":"image\/jpeg"}],"author":"afanoromocontent","twitter_card":"summary_large_image","twitter_misc":{"Written by":"afanoromocontent","Est. reading time":"4 minutes"},"schema":{"@context":"https:\/\/schema.org","@graph":[{"@type":"Article","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/#article","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/"},"author":{"name":"afanoromocontent","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76"},"headline":"&#8220;Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha&#8221; Pirezidaant Shimallis Abdiisaa","datePublished":"2025-04-19T10:50:35+00:00","dateModified":"2025-04-19T10:50:37+00:00","mainEntityOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/"},"wordCount":738,"commentCount":0,"publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/Shimelis.jpg","articleSection":["Hawaasummaa"],"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"CommentAction","name":"Comment","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/#respond"]}]},{"@type":"WebPage","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/","name":"\"Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha\" Pirezidaant Shimallis Abdiisaa - AMN-Afaan Oromoo","isPartOf":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website"},"primaryImageOfPage":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/#primaryimage"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/#primaryimage"},"thumbnailUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/Shimelis.jpg","datePublished":"2025-04-19T10:50:35+00:00","dateModified":"2025-04-19T10:50:37+00:00","breadcrumb":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/#breadcrumb"},"inLanguage":"en-US","potentialAction":[{"@type":"ReadAction","target":["https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/"]}]},{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/#primaryimage","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/Shimelis.jpg","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2025\/04\/Shimelis.jpg","width":653,"height":688},{"@type":"BreadcrumbList","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/3901\/#breadcrumb","itemListElement":[{"@type":"ListItem","position":1,"name":"Home","item":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/"},{"@type":"ListItem","position":2,"name":"&#8220;Du\u2019aa ka\u2019uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha&#8221; Pirezidaant Shimallis Abdiisaa"}]},{"@type":"WebSite","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#website","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","name":"AMN-Afaan Oromoo","description":"","publisher":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization"},"potentialAction":[{"@type":"SearchAction","target":{"@type":"EntryPoint","urlTemplate":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/?s={search_term_string}"},"query-input":{"@type":"PropertyValueSpecification","valueRequired":true,"valueName":"search_term_string"}}],"inLanguage":"en-US"},{"@type":"Organization","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#organization","name":"AMN-Afaan Oromoo","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/","logo":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/","url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","contentUrl":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/09\/logo.png","width":291,"height":91,"caption":"AMN-Afaan Oromoo"},"image":{"@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/logo\/image\/"}},{"@type":"Person","@id":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/#\/schema\/person\/5f665899e82ee8a0880632c986c3fa76","name":"afanoromocontent","image":{"@type":"ImageObject","inLanguage":"en-US","@id":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","url":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","contentUrl":"https:\/\/secure.gravatar.com\/avatar\/024c286eb32a9435c35b67217b73c98c31597a6eb9941afba91e9aed1b4e9d6d?s=96&d=mm&r=g","caption":"afanoromocontent"},"url":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/author\/afanoromocontent\/"}]}},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3901","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/3"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3901"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3901\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":3903,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3901\/revisions\/3903"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media\/3902"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3901"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3901"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.amn.gov.et\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3901"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}